Abdulaziiz Tamaam Oli

Abdulaziiz Tamaam Oli

Share

Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Abdulaziiz Tamaam Oli, Professional Sports Team, Al-Mukattam City.

12/11/2025

ABBAA DIIMAA GABBARAA!!!!!
("maammoo ati bacaqiidhuma bac bac goota malee akkamiin baharii daakta") 😁

Diggaa kootu seenaa qoosaan makaa tokko natti hime. Ka'umsi seenaa isaa immoo qoosaa namni hundi maaliif kiiloo afur galuuf maraata jedhurraa ka'a.

🌹Akka diggaan natti himetti Abbaan Jifaar mootii beekaa fi ammayyaa'aa kan bara sana paarlaamaa nama 60 gosoota godina jimmaa hundarraa walitti bahe ijaaruun murtee paarlaamaatiin bulchaa turani. Ministeera waraanaa Abbaa Diggaa Roorroo fi gorsaa hunda galeessa Abbaa Diimaa Gabbaraa jedhamuun marii bilchaataa gaggeessu ture.
Gidduudhaan namichi dhiheenya masaraa keessa tajaajiluuf dhufe kan maammoo jedhamu dimokraasii guutuu masaraa keessaa fi mirga isaaf kenname ilaalee maaliifan bakka mootii abbaa jifaar kana hin buune jedhee yaaduu eegale.

🌹Bara sana namni waan raajii hojjetee fi Abjuu eebbifamaa fi milkii arge ni badhaafama waan ta'eef akkamiin carraa kana fayyadamee mootii ta'u jedhee mala tokko male.....

🌹Innis ganamaan abbaa jifaar bira deemee "yaa mootii eda galgala rabbi manaamaan harka na qabee bahaarii guddaa(ocean) na daaksisaa bule mujiizaadha" jedhee itti hime.

🌹Abbaan Jifaaris mujiizaan kun waan baayyee dhibeef gorsaa isaanii beekamaa fi hunda galeessa Abbaa Diimaa Gabbaraa waamanii manaama namichaa itti himanii hiikiif( fassariif) yookaan furmaatasaa naaf himi jedhaniin

🌹Abbaan Diimaa gabbaraa garuu bilchaataa fi akka maammoon aangoof maraataaru waan beekuuf aluma jalqabu "dogoggora guddaa hojjette ni balleessite jedheen.

🌹Maammoonis maal AbbaaDiima anoo rafeen abjuudhaan manaamaan baharii daakee maalan balleesse jedhee gaafate.

🌹Abbaan diimaas utuma abjuun manaamaan ta'ee:
👉 bahaarii abbaa jifaartu daaka,
👉abbaayiin Abbaa Diggaa Abbaa Roorrootu daaka,
👉Gibeen anatu daaka
👉ati siluma kan maalii bahaarii daakta? Diddee fuulduree mana keetiitii bacaqii bacbac hingootuu? Baayyee dogoggorte kee silaa bacaqii bacbac gochuudha qabda ture" jedhanii abdii kutachiisanii maammoo xallaasaa fi aboottaa babbareedduu keessa buusanii hojiisaa idileetti deebisani jedhee diggaan natti hime

🌹Maaliif seenaa kana yaadattan jedhee diggaakoo gaafannaan; Isuma namni hundi Akka waan sammuun raafamee kiiloo afur galuuf maraataarutu na dhibe, isayyu yaadaan caalee osoo hin ta'in jibbaa fi inaaffaan tarsiimoo dulloomaa "bara shaantuutiin" isa namni kiiloo 4 galuuf maraataarutu na dhibnaani naan jedhe.

🌹Achumaanis diggaan Masaraa kiiloo 4 galuuf daandii lamatu jira naan jedhe. Isaanis
👉1. Paarkii kiiloo 4 qarshii 300 kaffalanii galuu....
👉2. Filannoo qulqulluun yaada caalmaa ummatatti dhiheessanii gurguratanii filannoon injifatanii qofa naan jedhe.

Boida kana garuu gorsummaa biyyoota 128 dhiisee miindaarra jira waan ta'eef bacaqii bac bac godhaa jira.😂

Mee maammoowwan kana eenyufaadha? Qulbaa kaasaa tarreessaa!

Diggaakoo ulfaadhu qoosaa ergaa guddaa qabu natti himte .
.......................

By John Ahmed🙏

23/10/2023

Alhamdulillaah Kana booda akka feenetti itti fayyadamuu dandeeny haraamiif halaaliin wal hinshororkeessinu galanni ulamaa'ii keenyaaf haa ta'u Rabbiin umurii isaanii nuuf haa dheeressu.

19/09/2023

Hamma Beekan mana Eegan akkuma jedhamu gurbaan kun harka xuriitiin Amantii keenyaaf sheekolee keenya xureessuuf yaalii inni godhaaru Nuti qeerroon Oromoo muslimaa jabeessinee balaaleffanna Sagalee tokkoon gurbaa damacaa kana golatti haa deebifnu.

05/09/2023

Maasha'allah Tabaarakallah Rabbiin isinirraa haa jaallatu.

