IfaKiristoos

IfaKiristoos

Share

Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from IfaKiristoos, Public swimming pool, Walisoo, Addis Ababa.

07/02/2022

ABDATAMUU QABU ABDACHUU

√ Inni abdatamuu qabu isa waan hunduma gochuu danda'u dha.
√ Abdii jechuun isa har'aa qofaaf ta'u utuu hin taanee; isa amma dhumaatti ykn du'a garasitti illee abdatamu dha.
√ abdiin waan ijatti hin mul'anne waan gara fulduraatti naaf dhufa jedhanii eggatanii dha.
2Qor. 4¹⁶ Kanaafis nuyi matumaa abdii hin kutannu, namummaan keenya inni bakkeetti mul'atu gad dhumaa yoo adeeme iyyuu, namummaan keenya inni keessaa har'aa bor haara'aa in adeema.
¹⁷ Rakkinni salphaan inni nuyi yeroodhaaf baannu kun, ulfina bara baraa isa safara malee guddaa sana baachuudhaaf nu qopheessa.
¹⁸ Nuyi gara wanta ijaan hin argamnee ilaalla amalee, gara wanta ijaan argamuu hin ilaallu; wanti ijaan argamu yeroodhumaaf ta'a, wanti ijaan hin argamne garuu kan bara baraa ti.
√ Abdiin sirriin waan ijatti tolu ykn miidhagu fi waanta bareeda utuu hin taane; jireenya sirrii kiristoos wajjin jiraachuu ti.
ISA ABDATAMUU QABU MAALIIF ABDANNAA?
1. Abdii Citeef Furmaata Waan Kennuuf Abdatama.
√ Yeroo kamiyyuu mudatama fi chalenjji nuti dhufu keessati dafnne abdi kutuu hin qabnnu, isarra dabarre isa nuf abdatame ilalle dagachuu qabnna.
Iyo. 14⁷ "Mukti yoo murame iyyuu deebi'ee waan latuuf, damee godhachuun isaas waan hin oolleef abdii qaba;
⁸ hiddi isaa lafa keessaa yoo dulloome iyyuu, gufuun isaa lafa keessatti yoo goge iyyuu,
⁹ foolii bishaaniitiin in lata, akka biqiltuu haaraas damee in baasa;. √ Inni ati harkaa qabduu yoo xumurameyyuu; inni ati guutera jette yoo hir'ateyyuu; Nagaan kees yoo badeeyyuu; isa abdatamuu qabu Yesus abdadhu innoo abdii dhugaa dha.

(*♪♪♪♪ Abdii gar gar citee) meeqa ...........

LUQ.7¹³ - ¹⁶ - "Dargaggeessa du'e.

2. Sodaafi Yaaddoo Malee Ija Godhachaa Jiraachuudhaaf.

√ nuti abdachuu kan qabnu gaafa nuuf mijate, gaafa argaanne gaafa Wal nuuf qixxate, gaafa hojii arganne qofaa utuu hin taane; gaafa homtuu hin jirrees, gaafa nuuf hin mijannes gaafa nu harkaa wal makees, gaafa duwwaa taanes; isa abdatamuu qabu yaadanne abdachuu qabna.
√ y

07/02/2022

Yoh. 1
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
¹ Sagalichi jalqaba waan hundumaa dura ture; sagalichi Waaqayyo bira ture; sagalichi ofii isaa Waaqayyo ture.
² Inni kun jalqabumaa jalqabee Waaqayyo bira ture.
³ Wanti hundinuus isumaan ta'e; waan ta'e keessaas isa malee kan ta'e tokko illee hin jiru.
⁴ Jireenyi isa keessa ture; jireenyichis ifa namootaa ture.
⁵ Sagalichi dukkana keessatti in ibsa, dukkanichi immoo isa bira ga'uu hin danda'u.

Want your business to be the top-listed Gym/sports Facility in Addis Ababa?

Click here to claim your Sponsored Listing.

Location

Website

Address

Walisoo
Addis Ababa