15/09/2022
Waldaa Leenjistoota Worlid Teekwaandoo Harargee Bahaa
Peejiin kun guddina maarshaal Aartii worlid teekwaandoo irratti odeeffannoo fi beekuumsa adda adda
15/09/2022
14/08/2022
Akkam jirtan jaalatamtoota miseensoota waldaa Leenjistoota worlid Teekwaandoo harargee bahaa fi jaallattoonni Ispoortii keenyaa hundi keessaniyyuu bakka jirtanitti nagaan isiniif haa baay'atu.
Oolmaa guyyaa har'aatiin, KHR fi hooggantoonni waldaa keenyaa marii gaggeessaa kan turan yoo ta'u, dhimmoota ijoo ijaarsa waldaa kanaa fi guddina ispoortii irratti qabxiilee murteessoo ta'an erga lafa kaa'anii booda, Asxaa waldaa keenyaa akka ta'uuf Loogoo kana filateera.
Qabxiilee lafa kaa'amanis yeroo dhihootti gara hojmaataatti jijjiiruuf namni miseensa waldaa kanaa ta'e kamiyyuu dammaqinaan hirmaachuu akka qabu dhaamame.
leenjistoonni heyyama malee bakka adda addaatti leenjisaa jiraniis ulaagaa barbaachisu guutuu qabu jedhame.
Akkasumas Leenjistoota Miseensa waldaa kanaa ta'aniif uunkaan foormii itti guutan qophaa'uu akka qabus murtaa'e.
Kanneen qabxiilee har'a dubbataman keessaa muraasa. Kanneen hafan immoo yeroo gabaabaatti isin bira gaha.
Galatoomaa.
Click here to claim your Sponsored Listing.