12/09/2026
Loowwan Itoophiyaa Lamummaa Isaanii Jijjiirrataa Turuu Quba Qabduu?
Xiinxala Waliif TV |Fulbaana 01-2026| Finfinnee.
Itoophiyaan qabeenya loowwan gaafaatiin biyyoota Afriikaa keessaa Loon miiliyoona 60 hanga 70 qabaachuu isheetiin sadarkaa duraa irratti biyya argamtuudha.
Qabeenyi qaaliin beeyladoota Itoophiyaa kunniin garuu lakkoofsa malee qabatamaan qulqullinni qabeenya kanaa gadi aanaa ta’uun isaa sababa himamuuf hagas mara bu'aa barbaachisu buusaa hin jiru.
Itoophiyaa keessatti yeroo baay'ee kan dhaga'amu waa’ee dallaalota seeraan ala namoota daddabarsanii hogguu tahu, garuu namoonni seeraan ala loon daddabarsanis baay'ee jiru.
Daddabarsi qabeenya beeyladoota Itoophiyaa kunis, gama naannoo Affaarii fi Somaaleetiin kan raawwatamu hogguu tahu, bu'uruma kanaan dallaaltonni re’oota Itoophiyaa Affaar irraa karaa Jibuutii hanga Sawudiitti oofu. Akkasumas Somaalee irra karaa Somaaliyaatiin hanga gamtaa Emireetota Arabaatti daddabarsuun maqaan isaanii kaafama.
Beeyladoonni Itoophiyaa tooftaan ittiin biyyaa baafamaa turan keessa karaan inni biraa ammoo, dallaaltonni 'meyra' barbaaduuf waan deeman fakkeessuun loowwan oofuun daangaa ceesisanii dallaalota biroo kanneen isaan eeganitti dabarsanii kennuun qabeenya biyyattii qisaasessaa turan.
Qabeenyi beeuladoota Itoophiyaa qaaliin erga dallaalotaan biyyaa irraa baafamanii booda maqaa biyya isaanii jijjiirrachuun re’oonni Itoophiyaa kan Jibuutii taasifamuun gurguramu yookiin ammoo, beeyladoonni Itoophiyaa maqaa isaanii gara hoolota Somaaliyaatii fi Sangaa Sudaaniitti jijjiiruun gabaa biyya biraatiif dhihaatu.
Qabeenyi Itoophiyaa kun erga daangaa qaxxaamursiifamanii booda akkuma namootaatti bakka yeroof isaanii qoophaa'e keessa galfamuun fayyaan isaanii erga mirkanaa’een booda gara biyyoota Arabaatti dooniidhaan kan ergama turan tahuutu seeneffama.
Qabeenya beeyladoota Itoophiyaa kanneen dallaalaan biyya baafaman keessaa re’ootaa fi hoolonni baay'inaan gara biyyoota akka Dubaay, Baahireenii fi Saawudii Arabiyaatti ergamu.
Biyyoonni beeyladoota Itoophiyaa nyaataaf fayyadaman kunniin garuu maddi loon kanneenii Itoophiyaa tahuu kan hin beekne hogguu tahu, beeyladoota kanneen “eessa akka fidan?” kanneen beekan garuu dallaalota qofa jedhamee jira.
Itoophiyaan Afrikaa keessaa biyya qabeenya looniitiin sadarkaa qabdu taatullee, garuu loon hundi ammoo gara biyya alaatti akka hin ergamnetu seeneffama.
Loowwan gara biyya alaatti ergamuuf umriin, saalli, seenaan loon saniitii fi haalli foon isaanii hubannoo keessa kan galfaman tahun ibsamee kan jiru hogguu tahu, akka fakkeenyaatti biyyoonni foon fudhatan irra caalaatti kan barbaadan foon re’ee tahun isaa waan baramaa akka tahe ogeeyyiin ni dubbatu.
