16/02/2026
...!!!!
~~~~~~~~~~~~~~~~~
Ilkaankee siif cabsaa....?
Dhagaa daaktee nyaattaa?
Eenyuun murtee gatuuf
Qottoo qartee baattaa...?.
βAmma kaachaan geessee
βAlaammattee murtuu ....
βKottee kee sassaabdee
βSammuudhaan hin furtuu?.
Namummaatii baatus
Dhugaayyuu lagattee...
Akka kuftee cabduu
Akkamiin dagattee....?.
βQalbii kee haguugdee
βDaangaa jiru ceetee...
βNama kaaniin murtee
βWaan miliqxu seetee...?.
Qottoon ati baattee
Muruuf kaate jirmaa
Suma faffalaxee...
Taata galaa rirmaa!!.
βMukkillee ni hafaa,
Takka turee lataa
βSummiin arraba kee
Suma kutee gataa!!.
β€οΈβ€οΈ
π
π
π
MURROO BROADCASTING NEWS πΌπ
π
π
πΎπΎπ½ π³π°πΌπΌπ°π
π
π° πΌπΈ'πΎπΎπ
π
πΈ::
06/02/2026
:- ...?
1. ...!!
β Lataa mukaa hin muranuu - aadaa.
β Bayaa mukaa hin muranuu - aadaa.
β Sootii mukaa hin muranuu - aadaa.
β Lootii mukaa hin muranuu - aadaa.
β Mootii mukaa hin muranuu - aadaa.
β Muka maqaa hin muranuu - aadaa.
β Muka mudhisaa hin muranuu - aadaa.
β Muka muranii hin qululchanuu - aadaa.
β Muka muran marra kutanii irra keyanii - aadaa.
β Aanan mataa cossanii, "sa'aaf si muree naa hafi! Jedhaniinii - aadaa.
β Nami Kinniisa baasicha deemu bisaan harkatti qabataa - aadaa.
β Intala obboleessa gula hin erganuu - aadaa.!!!!
2. ...!!
β Niitiin ta irsaatii _ gooroo.
β Niitin irsa malee hin deentuu - gooroo.
β Intalti ala hin bultuu - gooroo.
β Ilma ifii diqqeennaan gorsanii qajeelfatanii - gooroo.
β Yakku ni aalatanii - gooroo.
β Dadhan worratti himatanii - gooroo.
β Worri dadhabu gosaan geyanii - gooroo.
β Ka gosaafi balbalti torbaa dadhadde yaa'aan dhaqanii - gooroo...itti dabalaa!!.
3. ...!!
β Abbaan Gada'aa woyyu'uu - seera.
β Abaan woyyu'uu _ seera.
β Hati woyyu'uu - seera.
β Angafi namaa woyyu'uu - seera.
β Waqaa latti woyyu'uu - seera.
β Gadaa addi kallachaa - seera.
β Faga bokkuun gurraachaa - seera.
β Qaalluu mataan ruufaa - seera.
β Qaalluun nama kaso'ootii motii - seera.
β Qaalluun gumaa wolii Qaalluu - seera.
β Qaalluun ilma Waaqaatii - seera.
β Duruu Waaqaa/Samii bu'ee - seera.
β Ruufa mataatti marannu Qaalluutu bu'eenii - seera.!!
...!!!!
π
π
π
MURROO BROADCASTING NEWS πΌπ
π
π
πΎπΎπ½ π³π°πΌπΌπ°π
π
π° πΌπΈ'πΎπΎπ
π
πΈ
me
05/02/2026
Shout out to my newest followers! Excited to have you onboard! Jaarsoo Roobaa Jaatanii, Abdunaser Jebro Ahmed
04/02/2026
bq mucaan qooqqichi mataa dhiiraatiππππππππ
04/02/2026
KANA BEEKTUU LAATA #1???
β
β
β
β
β
β
β
β
β
β
β
β
β
βBuqqeen mataa.....
sammuu(40%),Dhiiga(30%)fi dhangala'aa sammuu"CSF"(30%) hammatee argama.
βSammuun namaa giddu-galeessaan 1.3-1.4Kg ulfaata. Ulfinni kun garuu sababa sammuun dhangala'aa isaan marsee jiru kan "cerebrospinal fluid/CSF" jedhamu keessa bololi'uun, akka nutti hin dhagahamne taha(garuu 50grm nutti ni dhagahama). Kun seera Fiiziksiiti(waanti tokko dhangala'aan yoo marfame hamma dhangala'aa sanaa ulfina dhaba). Gaafa oliif gadi jennu sammuu keenya haxaawuun akka itti tolu godha.
βsammuun nama ofii isaatiif dhukkubbiin itti hin dhagahamu.wantoota dhukkubbii fuudhan "pain receptor" waan hin qabneef. Mataa dhukkubbiin sababa caasaalee isa marsanii buqqee mataa keessatti argamaniitiini.
βsammuun wantoota xuraawaa funaanan kan "lymphatic drainage"jedhaman akka hin qabne.
βDhiigni gara sammuu utuu hin dhaqin jalqaba kellaa "Blood Brain Barrier" jedhamuun sakattahamee akka darbu.kanaaf qorichoonni baayyeen kellaa kana hin darban. baakteeriyoonnis akkasuma.
https://www.youtube.com/
Dr Gado
π
π
π
MURROO BROADCASTING NEWS πΌπ
π
π
πΎπΎπ½ π³π°πΌπΌπ°π
π
π° πΌπΈ'πΎπΎπ
π
πΈ
pls me!
