Garuma Diribi Abebe

Garuma Diribi Abebe

Share

"Gaarummaan matuma ofiif(goodness is for your's)!!. NO PAIN NO GAIN! Uumaakoo❤❤❤
MOM ❤❤❤
DAD ❤❤❤
Oromummaakoo😍😍😍
Biyyakoo 😍😍😍

Studied at Haramaya University

15/05/2026

Gurbaa tokkotu Barsiisaa isaa durii karaa irratti argee; "Akkam jirtu kabajamoo barsiisaakoo durii?" jedhee nagaa gaafata.
Barsiisaa:- "Nagaa kooti. akkam ati? Amma maalirra jirta?, hojii qabattee?
Gurbicha:- "Eeyyee gorsa keessan yerichaa dhaga'een anis Barsiisaa ta'een hojjachaa jira" jedheen.

Barsiisaa:- "Maal jedheen si gorse ture?"
Deebiin Gurbaa kunooti.👇
"Guyyaa tokko hiriyyaa koo kan waliin barachaa turre sa'aatii harkaa bareedaa qabatee kutaa barumsaa dhufe. Saa'atichi gar-malee waan natti bareedeef jalaan hate.
Yeroo muraasa booda hiriyyaan koo sa'aatiin isaa jalaa akka bade isinitti himate.
Achiis akkas jettanii kutaatti dubbattan" Namni jalaa fuutan deebisaaf!" jettan.

Anis deebisuu waanan hin barbaanneef nan callise. Isinis balbala cuftanii ol nu kaaftanii, hamma sa'aatichii argamutti borsaa keenya sakatta'uuf murteessitan.
Sakatta'uun dura ija keenya akka dunuunfannu nu ajajjan.
Borsaa nama hundaa sakatta'aa gaafa borsaa koo sakattaatan sa'aaticha argitan.

Haa ta'u malee ammas sakatta'uu ittuma fuftan. Eega waliin geessanii booda amma ija banadhaa sa'aatiin argameera jettan.
Maqaa koo na hin dhoofne, nama na hin hamachiifne, nattillee hin dubbanne. Eenyu akka hatellee hin kaasne. Guyyaa san kabaja koo naaf eegdan. Bara jireenya kootti guyyaan gar-malee salphadhee ture guyyaan suni. Isin waan tokko naan hin jenne, qofaattis na baaftanii akka ani lammata itti hin deebineef gorsa naaf hin laanne. Anaaf gorsi fi barumsi kana caale hin jiru. Galatoomaa. Barsiisaan dhugaa maal akka gochuu qabu sinirraan bare. Ni yaadattuu? professor waan kana" jedheen gurbaan.

Profesoriin buleessii kun "eyyeen, saa'atiin hatamuu fi sakatta'uu koo nan yaadadha. Garuu si tahuu hin yaadadhu. Anis ija koo cufadheen/dunuunfadheen isin sakatta'aa ture" jedheen.

Argitee mitii akka Namni itti barsiisuu fi baratu!
Warra dogongora nama tokkoo gabaatti baasuutti wal dorgomuuf maxxansi kun barumsa ta'uu hin ooltu.....

Namni dubbisu hin badu! Baga dubbiste!
Yoo sitti tole share godhi.

11/04/2026

Baga ayyaana du'aa ka'uu nagaan geessan!

ayyaana gaarii!

21/03/2026

Manni gubate jennaan "nuyi duruu beekna utubaa nurraa qabaa" jette jedhan Eeleen.

07/03/2026

Temalkat warra osoo hin baratiin barsiisuu barbaadu.Barsiisuufmoo wallaalchisuuf laata naaf galuu dide.Hundaafuu ofiiyyuu hin baranne waan biraa hojjedhu yookiin dursa ofumaaf sirriitti baradhuu, qubeessuu shaakali!🙄

Photos from Garuma Diribi Abebe's post 01/03/2026

Baga nagaan kabaja ayyaana Injifannoo Adawaa waggaa 130ffaan isin gahe!nuun gahe!
እንኳን ለ130ኛው የአድዋ ድል በዓል በሰላም አደረሰዎ! አደረሰን!
Happy to the adwa victory of 130th year!

26/01/2026

Qananiisaatu gaaf tokko Hoteelasaa isa darbii 5ffaa irraa, Aanga'oota Mootummaa osoo daawwachiisaa jiruu bilbilli bilbilameef….

Bilbilan baasa jedhee kiisii yoo seenu, qarshiin 1 inni saantimni sun bilbila waliin ba'ee darbiirra konkolaatee lafatti qajeele. Qananiisaan Aanga'oota mootummaa sanaan "asumatti na eegaa" jedhee fiigichaan sokke. 😃 Saffisa isaa beektu mitiiree? Lafa ga'ee barbaadee dhabe. Sana booda Waardiyoota keessaa isa tokko ofitti waamee, “saantimni 1 amma darbii 5ffaa irraa buutee turte, agarteettaa?” Jedhee yoo gaafatu, Waardiyichi yoo maal jedhee deebise gaariidha? " Situ isa dursee as gahe waan ta'eef xiqqoo eegi dhufaa jira" jedheen jedhan🤣

jedhan jedhaniidha garuu...! 😆
waanuma natti toleefan siniif qoode.

Want your business to be the top-listed Gym/sports Facility in Harar?

Click here to claim your Sponsored Listing.

Location

Telephone

Address

Harar