Gadaa Tufaa

Gadaa Tufaa

Share

Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Gadaa Tufaa, Public swimming pool, Adama, Adama.

14/07/2025

Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Hafuraa Qulqulkuu Waaqa Tokkoo Ameen!!
“Iyyesus immoo deebisee, "Dhuguma, dhuguman isinitti hima, Abrahaam utuu hin dhalatin iyyuu ani jiran ture" isaaniin jedhe.” Yoh. 8:58

Gooftaa Isa durii durii Abbaa Bara baraa
Kan barri isa hin dangeessine bara baraan jiraataa

Yaa Qulqulluu Sillaasee !

Tokkummaan kee sadummaa kee hin faallessu.
Sadummaan kee tokkummaa kee hin faallessu.

Tokko yoo jennuu:-

Uumuudhaan, jireenyaan, taayitaadhaan,‘malakootiidhaan’ (kan hin dune) ta’uudhaan tokko jechuudha. Sillaaseen kabajan wal hin caalaan; umuriidhaaniis wal hin dursan. Jireenyaan yoo jennuu immoo “Ani Abbaa keessa Abbaanis Ana keessa akka jiru hin amantuu ree?” jedhame akkuma ibsame waliin jireenyi isaanii tokko; Yoh 14:10

Sadii yoo jennuu:-

1. Maqaadhaan:-

Abbaa, Ilmaa fi Hafuura Qulqulluu dha (Mat 28:19 “Dhaqaatii Maqaa Abbaa, kan Ilmaa Kan Hafuura Qulqulluutiin isaan cuuphuudhaan saba hunduma bartoota koo godhaa”) jedha.

2. Qaamaan:-

Abbaa, Ilmii fi Hafuurri Qulqullun Qaama kophaatti of danda’e guutummaa guutuuti sadiidha malee akka Addaam yookaan akka nama dhuunfaa tokkoo qaaman tokko miti.

Qaamaa sadii yoo jennu ammo akka qaama namaa miti.Qaamni namaa murtaawaadha; kan muldhatuudhaas; xinnaadhaas; kan
tortorudhas. Qaamni Sillaasee garuu akkas miti. Ardii fi samii irratti, qilleensaa fi gad fageenya keessatti kan guute, bakka hundattikan argamu, jiraataa bara baraati.

3. Gochaan :-
Gochaan yoo jennu Abbaan ni dhalche, Ilma Isaa tokkicha gara biyya lafaa kanatti erge, Ilmi (Iyyasuus) immoo ni dhalate, ni ergame.

Hafuurrii Qulqulluun Immoo Abbaa irraa bahe/argame. Ilmaan wal qixxee tahe; Abbaa irraa bahe
(Afaan Gi’iziitiin Seretsee jedha”) jenna.

Kan erges, kan ergames immoo heeyyamuma Abbaatiin, heeyyama Ilammtiinis malee dirqamaan miti.
Kana yoo jennu Ilmi Abbaarra dhalatee yoo jennuu, Hafuurri Qulqulluunis
Abbaa Irraa bahe yoo jennu wal hindursan. Akka Ilmi namaa Abbaan
umuriidhaan ilma dursuu miti.

Akka Abrahaam Yisihaaqiin dursu, Akka Yisihaaq Ilma isaa Yaaqoobiin dursu, wal irraa dhalachuun sadummaa akkas miti.

Kun yeruma tokkotti kan ta’ee dha.Yeroon kun itti ta’es hin safaramu, sammuun namaatiinis bira hin ga’amu. Waaqayyoo yeroo dursa Waan ta’eef.

Garuu qaamaan sadii ta’anis Waaqayyoo tokko jenna malee Waaqayyoo sadi gonkuma
hin jennu. Abbootiin, namootni akka iccitii sadumma kana hubataniif fakkeenya kennuu yaalaniiru, fakeenyi kennamus guutumatti ibsuu baatuus, fakkeenya
fakkeenyaa gadii ta’us.

Fakkeenyaaf Aduun(biiftuun) Waa sadi qabdi: qaama, ifaa fi o’a. Waa kana sadeen qabaattus garuu aduu sadii hin jennu.

