27/07/2026
Ambaasaaddaroota Dirree Dhawaa Hamma dandaa'amu hunda guutummaatti gootaniittu. gootota keenya nuuf jiraadhaa! ๐ฉต๐
Kun kubbaa miilaa dha. โฝ Injifannoon qofa osoo hin taane, yeroo tokko tokko mo'amuunis, dorgommii irraa hafuunis qaama kubbaa miilaa ti. Kufuun dhuma miti; jabaannee deebi'uun immoo injifannoo guddaadha. Mo'uun, mo'amuun, walqixxee bahuun, darbuu fi hafuunnis seera kubbaa miilaa ti. Har'a yoo mo'amtanis fi dorgommii irraa hafitanis, gammachuu kaleessa nuuf uumtan, hojii cimaa fi kutannoo agarsiistan matumaa hin dagannu.
"Injifannoonis ta'e mo'amuunis kan Waloo keenyatti." ๐ฉต
Naamusa gaarii fi hojii cimaadhaan Dirree Dhawaa bakka buutanii hanga sadarkaa kanaatti asii gayyu keessaanin nu boonsitaniittu. Kanaaf onnee guutuudhaan isin galateeffanna. ๐
Mo'amuun har'aa karaa xumuraa miti; barnoota boruuf isin cimsu dha. Dorgommii itti aanu keessatti caalaatti jabooftanii akka deebitan ni amanna. Yeroo hunda isin cina dhaabanna. Mataan keessan ol qabadhaa, fuuldurri keessan ifaadha! ๐โฝ
Gareen Kubbaa Miilaa Urjii Qafira , hojii cimaa, kutannoo fi yeroo bareedaa nu agarsiistaniif kabaja guddaan isin galateeffanna. Ambaasaaddaroonni Dirree Dhawaa, goototaa keenya, filatamtoonni keenya yeroo hunda nuuf jiraadhaa! ๐๐ฉต
Nagaan isin haa baay'atu. ๐