Alhamdulillaah
Islam is a Religion of peace
Qabsoo Amantii Islaamaaf mirga abbaa biyyummaa goonfachuuf taasifamuu ni degara. Gabaramaan hin jiruu dhugaadhaan Rabbiin malee
Assalaamu'aleeykum
waraamatullaahii
wabarakaatuhu
Baga rabbiin guyyaa kabajamaan isiin ga'e.
Juma'aa mubaarak
Guyyaa harraa jechuun juma'a 17/2/2017 lammiiwwaan ethiopia jiruu baqatummaan biyya suudaan magaalaa khaartoum jiraatan haleellaa humna addaa ittisa biyyaattiitiin abdii kutaniiruu.
Iddoon isaa suudaan khaartoum Embaasii ethiopia duratti yoo tahuu sababiin ummannii keenya walgaheef waraqaa eyyama jireenyaa ykn bixaaqal_hajinabiif kaffalttiin bara kanaa yeroo humna baqattootaatii ol tahutti hiriira nagaaf torban darbe ba'antti beellamni embaasii irraa harratti waan darbeef wayta beellama kabajanii harra dhaqanutti ture.
Reebicha kanaan wal qabtee namoonni baayyeen yoo mada'an hedduun hidhamaniiru jechuun maddeen achi irraa nuuf ibsaniiru.
Assalaamu'aleeykum
waraamatullaahii
wabarakaatuhu
ummannii musliima marti baga rabbiin guyyaa jaallatamaa fi kabajamaan isiin gahe 'a mubaarak
Si mararuun mukaa
Osoo laalu mugaa
Gad jedhee daa'imaa osoo qabuu luka
bishaan tahe dhumee innoo hin qabuga dhuka
Si mararuu biyyoon gaafa dhaabdu kiyyoo
Si mararuu biyyii maalif taata jinnii
Si mararuu lammiin facaafte sab_lammii
Si mararuu qeerroon dhaabdeef gabaa yeelloo
Si mararuu hayyuun hiisifte hundayyuu
Si mararuu xiqqaan hiree jalaa fixxaam
Si mararuu guddaan gooteef labsii muddaa
Si mararuu abbaan manaa hiisifte haadha manaa
Si mararuu lubbuun ofii duuba deemta hudduun
Si mararuun muka)
Itti fufa.
seraaj@
============Assalaamu'aleeykum==============Waraamatullaahi============Wabarakaatuhu====================================================================================================================Hin turre male hin dhumne baga nagaan waliti dhufne========================================
((Kanniifni damma xuuxxi male gagaa hin balleessitu))
((Harki kee ajaadha jennaan gowwaan sareetti haqate))
((Bor hin beekneen qodaan bukoo sagal))
((Gadheen waan isheen nyaattu hin argani qodaa isheen itti nyaatte argani))
((Nyaata dinnichaa hin beeku jetti lama lamaan qabdee baluddaan))
((Waraabessii amma sagalee hin gahu))
((Baajiin hin bu'uu sareen jalaa hin galttu))
((Gadheen amma lafa hojettuun namairraa hojetti))
((Qe'ee mootii inni kaan yoom dhaqu jedhaa inni kaan yoom galu jedha))
((Niitii ykn worra mootii tikseetu qaphi'a))
((Kan lafaan fuudhaatti ka Ukoo si bu'a))
((Dhadhaa kadhataa mataa hin kadhatan))
((Of beekaan mootii beeka))
((Baachuuf lama gatuuf nama))
((Daamuun qabanii biyyee nyaatan))
Itti fufa.
seraaj@
Click here to claim your Sponsored Listing.
Location
Category
Website
Address
Addis Ababa