Abbootni fakkeenya Ibiddaas ni kennu. Abidddi waa sadi qaba. Qaama, ifa fi o’a. ‘Ibidda fidi’ yoo jennuu qaama isaa, ‘ibidda ibsi’ yoo jennuu ifa isaa, ‘ibidda o’ifanna’ yoo jennu immoo o’a isaa agarsiisa.

Garuu Ibidda sadi hin jennu. Ibidda tokko jenna malee. Iccitiin sadummaatiis akkasi.

Abbaa, Ilmaa fi Hafuura Qlqulluu, garuu Waaqa tokko. Kanaaf qaama ibiddaa Abbaadhaan, ifa
Ilmaan, o’a isaa ammo Hafuura Qulqulluun wal fakkeessu.
Ammas Abbootni fakeenya kennan, Abbaan Lapheedha jedhu, Ilmi sagalee dha, Hafuurri Qulqulluun immoo Hafuura jireenyaati jedhu.

Kanaaf Laphee Abbaatiin Yaadu, Sagalee Ilmaatiin Dubatu, Hafuura Qulqulluudhaan bara baraaf jiraatu. Waliin jiraatu malee adda miti. Mootummaan isaanis adda miti.
Kanaaf Waaqa tokko jenna.

Hafuura Qulqulluun akkamitti Abbaa irraa bahe/argame/ kan jedhuuf immoo namni beeku hin jiru; yaada sammuu ilma namaatii olwaan ta’eef. Akkasumatti
“yaa gooftaa kan kee Dinqiidha/ajaa’ibadha jechuudha malee” jedhu abbootni.

Garuu waa’ee sadummaa qo’atanii bira gahuun hin danda’amu. Waa’ee
sadummaa qo’adheen bira gaha jechuun akka bishaan galaanaa, habbuuqadheen fixa jechuuti.
Raajii Isaayyaasis yeroo sadi “Qulqulluu, Qulqulluu, Qulqulluu, Waaqayyoo
gooftan maccaa” jedhee faarfachuun isaa Qaamni Waaqa sadi ta’uu hubachiisa.

Isa 6:3. Waaqa tokko ta’uusaa immoo “Waaqayyoo tokkicha malee kan biraa
akka hin jirre nuyi ni beekna” jedha 1qor 8:4. Waa’ee sadummaa hubachuuf
dabalataan caqasa kana ilaalaa Uma3:22, Uma 16:7, Uma 18:1,Yoh 14:11,Yoh
14:23.
Tokkuummaa fi sadummaa isaa akka beeknu icitii isaa kan nuun gahe
Waaqayyoo Maqaan isaa haa ulfaatu. Ameen!

Kanaaf Gooftaa Iyyesuus Kiristoosi Yihudootaaf deebii deebise "Ani Abriham duran jira jedhen.

Abraham guyyaa koo arges gammade jedhe Kunis isa Adoolessa 7 kabanyu dha.

Baga geessan.

08/06/2025

𝗦𝗼𝗼𝗺𝗮 𝗗𝘂𝘂𝗸𝗮 𝗕𝘂'𝗼𝗼𝘁𝗮𝗮
━━━━━━━━━━⊱🌷⊰━━━━━━━━━━
━━━━━━━━━━⊱🌷⊰━━━━━━━━━━

ተመየጡ ኀቤየ በኵሉ ልብክሙ በጾም ወበጸሎት በላሕ ወበብካይ። (ኢዮኤል 2፥12)

✅ jechuun dhiisuu, of dhorkuu, lagachuu, fedha foonii fedha lubbuuf bichisiisuu jechuu dha. Soomiin bara Kaakuu Moofaa irraa kaasee hangaa ammaatti kan jiru, gara fuulduraattis kan itti fufuu dha.
~Raajootni Waaqayyotti kan dhiyaatan
~Badii cubbuu jalaa kan ittiin ba’amuu (𝑹/𝒀𝒐𝒏𝒂𝒔 3፥5-10)
~Diinni kan ittiin moo’amu (𝑴𝒂𝒕 4፥21; 17፥21)
~Tajaajilaaf kan qophoofnu (𝒀𝒐𝒉 13፥3; 4፥25)
~Kabaja kan argannu (𝑯𝑫𝑩 10፥20) … Soomanidha jechuudha. Soomiin wanta eegneefi kadhanne qofaa kan ittiin argannu osoo hin ta’in wanta nu barbaachisu maraa kan ittiin argannuu dha.

