Dafiqul-munafiqiin Tube

Dafiqul-munafiqiin Tube

Share

Implementation is the process of requirements of learning from experience us well us the most important of projects cycle

https://www.facebook.com/profile.php?id=100035883511715

07/04/2022
Photos from Dafiqul-munafiqiin Tube's post 07/04/2022
05/02/2022

Free all political prisoners us well us the oromoo people

Himannaan Koloneel Gammachuu Ayyaanaa har'as utuu hin ilaalin hafe.
-
Manni murtii waliigala Federaalaa galmee himannaa Koloneel Gammachuu Ayyaanaa har'as utuu hin ilaalin hafuu Abukaattoofi gorsaa seeraa Obbo Milkiyaas Bulchaa himan.

Koloneel Gammachuu Ayyaanaa galmee isaan waggoota dura ittiin himatamanii turan, mana murtii olaanaa Federaalaa ittisa tokko malee jechuun cufee biliisa isaan baasee akka hiikaman murteessee turuunsaa kan yaadatanudha.

Bulchiinsi mana hidhaa Qiliinxoos ajaja mana murtii fudhachuun Koloneel Gammachuu Ayyaanaa hiikus, yeroodhuma sana Poolisiin humna addaa Oromiyaa balabala mana hidhaarraa isaan butuun bakka buutee dhabamsiisanii turan.

Turtii ji'oota torbaa oliif abkaattoofi maatii jalaa dholfamanii kan turan Koloneel Gammachuun, ji'a Muddee darbe keessa qondaalota ABO waliin hidhamanii turan gidduutii baafamuun, Galaanirraa gara Finfinneetti fidaman.

Yeroo ammaa kana Qajeelcha Poolisii Federaalaa Finfinnee naannoo Meeksiikootti argamutti hidhamanii kan jiran Koloneel Gammachuun, bifa oliyyannootiin himatni haaraa itti banamuun galmeen isaanii Mana Murtii Walii gala Federaalaatti ilaalaamaa jira.

Amma kanaan duraatti manni murtichaa sababoota adda addaa dhiheessuun galmee Koloneel Gammachuu kan hin ilaalin ture ta'uusaa yeroo adda addaatti abukaattoo isaanii dubbisuun gabaasaa turree jirra.

Kana dura beellamni yeroo gargaarii kan qabameef yoo ta'u, tibba duraa Koleneel Gammachuu qofaa isaanii bakka abukaattonni isaanii hin jirretti mana murtiitti dhiheeffamanis, yaada Koleneel Gammachuun mana murtiif dhiheeffataniin, beellamni itti aanu bakka abukaattoon isaanii jiranitti akka ilaalamuuf dhaddacha bulfatanii turan.

Ergasii as guyyaa beellamametti abukaattoofi abbaan alangaa argamanis poolsiin Koloneel Gammachuu dhiheessuu diduun marsaa lamaa oliif dhaddacharraa isaan hambisee akka ture abukaattoon hidhamtoota siyaasaa Oromoo Obbo Milkiyaas ni yaadachiisu.

Beellama sadaffaa irratti manni murtii Poolisii akka dhiheessuuf jala murtii dabarsee ture kan jedhan Obbo Milkiyaas, beellama itti aanu Gurraandhala 2, 2022 irratti Koloneel Gammachuun dhiheeffamanis, abbootiin seeraa guutuu miti jechuun manni murtichaa beellama yeroo afraffaaf Gurraandhala 3, 2022 jechuunis har'atti akka bulfate himu.

Dhaddacha har'aa irrattis Koloneel Gammachuu Ayyaanaa, Abukaattoo isaaniifi gareen Abbaa alangaa dhihaatanis, har'as sababa Abbootiin seeraa guutu miti jedhuun galmeen utuu hin ilaalamin hafeera jedhu Obbo Milkiyaas.

Adeemsi beellama mana murtii dheeressuu kun irra deddeebiin mudachaa jiraachuu kan himan abukaattoon isaanii kun, Koloneel Gammachuu dabalatee hidhamtoota siyaasaa yeroo adda addaatti manni murtii biliisa isaan baasus, poolisiifi qaamoleen seera raawwachiftotaa humnaan hidhanii jiru jechuun komatu.

Manni murtichaa ammas dabalataan galmee himannoo Koloneel Gammachuu Ayyaanaa ilaaluuf beellama haaraa Gurraandhala 9, 2022-tti bulfatee jira.

Photos from Dafiqul-munafiqiin Tube's post 30/01/2022

Kukuffissa jiraa WBOn lolli yaa qerro biyya tee bilisomsi

Want your business to be the top-listed Gym/sports Facility in Addis Ababa?

Click here to claim your Sponsored Listing.

Location

Telephone

Website

Address

Addis Ababa