05/07/2025
Hordoftoonni Amantaa Kiristaanaa baga jala bultii Ayyaana Faasikaa bara 2017 nagaan geessan!
Ergaa Baga geessanii Komishinara Komishinii Manneen Sirreessaa Oromiyaa Komishinar Shaafii Husee fi It/A Komishinaraa Komishinii manneen sirreessaa Oromiyaa Gr/"Komi Ijaaraa Gaarradoo
Kabajamtoota Hoggantoota Manneen Sirreessaa Keenyaa Kabajamtoota Miseensota Poolisii Fi Hojjattoota Siiviilii Komishinii Keenyaa Kabajamtoota Hawaasa Mana Sirreessaa Sirreeffamtoota Seeraa fi Maatii Sirreeffamaa Seeraa baga jala bultii Ayyaana Faasikaa bara 2017 nagaan geessan!
Ayyaanni du'aa ka'uu Gooftaa Iyyesuus Kiristoos hordoftoota Amantaa Kiristaanaa biratti ayyaana guddaafi kabajamaadha!
Guyyaan kun, guyyaa yaadannoo gooftaan Iyyesuus Kiristoos waadaa fayyinaa dhala namaatiif gale mirkaneessuuf gidiraa gidiraan olii arguun; fannoorratti fannifamee, du'ee du'a moo'achuun ka'uun; waanjoo cubbuufi du'a dhala namaarraa diiguun; dhala namaa dukkanaa gara ifaatti; du'arraa gara jireenyaatti ceesisuun; guyyaa fayyinaafi haraara itti labse kan ittiin yaadannudha!
Namni ulfinaa fi kabaja guddaaf uumamuu isaa dagatee daabiloosiin gowwomfamee abboommii uumaa isaa cabsuun Jannata keessaa ariāame. sanaan booda Ayyaanni Waaqayyoo tolaan ilmaan namootaaf kennamee tures irraa mulqamee duuti bara baraa ilma namaatti murtaa'e.
Waaqayyoo uumaan cubbuu ilma namaaf jecha uumama harka isaa irraa dhalachuun ilma namaa bade barbaacha gadi of deebisee salphina uffachuun jaalala ilma namaaf qabu fannoorratti agarsiisuun dhiiga isaatiin cubbuu ilma namaa haqe.
Guyyaa dhiifamuu cubbuu dhala namaaf aarsaa Gooftaan Iyyesuus Kiristos Fannoo irratti kaffale kun hordoftoota amantaa Kiristaanaa biratti waggaa waggaadhaan yaadatamuun ayyanichi sagantaa garaa garaan kabajama.
Hordoftoonni Amantaa kiristaanaa Ayyana kana yeroo kabajan Nageenya Manneen sirreessaa Mirkaneessuun kan dhukkubsate gaafachuun; kan rakkate gargaaruun; kan beela'ee beela baasuun; kan dheebote dheebuu baasuun; kan daare daara baasuun, jaalaafi tokkummaadhaan; ulfina guddaan ayyaana kabajanidha.
Ayyanni du'aa ka'uu/Faasikaa/ hordoftoonni amataa kiristaaanaa yaaddoo malee gammachuun akka kabajaniif Mooraa Manneen Sirreessaa Nageenyaa Amansiisaa Akka Qabaatu Gochuudhan maatii sirreeffamaa Seeraa Aabbootii amantaa Sirreeffamaa Seeraa Ayyaana Wonjiin Dabrsuuf Gara mooraa keenyaa dhufan Kan duraa caalaa Haala Gaariidhan Simachuudhan Akka Ayyaana Gaarii akka isiniif Ta'u Hawwii keenya
Ayyaanni Kan nagaa,
kan jaalalaa,
kan Gammachuu,
kan Tokkummaafi
Kan Woloomaa
kan Badhaadhinaa akka isiniif ta'u hawwii gaarii qabu isiniif ibsa!
Ayyaana gaarii!
Komishinara Komishinii Manneen Sirreessaa Oromiyaa kabajamoo Komishinar Shaafii Huseen fi
It/A Komishinaraa Komishinii Manneen Sirreessaa Oromiyaa G/Komi Ijaaraa Gaarradoo Ayyaana Gaarii
_Commission_Communication Follow Like Share