➜ Bakka Amantaan jirutti yeroo hedduu soomiin ni jira. Manni Amantaa Ortodoks Tawaahidoo sooma mataa ishee yeroo fi waqtii gara garaatti addaan qooddee ni qabdi (𝒁𝒂𝒌 8፥19). Soomiin Duuka bu’ootas gosa sooma labsii keessaa isa tokko ta’ee soomota akka seera manaa qulqullumaatti yeroo maraa Wiixata eegalan sadeen (𝘚𝘰𝘰𝘮𝘢 𝘎𝘰𝘰𝘧𝘵𝘢𝘢, 𝘚𝘰𝘰𝘮𝘪𝘪 𝘚𝘢𝘣𝘢 𝘕𝘢𝘢𝘯𝘢𝘸𝘦𝘦 𝑓𝑖 𝘚𝘰𝘰𝘮𝘢 𝘋𝘶𝘶𝘬𝘢 𝘉𝘶'𝘰𝘰𝘵𝘢𝘢) keessaa isa tokkoodha. Soomiin kun lakkofsaan guyyaa murtaa’aa hin qabu. Haa ta’uu malee soomiin kun akka mana kiristaanaa Ortodoksiitti waggaa waggaan ayyaana guyyaa shantamaaffa /Pharaqiliixoos/ bulee akka soomamuufi yeroo hundaa Adolessaa 05 akka hiikamu /xumuramu/ seerri mana amantaa ni ibsa. (Fitihaa Nagastii Keyyataa 15, key Xiqqaa 569) irratti argattu.

➜ Soomiin kun Amantoota duraanii biratti sooma Loltootaa jedhamuun beekama. Bara durii loltoonii dirree waraanaa deemuuf ykn si’a dirree waraanaa irraa deebi’an dogongora dalaganiif ni soomu ture. Duuka buutotni Gooftaas Lallaba wangeelaaf dirree waraanaa hamaa kan taate addunyaa kana irra deddebi’uun barsisuun, seexana baasuun, namoota barsiisuun cuuphuun hordoftoota Kiristoos taasisuu isaaniin dura sababa soomaniif soomii loltootaa jedhame jechuudha. Soomiin Duuka bu’ootaa sooma kaan irraa adda kan isa taasisu Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos afaan isaatiin raajii dubbachuu isaatini. Kunis yeroo Gooftaan keenya biyya lafaarra deddeebi’ee barsiisutti warreen Farisoota itti dhiyaachuun ‘’Duuka bu’ootni Yoohaannis maaliif hedduu soomuu kadhannaas maalifiin taasisuu, Duuka buutotnii kee garuu kan hin soomnee maalif?‘’ jechuun yeroo gaafatanitti, Gooftaan akkas jedhee deebbiseef “Miinzootni osoo misirroon isaan waliin jiruu gadduun isaan barbaachisaa? Garuu yeroo misirroon isaan irraa adda ba’uu ni dhufaatii waqtii sana ni soomuuu”. Huccuu haarawaa irratti kan moofaa erbu hin jiru, erbaan isaa uffata tarsaasaatii, tarsa’uun isaas kan caalu ta’a. Okkotee moofaatti daadhii waynii haarawaa kan naqus hin jiru, osoo naqamee garuu okkotee /gaanii/ san ni cabsa. Daadhiin Wayniin sunis ni dhangala’a. Okkoteen sunis ni bada. Garuu daadhii waynii haarawaa okkotee haarawwatti naqu, lamaanuu achiin wal (𝑴𝒂𝒕 9፥14-17, 𝑳𝒖𝒒 5፥33-39).
Barruu kana keesssatti Gooftaan keenya “𝑌𝑒𝑟𝑜𝑜 𝑚𝑖𝑠𝑖𝑟𝑟𝑜𝑜𝑛 𝑖𝑠𝑎𝑎𝑛 𝑖𝑟𝑟𝑎𝑎 𝑎𝑑𝑑𝑎𝑎𝑛 𝑏𝑎ℎ𝑢 𝑛𝑖 𝑑ℎ𝑢𝑓𝑎𝑎𝑡𝑖𝑖 𝑤𝑎𝑞𝑡𝑖𝑖 𝑠𝑎𝑛 𝑛𝑖 𝑠𝑜𝑜𝑚𝑢” kan jedhe kuni raajii waa’ee sooma kanaaf dubbatamee dha. Akkasumas jechi kun sooma kanaaf beellama kenna. Kunis misirroon yeroo irraa addaan bahu jechuun ibsame. Kanaafuu, soomiin Duuka bu’ootaas Ol bahuu Gooftaan /በዓለ ዕርገት/ booda malee hin eegalu jechuudha. Kunis manni Amantaa Ortodoksii gocha ishee kamiifuu hagam Kitaaba Qulqulluu irratti akka hundooftu mul’isa.