10/08/2023

ወቅታዊ ዜና
በጃውሳ እና በመከላከያ ሰራዊት መካከል የነበረው ጦርነት ተጠናቀቀ። ለሁለት ቀናት የሚቆየው ጦርነት በጊነስ ቡክ ኦፍ ወርልድ ሪከርድስ ውስጥ የዓለማችን “አጭሩ ጦርነት” ተብሎ ተዘርዝሯል።
ቀነኖስ ዘግቧል

Photos from Abdulaziiz Tamaam Oli's post 09/08/2023

Qopheessaan barruu kanaa OMN dha. Aggaammii naannoo Amaaraatii biyyattii irratti aggaamame fashaleessuuf warreen magaalaa Finfinnee dabalatee magaalota Oromiyaa fi waajjiraalee mootummaa federaalaa keessa taa'anii hookkara meeshaa waraanaan deeggarame naannoo Amaaraa keessatti deemaa jiru qindeessanii fi tumsan irratti tarkaanfii fudhachuun murteessaa akka ta'e ibsame.

Humnoonni finxaaleyyii Amaaraa hookkara meeshaan deeggarame naannoo Amaaraa keessatti kaasan gara magaalaa Finfinnee dabalatee magaalota Oromiyaa garagaraatti babal'isuuf yaalaa jiraachuu odeeffannoon OMN dhaqqabe ni mul'isa.

Jijjirama siyaasaa Itoophiyaa keessatti bara 2018 dhufe hordofee humni ilaalcha finxaalessummaa Amaaraa tarkaanfachiisu Faannoon muddama siyaasaa haleellaa sabummaa irratti xiyyeefate Oromiyaa, Beenishaangul Gumuuz fi Tigraay irratti raawwataa ture.

Ummata Oromoo kan jijjiirama siyaasaa Itoophiyaa keessatti fide ammoo abbaa dabaree (taranyaa) jechuun olola jibbaa siyaasaa irratti oofaa jira.

Humni kun jibbaa Oromoo fi Oromummaa irraa qabuun duula Oromummaa dhabamsiisuu erga jalqabee bubbuleeti jira.

Gareen Oromummaa akka diina jalqabaatti ilaalu faannoo gartuuleen finxaaleyyii siyaasaa Amaaraa jeequmsa naannoo Amaaraa keessatti uume, gara naannoo guddicha Itoophiyaa Oromiyatti babal’isuuf hojjataa jiraachuu isaa ragaaleen ni mul’isu.

Kaayyoon muddama siyaasaa kana naannoo Amaaraa gara kutaalee biyyatti birootti babal’isuu kun haleellaa sabummaa irratti xiyyeefate ummata Oromoo irratti raawwatuuf akkasumas aangoo qabachuun uummata Oromoo fi saboota biroo cunqursuu akka ta’e maddeen OMNtti himani jiru.

Humnoonni kunneen magaalota naannoo Oromiyaa keessatti hookkara kaasuuf dhoksaan humna qindeessaa akka turan ragaan OMN dhaqqabe ni mul'isa.

Magaalonni hokkorri akka keessatti ka'uuf filataman kanneen akka Adaamaa, Shaashamannee, Asallaa, Finfinnee, Dirre Dhawaa, Ciroo fi kanneen biroo akka ta'an odeefannichi mul'iseeti jira.

Humni kun abbootii qabeenyaa naannoo Amaaraa kanneen akka Warquu Atinaaw, Balayinee Kindee, Yibaluu Masaawwat, Abdu Arraagee, Zannabaa fi kanneen birootiin qindeefamee jeequmsa kaasuuf ajaja eeggachaa jiraachuu maddeen himan.

Abbootin qabeenyaa kunniin man-kuusaa gurguddaa magaalota Shaggar fi Finfinnee keessaa qabanitti meeshaa waraanaa kuusaa jiraachuu kan himan maddeen OMN, mootummaan hordoffii fi to’annaa abbootii qabeenya humnoota finxaaleyyii Amaaraa deeggaran irratti taasisuu qaba jedhu.

Walitti bu’iinsa Raayyaa Ittisa Biyyaa fi Faannoo jiddutti adeemsifamaa jiru kana keessatti qondaalonni mootummaa Biltsiginnaa, miseensonni mana marii bakka bu’oota ummataa, qondaalonni magaalaa Finfinnee, hoogantoonni Ethio Telecom, hoogantoota miidiyaalee fi abbootiin qabeenyaa dhalootaan Amaaraa ta’an hidhannoo, odeeffannoo, loojistiikii fi kanneen biroon hidhattoota Faannoo deeggaraa jiraachuu ragaaleen OMN dhaqqabaa jiran ni mul’isu.

Mootummaan qaamolee kana keessa harka qaban hordofuu fi tarkaanfii malu irratti fudhachuu akka qabus hubachiifameeti jira.

Uummanni Oromoo immoo qe'ee isaa seelii garee finxaalessaa kana irraa akka eegus dhaamameeti jira.

23/04/2023

Dhugaa Qabsookee Deeggaruu baadhus Dhugaaf bu'aa Argitee Marii Nageenyaarratti dhiyaattee Rakkoo Uummatakeetii hiikuuf Eeyyamamaa ta'uunkee baayyee Nama gammachiisa Galatoomi !!

23/04/2023

Goota umurii isaa guutuu ummata isaatiif jiraate dhabuun bayyee nama gaddisiisa. Artist Zarihuun Wadaajoo, gumaacha ati qabsoo ummata Oromoo keessatti taasifte yoomiyyu hindagatamu.
Ummata Oromoo hundaaf Obsa haa kennu
Nagaan boqadhu.

Want your business to be the top-listed Gym/sports Facility in Al-Mukattam City?

Click here to claim your Sponsored Listing.

Location

Website

Address

Al-Mukattam City