08/04/2022
Prezidaantiin Yaman Aangoo Isaanii Dabarsanii Kennan
Prezidaantiin mootummaa Yaman Abdrabuh Mansuur Haadi, aangoo isaanii mana maree prezidaantumaatti dabarsanii kan kennan yemuu ta’uu, manni marichaa wal loliinsa biyyatti keessaa jiru xumuraa itti kennuudhaaf akka garee mormitootaa Huutii waliin hasaa walii galtee taasisu aangoo kennuun isaanii...
07/04/2022
yaa rabbii nuuf laffisi ammiin allahumma ammiin yaa rabbii namaa hundaaf salaafa mitii harkaa boruu mitii arrumatti fagoo mitii dhihotti nuf kenni ammiin allahumma ammiin yaa allah
07/04/2022
Yaa rabbii ramaadan
Kenya fi salaata Kenya
nurra qebaali
06/04/2022
Rabbiin anaa fi isinifis haa laffisu ganda DARUSAL QUBACHUU ammiin allahumma ammiin
06/04/2022
Faayidalee ANAANAASII
**************************
● Anaanaasiin tokko hamma Vaayitaamiin C guyyatti barbaadamuu ol waan qabuuf:
- Sirna ittisa qaamaa keenya ni jabeessa.
- Dandeettii qaamni keenya dhukkuba garagaraa of irraa ittisuu olkaasa.
- Fayyummaa Irgaafi Ilkaanitiif: Irga dhiiguuf madaayeef heddu gaariidha.
- Madaan qaamaa dafee akka fayyu ni garagara.
● Pootashiyeemi guddaa waan of keessaa qabuuf:
- Fayyummaa Kaaleefi Onnee keenyaaf gariidha.
- Dhiibbaa dhiigaa hamma tokko hirdhisuu irratti gahee qaba.
● Vaayitaamiin A hamma tokko of keessaa qaba:
- Kunis fayyumaa ija keenyaaf gaariidha
● Fiber (nyaata qaamaan hin bulloofne) heddu of keessaa waan qabuuf:
- Garaan akka nama hin gogne ni godha.
- Hamma sukkaraa dhiiga keessa jiru hanga tokko madaalawaa akka ta'u ni godha.
- Fayyummaa mur'umaan keenyaaf faayidaa guddaa qaba.
● Nyaanni nyaanne dafee akka daakkamu ni si'eessa.
● Keemikaalotaafii albuudota kan biroo kan fayyummaa gogaa, lafeefi carraa Kaansaroota tokko tokko hirdhisan hedduu of keessaa waan qabuuf fuduraa gaariidha.
---
---
Fayyaa ta'aa, Fayyaa dahaa!
Horaa, bulaa, deebanaa!
---
©Dr. Nuredin Luke
06/04/2022
Rabbiin abba ustaza Kenya fi rakkata islama maraa haa afiyuu jedha.yaa rabbii ammumatti nuf fayyisii ammiin allahumma ammiin
Abbaan Ustaaz Raayyaa Abbaa Maccaa (Jamaal Haajii ) waan dhukkubsatanii gama finfinnee dabarfamaniif du’aayii goodhaafii.
Abbaan Raayyaa manguddoo waggaa 100 oliiti.
Via Qilleensi Nasrii Bubbise
06/04/2022
yaa rabbii risqii tan halaalin nu duromsii warra irra sadaaqatu nu tasisi ammiin
01/04/2022
Bagaa Gessan hordoftotni amantii
muslima martinu Ji'a Ramaadana
31/03/2022
Oduu Gaddaa
Hayyu duree ABO duraanii kan ta'aan Obbo Galaasaa Dilboo dhukkuba tasa isaan mudateen lubbuun isaanii darbuun dhaga'ame.
Obbo Galaasaa Dilboo qabsaa'ota Oromoo gameeyyii lubbuun jiran keessaa tokko yoo ta'u, Adda Biliisummaa Oromoo geggeessuutii hanga Waraana Bilisummaa Oromoo keessatti lolanii lolchiisuutti uummata Oromoof kan qabsa'aan ta'uu, seenaan jireenya isaanii ni agarsiisa.
Bara mootummaa cee'umsaa Itiyoophiyaa adda durummaan hirmaachaa turuufi geggeessummaa ABO of harkaa qabaachaa akka turan kan himamu Obbo Galaasaan, ABO'n erga mootummaa cee'umsaa keessaa dhiibamee ba'ee booda, waggoota 27'f jireenya baqattummaatiin biyya ormaa jiraachaa turaniiru.
Bara 2018 injifannoo Qeerrootiin gara Oromiyaatti kan deebi'an Obbo Galaasaan, turtii waggoota sadii keessattis kallattii dhuunfaafi ijaaramaa itti amananiin hirmaana Siyaasaa itti fufanii turaniiru.
Bitootessa 30, 2022 halkan keessaa toora sa'a torbaatti dhibee tasa isaan mudateef, gara mana yaalaa geeffamaa osoo jiranii daandiirratti lubbuun isaanii darbuu OMN odeeffateera.
OMN firaa, maatiifi jaalattoota isaanii maraaf jajjabina hawwa.
OMN