━⊱ Soomiin kun ayyaana Ol-bahuu /ዕርገት/ irraa guyyaa kudhan /10/ booda eegalama. Kunis qaamni Duuka bu’ootaa hanga Afura Qulqulluun isaaniif bu’utti guutummaa guututti qophaa’aa ta’uu dhiisuu isaa nuuf mirkaneessa. Kanas Gooftaan keenya “erbaa moofaa ……” akkasumas “okkotee moofaa …..” jechuun ibseera. Haaluma kanaan Duuka buu’otni jajjabeessaa kan ta’e Afuura Qulqulluun erga haaromsamanii booda akka sooman ni arganna. Kutaa dubbii barumsa Gooftaa waa’ee sooma Duka bu’ootaaf barreeffame keessatti dubbii ijoo sadii ni arganna. Mee isaanin gabaabumatti haa ilaalu ⤵️

⚠️ “Miinzootni osoo Misirroon isaan waliin jiruu gadduun isaanirraa hin eegamu.” Miinzota kan jedhaman kanneen akka Yohaannis Cuuphaa warreen jechuun daandii qulqulleessan, warreen wangeela barsiisanii fi namoota daandii Kiristoositti fidanii dha. Hojiin miinzotaa misirree dubra gara misirrootti fiduu waan ta’eef haaluma kanaan miinzota jechuun Duuka buu’oota jechuu dha. Iyyasuus Kiristoos misirroo (dhiiraa) yoo ta’u manni qulqullummaa (kiristaanootni) immoo misirree (dubraan) fakkeefamu jechuudha (2𝑸𝒐𝒓 11፥2, 𝒀𝒐𝒉 3፥29). Kanaafuu, miinzootni misirroo gammachisuuf jecha rakkoo kamiiyyuu ciiniinnachuun dabarsu malee fuula misirrootti hin gaddan. Soomni barbachisaa ta’uu iyyuu Gooftaan osoo isaan waliin jiruu akka soomuu hin qabne nu hubachiisa. Gaafa inni isaan irra adda bahe garuu (Jimaata gaafa warra Ayihuudotaan fannifame irraa hanga Dilbata du’aa ka’umsa isaa arganitti fi erga inni gara saamiitti olbahee) booda akka soomuu qaban nu agarsiisa. Fakkeenya kana keessatti soomiin gaddaan fakkeessameera. Soomuun gammachuun isaa lubbuudhafi malee fooniif miti. Foon hanga sooma barutti soomni adabbii isaati. Kanaafuu soomaan lubbuu malee foon hin gammadu. Sababa kanaaf soomiin Kitaaba Qulqulluu keessatti bakka hedduutti gadda, rakkoo, booyicha waliin walqabatee dhiyaata (𝐈𝐲𝐮'𝐞𝐥 2፥12).

