05/08/2026
📖 TAJAAJILA AYYAANA SADAFFAA
“Abbaan Ayyaana Kenna, Ilmi Ayyaana Mul’isa, Hafuurri Ayyaana Barsiisa”
📜 Seensa
Ayyaanni barumsa qofa miti — hojii waaqummaa Waaqa Sadan tokkummaa cubbamoota hin malle irratti hojjetudha. Dhugaa Baraa keessatti ayyaanni guutummaatti mul’ata Iccitii Qaama Kiristoos ilaalchisee Ergamaa Phaawulosiif kennameen (Efesoon 3:1-9). Abbaan ayyaana karoorfate, Ilmi ayyaana mul'ise, Hafuurri Qulqulluun amma amantoota ayyaanaan akka deddeebi'an barsiisa.
“Ayyaanaan amantiidhaan fayyite...” — Efesoon 2:8 (KJV)
Har'a hojii tokkummaa Waaqummaa Bara Ayyaanaa keessatti ni ilaalla. 🙌
1️⃣ ABBAAN AYYAANA KENNA
📖 Efesoon 1:4-6
Abbaan madda fi karoora ayyaanaati. Fayyinni kan jalqabe carraaqqii namaatiin osoo hin taane kaayyoo Waaqayyoo isa bara baraati.
🔹 A. Ayyaanni Isaa Addunyaa Dura KARROORFAME
📖 2 Ximotewos 1:9
Ayyaanni osoo hin jalqabin kaayyoo qaba ture.
Waaqayyo dursee namni akka kufu beeka ture.
Fannoon balaa(TAASA) osoo hin taane beellama ture.
🔹 B. Ayyaanni Isaa Karaa Kiristoosiin DHIYAATE
📖 Roomaa 3:24
Abbaan fayyina tola dhiyeesse.
Ayyaanni hojiidhaan bitamuu hin danda’u.
Qajeelummaan kennaa malee badhaasa miti.
🔹 C. Ayyaanni Isaa Hundaaf KAROOFAME
📖 Tiitoos 2:11
Ayyaanni Yihudii fi Ormootaaf Qaama tokkoon ni argama.
Barri Ayyaanaa saboota hundaaf fayyina mul’isa.
Waaqayyo namni kamiyyuu akka badu fedhii hin qabu.
🔹 D. Ayyaanni Isaa Kiristoos Keessatti EEJJANNOO UUMSA
📖 Efesoon 2:6
Amantoonni bakka samii keessa taa’anii jiru.
Jaallatamaa keessatti fudhatama arganna.
Dhaabbanni keenya Kiristoos keessatti mirkanaa’aadha.
🔹 E. Ayyaanni Isaa NAGAA Wabii ta'a
📖 Roomaa 5:1-2
Ayyaanni Waaqayyoo wajjin nagaa kenna.
Kana booda Kiristoos keessatti balaaleffannaan hin jiru.
Amantoonni amma ayyaana keessa dhaabbatu.
🪔 Fkk:
Abbaan jaalalaa 1chaa mucaa isaa gonkumaa kenuf hin dandeenye kaffaluun jaalalaa Waaqayyo Abbaan cubbamootaaf qabu agarsiisa. KUTAA 2FFAA ITTI FUFA