Loowwan Affaar irra caalaan isaanii karaa Asaayitaatiin biyya irraa baafamuun gabaadhaaf dhiyaachaa akka jiran maddeen gara garaa ni himu.
Loowwan Itoophiyaa hedduun isaanii gama Jijjigaa fi Dagahaaburiin gama miilaatii fi konkolaataatiin biyya irraa baafamaa kan jiran hogguu tahu, karaa naannoo Somaaleetiin guyyaatti yoo xiqqaate loon konkolaataan shan akka bahaa ture qorannoon 'BBC Afaan Oromoo' gaggeesse tokko ni agarsiisa.
Qabeenyi loon Itoophiyaa gama seeraa alaan biyya irraa baafaman kunneen hundi isaanii biyyaaf sharafa argamsiisuu kan qaban turanis, garuu Itoophiyaan sababa loon seeraa ala biyya irraa baafamanii sharafa hedduu dhabaa jirti.
Qabeenya beeyladoota Itoophiyaa kanneen dallaalotaan qisaasa'a jiran kana mootummaan to’achuuf yaalaa jiraatus, garuu ammoo guutumaatti to’achuun salphaa akka hin taane himamee jira.
Loon Itoophiyaa baay'een isaanii biyya irraa bahaa kan jiran hogguu tahu, loowwan kunniin karaa Asaayitaatiin gara Jibuutiitti, karaa Humaraafi Matammaatiin gara Sudaaniitti, karaa Dagaahaburiin gara Toogoo Wacaallee, Hargeessaafi Somaaliyaatti, karaa Moyyaaleetiin gara Keeniyaatti godaansifamaa jiraachuun isaa ifoomee jira.
Biyyoota ollaa Itoophiyaa keessaa Keeniyaa fi Somaaliyaan loon qaban caalaatti gara biyya alaatti kan ergan hogguu tahu, biyyoonni ollaa kunniin loon Itoophiyaa dallaalotaan daangaa qaxxaamursiifamanitti fayyadamaa kan jiran tahuun isaanii saaxilamee jira.
Itoophiyaan foon qalmaa qofa osoo hin taane re’ee fi hoolaa osoo hin qalamiin gara alaatti kan ergitu hogguu tahu, biyya keessatti dhaabbileen daldalaa loon dhaabbii irratti hojjatan hedduun seeraan galamaa’anii hojjachaa jiru.
Sababoota qabeenyi beeyladoota Itoophiyaa karaa seeraan alaatiin biyyaa baafamuun gurguramaniif keessa tokko fi inni ijoon ammoo dolaara gama gabaa gurraachaatiin eegamu tahuun isaa ibsamee jira.
Itoophiyaan qabeenya loowwan ishee irraa akka hin fayyadamne taasisaa kan jiru inni biraan ammoo loowwan biyyattiin qabdu keessaa harki 70 dhaltu tahuu ishee hogguu tahu, loowwan dhaltuutti coomni waan baay'atuuf gabaa biyyoota alaa irratti nyaataaf hedduu waan hin barbaadamneef tahuun ibsamee jira.
Sansalata kontorobaandii loonii keessatti Boorana, Baalee, Gujii, Oomoo Kibbaa, Jinkaa fi naannawwi Koonsoo maqaan isaanii dura irratti kanneen kaafamuudha.
Adeemsi daldala gabaa loonii ammoo jalqaba qonnaan bulaa fi horsiisee bulaan loowwan isaanii gabaatti dhiyeessuun kan eegalu hogguu tahu, achiirraa ammoo gara gabaa gidduugalaatti geeffamuun, itti aansun loowwan bituun gara dhaabbilee qalmaatti daldaltootaan geeffamu.
Adeemsa daldala loowwanii kana keessatti dallaalonni dhaabbilee foon erganiif dhiyeessuu dhiisanii gara daangaatti geessanis akka jiran bira gahamee jira.