04/02/2026
Biyya Biraazil Keessatti jaalalleewwan waggoota 20f erga waliin jiraatanii booda ijoollee haadha tokkoo ta'uu isaanii baruun isaanii dhimma falmisiisaa fi gaddisiisaa ta'eera.
Hiriyaa lamaan Adriyaanaa fi Liyonaardoo jedhaman ijoollummaa isaaniitti haadha isaanii waliin kan addaan ba'an yoo ta'u, haati isaanii eenyu akka taate hin beekan turan.
Jaalalleewwan kun maqaan haadha isaanii Maariyaa akka ta'e kan beekan yoo ta'u, dhimmicha akka wal-fakkaattii maqaa qofaatti ilaalanii turan. Adriyaanaa fi Liyonaardoon haadha isaanii barbaacha gara buufata raadiyoo tokkoo erga deemanii booda waan hin eegamnetu isaan mudate.
Abbaa warraa fi haati warraan kun buufata raadiyoo maatiiwwan wal-dhaban walitti fidu irratti haadha isaanii barbaaduuf kan iyyatan yoo ta'u, garuu yeroo muraasa booda deebii argatan kan nama naasisu ta'eera. Adriyaanaa fi Liyonaardoon waggoota 20f dhuunfaa dhuunfaan barbaadaa kan turan haati isaanii nama tokko ta'uun argameera.
Adriyaanaa fi Liyonaardoon Abbaa addaa addaa irraa waan dhalatanii fi ijoollummaatti haadha isaanii waliin waan addaan ba'aniif, ijoollee haadha tokkoo, obbolaa ta'uu isaanii osoo hin beekin wal-fuudhan.
Waggoota 20f gaa'elaan kan jiraatan yoo ta'u intala tokkoo wal irraa argataniiru. Adriyaanaa fi Liyonaardoon dhimmicha booda waa'ee gaa'ela isaanii yommuu gaafataman, haadha isaanii akka hin komatnee fi gaa'ela isaaniin akka itti fufan beeksisaniiru. π₯΅π₯΅π₯΅
Abbaa warraa fi haati warraan kun taatee kana booda hawaasa irraa qeeqnii fi arrabsoo guddaan isaan irra akka gahe dubbataniiru. Waa'een dhala isaanii waan isaan yaaddessuuf hanga dhumaatti waliin jiraachuuf murteessuu isaanii ifatti dubbataniiru.
Haala kana akkamiin ilaaltu? murtee akkamii murteessuu qabu jettu.....??
Obbolaan ta'uu osoo hin beekiin waggaa 20 siree tokko irra waliin ciisaniiru. Ilmoo tokkos waliin qabu. Addaan bahuu qabu turan moo walitti hafuuma tu sirrii dha jettu?.
π
π
π
MURROO BROADCASTING NEWS
π
₯π
π
π
π
π
π
π
₯π
π
π
π
π
π
π
’π
’
me
30/01/2026
jalqabee feestaala fayyadamuufi omishuun seeraan nama gaafachiisa
************
Gaazexaa Bariisaa
Finfinnee: Feestaalliifi korojoon pilaastikii haftee bobaβaarraa kan omishamaniidha. Omishni feestaalii bobaβaa foosilii kan of keessaa qabu yoo taβu, gaasiiwwan naannawaa faalan qaba.
Omishni pilaastikiiwwan kanaa omishuurraa jalqabee hanga gatuutti kaarbooniin naannawaatti akka gadi lakkifamu waan taasisuuf jijjiirama qilleensaa hammeessa.
Labsii qabiinsa balfa gogaa lakkoofsa 1383/2017 jedhuun mirkanaaβee Amajjii 23, bara 2018 torbanota muraasa booda kan hojiirra oolu taβa.
Labsicha keeyyata 25(1) jalatti namni korojoo pilaastikii faayidaa yeroo tokkoof qofa oolu qabatee argameefi ittifayyadame qarshii kuma lamaa hanga kuma shanii akka adabamu ibsa.
Keeyyata xiqqaa lama 25(2) jalatti immoo dhaabbilee seera kana cabsanirratti adabbiinsaa dachaa sadii akka taβu tumameera.
Dhimma kanaan walqabatee addatti Gaazexaa Bariisaa waliin turtii kan taasisan Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannnawaa Oromiyaatti Daarektara Daarektoreetii Toβannoofi Hordoffii Hojiirra Oolmaa Seerota Eegumsa Naannawaa Obbo Gizaachoo Birmataa akka jedhanitti, sadarkaa naannichaatti hojiiwwan hubannoo hawaasaa kennuu Waxabajjiirraa jalqabee gaggeeffamaa tureera.
Qaamolee labsicha hojiirra oolchaaniifi namoota miliyoona 22 oliif hojiin hubannoo uumuu raawwatameera.
Waltajjii idileetiin qaamolee seera raawwachiisan dabalatee akka Oromiyaatti namoota miliyoona saddeetiif haala ittifayyadama balfa pilaastikiin walaqabatee hubannoon tooftaalee addaddaatiin kennamu himaniiru.
Ittifayyadama feestaaliin walqabatee Amajjii 23, bara 2018 irraa eegalee kan dhorkamu taβuufi namoonni qabatanii argamuun, omishuun, daddabarsuun akkasumas dhaabbileen omishanii argaman buβuura seera labsii lakkoofsa 1383/2017n akka gaafataman eeraniiru.
Karaa miidiyaafi waltajjiilee addaaddaatiin hubannoon kennamaa jiru gaarii taβuu himanii,
π
π
π
MURROO BROADCASTING NEWS