⚠️ “Huccuu haarawaa irratti kan moofaa haguuguu /erbuu/ hin jiru, erbaan isaa uffata tarsaasatii, tarsa’un isaas kan caalu ta’a.” Namni huccuu hodhu uffata haarawaa irratti huccuu moofaa hin erbu. Kunis huccuu balleessu fi miidhagina isaa dhabsiisuu ta’a malee. Inni haarawaan sanis sababa isa moofatti dafee gatama. Fakkenya kana keessatti ogeessa huccuu hodhuun kan fakkefame Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoosi dha. Huccuu erbaan kan fakkeeffame sooma Kakuu Haaraa Gooftaan hundeesse yoo ta’u, huccuu moofan kan fakkeefame jireenya Duuka bu’ootaati. Akkuma fakkenya kana irra hubannutti namootni uffata Gooftaati. ( ) akkuma jedhu. Kiristaanotni huccuu Kiristoos yoo jennu kabaja Waaqayyoo ni muldhisu jechuu keenyadha. Kunis uffatni kabaja namaa sababa muldhisuufi.

━⊱ Gama biraan, Kiristoos namootaaf huccuu isaaniti ወአንትሙሰ እለ ተጠመቅሙ በክርስቶስ፤ ክርስቶስሃ ለበስክሙ akkuma jedhu qulqullichi Phaawuloos (𝑮𝒂𝒍 3፥27) irratti. Kiristoos immoo uffata amantootati yoo jennu fayyaa, miidhagina, golgaa badii fi kabaja isaaniiti jechuu keenyadha. Sooma kana keessatti erbaan fakkeefamuun isaa erbaan wanta wal dhabee fi wal irraa fagaate akkuma wal-qunnamsiisu, soomiinis fedha gara garaa kan qaban fooni fi lubbuu tokko waan taasisuufi (walitti fiduufi) dha.

━⊱ Huccuu haarawaa irratti kan moofaa erbu hin jiru, dacha’an/erbaan/ isaa uffata tarsaasaati, tarsa’uun isaas kan caalu ta’a jechuun Iyyasuus kiristoos qaamni duuka bu’ootaa cubbuun osoo dadhabee /moofa’ee/ jiruu osoo isaan hin jajjabeessiin/hin haroomsiin/ seera haarawaa tolchee ykn sooma soomaa jedhee akka isaan hin ajajnee fi qaamni isaanii yeroo Afuura Qulqulluun haromsamu garuu akka soomuu qaban muldhisa. Kunis waaqayyo dandeetti keenya malee ba’aa akka nutti hin feene fi abbaa gaarii nu caalaa nuuf yaadu ta’uu isaa agarsiisa jechuudha. Innis yeroo sana Duuka bu’oonni waan gochuu hin dandeenye taasisaa jedhees isaan hin ajajne, yoom akka ajaju ni beekaati. Israa’elootaaf osoo garbummaan jiraanii ajaja kurnan kan hin kennineef kanaafi. Garbummaan osoo jiranii waan barbaadan dalaguun waan hin danda’amneef. Waaqayyos dhala namaa hanga humna isaa malee humnaan isatti olitti ba’aa itti hin fe’u. Nuyis akkuma isa irraa baranneen gochuu kan qabnu haaluma kana dha.

⚠️ ‘’Okkotee moofaatti waynii haarawaa kan naqu hin jiru, osoo naqamee garuu okkotee /gaaniin/ sun ni caba. Daadhiin Waynii sunis ni dhangala’a. Okkoteen sunis ni bada. Garuu daadhii waynii haarawaa okkotee haarawwatti naqu, lamaanuu achiin wal eegu.’’ Okkotee moofaan kan fakkeefame jireenya Duuka bu’ootni osoo Afuura Qulqulluu hin argatin turan, daadhii waynii haarawaan immoo sooma Gooftaan wangeelan bu’uuresseen fakkeefama jechuudha. Daadhii waynii haarawaa kan naqnu okkotee haarawaatti akkuma ta’e sooma Kakuu Haarawaa ishee jalqabaa Duuka bu’ootni soomuu kan qaban erga Afuura Qulqulluu fudhatanii ta’uu isaa hubanna. Cimina afuuraan (lubbuun) foon keenya ceephaana: “𝐽𝑖𝑙𝑏𝑖 𝑘𝑜𝑜 𝑠𝑜𝑜𝑚𝑎𝑎𝑛 𝑑𝑎𝑑ℎ𝑎𝑏𝑒, 𝑞𝑎𝑎𝑚𝑛𝑖 𝑘𝑜𝑜𝑠 𝑑ℎ𝑎𝑑ℎ𝑎𝑎 𝑑ℎ𝑎𝑏𝑒𝑒 ℎ𝑢𝑢𝑞𝑞𝑎𝑡𝑒” (𝑭/𝑫𝒂𝒘𝒊𝒕 108፥24) akkuma jedhe qulqulichii Daawitti.

