OroIsport-Adugna

OroIsport-Adugna

Share

Fuulli kun odeeffannoowwan ispoortii idil-addunyaa ta'an funaanee isin biraan gaha, hordofaa.

Kaayyoon fuula kanaa Dacheen Oromiyaa addunyaa kanaaf ispoorteessitoota hedduuminaa fi gahumsa guddaa qaban burqisiisaa osoo jirtuu addunyaan kun garuu dachee Oromiyaa kana beekaa hin jiru ykn akka biyya habashootaatti hubatee jira waan ta'eef afaan Oromoo fi Afaan Ingiliffa fayyadamuun,"Oromiyaa fi ispoortiitti"fayyadamuun taphoota aadaa,ammayyaa,Atileetikssi,kubbaa miilaa fi kkkf addunyaatti bee

Photos from OroIsport-Adugna's post 01/06/2026

Ergaa Sr.Aleeks Fergusen Perezedaantii PSG - Paris Saint-Germain ,Naasir Alkaliifiif

Naasiir si haa gahukoo nagaankoo gaara bahee bu'ee, laga mormor cehee, Maccaan qaari'ee 😉. An Sr.Aleeks Fergusen jedhama. Isin hojii guddaa hojjetaa jirtu. Baga milkooftan. Halkan tapha xumura UEFA Champions League san yeroo nuffisiisaa akka dabarsitan ni beekna. Kilaba tapha jibbiisiisaa taphatee fi ittisaaf seene waliin qabsoo guddoo gootanii boodarra milkooftaniittu. Baga irra aantan, gammachuu gaarii dhamdhamaa ", jechuun tapha Arteettaan Arsenal waliin qabatee seenee haalaan qeeqeera.

Deeggartoonni Arseenaalii fi kabiroon maal jettu?
Fabrizio Romano akka Fabrizio Oromiano tu dubbisiise
Addunyaa Abdiisaa tu maxxanse p ✍️

Photos from OroIsport-Adugna's post 31/05/2026

Akka Poolisiin London gabaasetti haga ammaatti namoonni Miiliyoona tokkoo ol sagantaa Injifannoo Arsenal ilaalchisuun qophaa’e irratti argamaniiru. Haala kanaan itti fufnaan rikordii biyya England ta’uus danda’a. Osoo boo’ichaaf eegamuu, injifannoo fi kabajaan London miila tokkoon dhaabaa jira!
Agabaasaan keenya Dr Nahom Girum 👀
Kan maxxanse Addunyaa Abdiisaa ⌨️

Photos from OroIsport-Adugna's post 31/05/2026

London is RED 🔴

Dhukaaftonni waggoottan 20 booda xumura waancaa UEFA Champions League morkatanii injifatamanus injifannoo Premier League waggoottan 22 booda argatan sababeeffachuun sirna gammachuu ibsannaa fi simannaa garee Arsenal taasisaa jiru. Olaantummaan Arseenaal baroota itti aananutti jabaatee akka dhufu kan himan xinxaltoonni , MOTICHI teessoosaasaatti yoo deebi'u masaanuuwwan qoccoluu fi duddutuumsaanii waanuma jiru kanaaf Arseenaal qeequ jedhu.

የፕሪሚየር ሊጉ ሻምፒዮን አርሰናል የዋንጫ ድሉን ከደጋፊዎቹ ጋር በሰሜን ለንደን ጎዳናዎች ላይ እያከበረ ይገኛል።

Deeggartoonni dhukaaftotaa cufti irra deebiin baga gammaddan jenna.

Addunyaa Abdiisaa
OroIsport-Adugna

31/05/2026

Cheelsiin Arsenal wagaa godhee bakka madaa waraanuusaatii?🙄

Arseenaal waancaa UEFA Champions League kaleessaa san injifatamuu hordofee , Cheelsiin maxxansa kana ifirratti dafee dhoobe.

Koottaa gara London qe'ee waancaawwanii xuquliisota daawwadhaa "jechuun ናቆራ itti erguusaati😀.
Jarri.lachuu kilaba London garuu Ollaan kufaatii walitti gammaddi jedhan

30/05/2026

PSG - Paris Saint-Germain shaampiyoonaa UEFA Champions League bara kanaa ta'ee jira.

PSG rukuttaa adabbiidhaan (penalty) Arsenal injifachuun bara lama walitti aansee mootii kilaboota Awurooppaa ta'ee jira.

27/05/2026

Shaampiyoonummaa Arsenal sababeeffachuun ergaa baga gammaddanii kan dabarse leenjisaan diddiimotaa Arne Sloot, baga gammaddaniif waan kaayyeffate hin fakkaatu. Haala tapha Arseenaal baranaa qeequurratti fuulleffate. Kubbaawwan galchii ta'an keessaa %40 ol kan ta'u osoo hin taphatiin dhaabbataniima galchan jedhee ture. Garuu dhuguma Arseenaal tapha bareedaa hin taphatuu? Isatu reefu gara Premier League dhufeef malee jarri taphoota afaan nama qabachiisanii fi onnee jaalattoota kubbaa miilaa ittiin injifatan hedduu hin taphannee?

Taphoota babbareedoo maashina malee ilmi namaa akkanatti taphataq nama jechisiisu filannee toora irratti maxxansineerra daawwadhaa ottiin bohaara.

የአርሰናልን አጨዋወት ለሚተቹ የተመረጡ ምርጥ ምርጥ የአርሰናል ጎሎችን ተመልከቱ!

https://vt.tiktok.com/ZSxXwoSMa/

27/05/2026

Leenjisaan dhukaaftotaa baroota sadii walitti aansee 2ffaan xumuruun barana ammoo waggoottan 22 booda injifannoo manichatti deebise Mikel Arteettaan leenjisaa cimaa Premier League bara kanaa ta'uun filatameera.

Arteettaan leenjisaa calqabaa kilabasaaf taphatee leenjisuun shaampiyoonaa taasises ta'eera. Arteettaan shaampiyoonummaan dabalataan gareensaa fi kaardii diimaa tokkollee osoo hin keessummeessiin nama xumursiise ta'uun seenaa biraa galmeessiseera.

TikTok · adugna_OroIsport 26/05/2026


UEFA Champions League Final 2025/2026

Qophaa'ummaan kilaboota lameenii amma cimee itti fufeera. Lameenuu walitti fokkoraa jiru.

TikTok · adugna_OroIsport Check out adugna_OroIsport’s video.

TikTok · adugna_OroIsport 26/05/2026


UEFA Champions League Final 2025/2026

Qophaa'ummaan kilaboota lameenii amma cimee itti fufeera. Lameenuu walitti fokkoraa jiru.

TikTok · adugna_OroIsport Check out adugna_OroIsport’s video.

Photos from OroIsport-Adugna's post 26/05/2026

Gamoon (tower) guddichi kutaa biyya Chaayinaa Guwaanzhuu shaampiyoonummaa Arsenal fi deebi'uu mootiicha Engilaand 🏴󠁧󠁢󠁥󠁮󠁧󠁿 sababeeffachuun ergaa baga gammaddanii ibseera.

Arseenaal kun akkuma dacheen 3/4ffaan bishaaniin uwwifamte san addunyaa tana dhuunfateeraayii?🙄

Want your business to be the top-listed Gym/sports Facility in Addis Ababa?

Click here to claim your Sponsored Listing.

Location

Category

Address

Addis Ababa
251