Itoophiyaan loon karaa seeraatiin dhaabbataaf kan ergitu hogguu tahu, adeemsa ala ergii loonii kana keessatti yeroon baatii tokkoo loowwan dhukkuba irraa bilisa akka tahan tti ilaalamuuf re’ootaa fi hoolotaaf guyyoonni 21 akka barbaachisu ibsamee jira.
Loowwan Itoophiyaa karaa seeran ergaman buufata Jibuutii erga gahaniin boodas irra deebiin bakka turmaataa kan galfaman hogguu tahu, ergitoonni loon isaani irraa hanga doolaara 30-ti waan kanfalaniif, kun ammoo ergitoota irratti dhibbaa kan qabu tahuun ibsamee jira.
Baasiin adeemsa daldala loonii kan gama seera qabeessaan geggeeffamu keessa jirus ammoo daldala seeraan alaatiif madda taheeti jira.
Ogeeyyiin daldala loowwanii kan gama seeraan alaan taasifamu irratti qorannoo gaggeessan sararri kontorobaandii loonii bebbeekamoon hedduun Itoophiyaa keessa kan jiran tahuu ibsanii jiru.
Akkaatuma kanaan karaa bahaatiin Wucaalee, Gaashaamoo, Gulaadii fi Farfar sararoota kontorobaandii jiran hogguu tahu, karaa Kibbaatii Dolloo Odoo fi Moyaalee, akkasumas karaa lixaatiin Okooboo, Baamboodeeyee, Kumruk, Humaraa fi Almaahaal sararawwan kontorobaandii adda duree qabeenyi loowwan Itoophiyaa gama seera alaan biyyarraa itti baafamaa jiran tahuun saaxilamee jira.
Naannoolee daldala loonii karaa seeraan alaatiin biyya irraa baafamu irratti hordoffiifi to'annoo cimaa taasisun furmaata waaraa fida.
Itoophiyaa keessatti bu’aa bahiin daandii seeraa dheerachuun isaa loon karaa seera alaatiin akka biyyarraa baafamaniif karaa kan saaqe tahu isaatis ogeeyyiin ibsanii jiru.
Biyyoonni ollaa Itoophiyaa kanneen qabeenya beeyladaa hamma biyya keenyaa hin qabne garuu loowwan isaan gama alaatti ergan sababni kan Itoophiyaa caaleef biyya isaanii keessatti waan daandiin seeraa bu'aa bahii dadhabsiisaa tahe hin qabneefi jedhamee jira.
Ogeeyyiin akka fakkeenyaatti Somaaliilaandi waggaatti loon dhaabbataa miiliyoona shan gara biyya Arabaatti kan ergitu tahuu fi loowwan kanneen keessaa ammoo harka 60 kan tahu Itoophiyarraa dallaalotaan daangaa qaxxaamursiifamuun warreen lamummaa isaanii jijjiiratanii Itoophiyaanummaa lagatanii maqaa Somaaliilaandiitiin gara biyyoota biraatti ergaman tahuun ibsameeti jira.
Qabeenya loowwan Itoophiyaa bararuuf ammoo falli tokkichi jiru adeemsa daandii daldala seera qabeessa bu'aa bahii dadhabsiisarraa bilisa taasisuu fi dallaalota qabeenya loon biyyattii balarra buusaa jiran seeraaf dhiheessuu qofaadha.
Barruu xiinxala kana isinii qindeessuuf gabaasa qorannoo 'BBC Afaan Oromoo' baroota dura baase akka maddaatti fayyadamnee jirra.
Uudii Muussaatiin.
Odeeffannoowwan dabalataa kanneen biroo argachuuf👇
Facebook- www.facebook.com/WALIIFTV
Youtube- www.youtube.com/
Telegram- https://t.me/waliiftvofficial
Tiktok- www.tiktok.com/
WhatsApp-https://whatsapp.com/channel/0029Vb2IYuXE50UolYA1Up3j
Waliif TV Ilaalcha Haaraa