➷ Egaa namoonni hedduun sooma bu’uura Kitaaba Qulqulluu akkanatti qabu kana ‘’Soomin Duuka Bu'ootaa kun kan warreen luubotaati, kan warren jaarsotaati, Dur hin turre kan dhiyoo dhufeedha’’ jechuun dogoggoranii namoota biroos ni dogoggorsu. Soomuu dhiisuuf sababa barbaaduu irra sababa barbaadanii soomuutu gatii guddaa qaba. “Kun soomii luubotaafi jaarsoolii ti” yoo jennu immoo sooma barsiisuun luubotafi jaarsoolii qofaaf akka ta’e; akkasumas fayyinni kan barbaachisu, cubbuu kan dalagu isaan qofa jechuu keenya.
Duuka bu’ootni akkuma ajajamaniin addunyaa kana deemanii barsiisuu isaanin dura jalqaba sooma soomani. Duuka bu’ootni hin soomne jechuun fakkenyii armaan oliitti Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos dubbatte soba jechuu dha. Galannii Waaqayyoof haa ta’uuti jechi Waaqayyoos raawwateera duuka bu’ootni isaas soomaniiru.

👌 Walumaagalatti, ergaa guddaan sooma kanaa Duuka bu'ootni Gooftaa irraa kennaa Afuura Qulqulluu akkuma fudhataniin jireenya isaanii soomaan fi tajaajilaan Waaqa isaaniif kennaniiru; Tajaajilaaf ba’uun dursas jireenya isaanii soomaan eegalaniiru. Kanaafuu nuti kiristaanonnis tajaajila Afuuraa hundaa dursa jireenya keenya maraa Waaqayyoof kennuu akka qabnu nu barsiisa jechuudha. Nutis soomii kana soomnee cubbuu irra kan hafe want yaadnu fi hojjetnu maraa akka nuuf raawwatamuf sugni Duuka buu’otaa, gargaarsi Ergamootaa, araarsummaan haadha keenya Dubroo Maariyaam, kadhannaan Qulqullootaa, arjummaan Waaqayyoo nu waliin haa ta’u Amen!

𝗚𝗮𝗹𝗮𝗻𝗻𝗶 𝘄𝗮𝗮𝗾𝗮𝘆𝘆𝗼 𝘂𝘂𝗺𝗮𝗮 𝗸𝗲𝗲𝗻𝘆𝗮𝗳
𝗗𝗲𝗲𝘀𝘀𝘂𝘂 𝗵𝗮𝗮𝗱𝗵𝗮 𝗶𝘀𝗮𝗮𝗳
𝗨𝗹𝗳𝗮𝗮𝘁𝗮𝗮 𝗳𝗮𝗻𝗻𝗼𝗼 𝗶𝘀𝗮𝗮𝗳
𝗘𝗿𝗴𝗮𝗺𝗼𝗼𝘁𝗮𝗳 𝘄𝗮𝗿𝗲𝗲𝗴𝗮𝗺𝘁𝗼𝗼𝘁𝗮 𝗶𝘀𝗮𝗮𝗳
𝗛𝗮𝗮 𝘁𝗮'𝘂 𝗯𝗮𝗿𝗮 𝗯𝗮𝗿𝗮𝗮𝗻 𝗔𝗺𝗲𝗻 🙏
==============//==============

Want your business to be the top-listed Gym/sports Facility in Adama?

Click here to claim your Sponsored Listing.

Location

Website

Address

Adama
Adama