Jamel Hassen

Jamel Hassen

Share

Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Jamel Hassen, Public swimming pool, Sanaa, Aden.

07/03/2024

Gabaa isaanirati mangudoota akkanaefatu irati
Arkamee

05/03/2024

Soomaaliyaa fi Hindiin Ergama Hindii Moqaadishootti deebisuuf mari'achaa jiru.

ONM-ABO Bitootesssa 5,2024 Ministeera Dhimma Alaa fi Tumsa Idil-Addunyaatti Barreessaa Dhaabbataan Obbo Hamzaa Adan Haadoow, Wiixata kaleessaa (Amajjii 4) magaalaa Moqaadishootti jila beekamaa Dr. Suresh Kumar M. , Ministeera Dhimma Alaa Hindii kutaa Eeshiyaa Dhihaa fi Afrikaa Kaabaa (WANA) keessatti barreessaa waloo (JS) waliin ta’uun walitti dhufeenya cimsuu fi tumsa biyyoota michoota lamaan gidduu jiru dameelee adda addaatiin bal’isuu irratti mari’ataniiru .

Qabxiin ajandaa ijoo ta’e marii ergama dippilomaasii Hindii Moqaadishootti argamu deebisee hojiitti galchuu ilaalchisee taasifame ture. Qaamoleen lamaan lammiilee Somaalee dhimma yaalaaf gara Hindiitti imalaniif adeemsa viizaa salphisuuf tarkaanfiin kun barbaachisummaa isaa hubataniiru.
Tarkaanfiin kun namoota dhuunfaa Somaaliyaa irraa dhaquun Hindiitti yaala barbaadaniif tajaajila eegumsa fayyaa barbaachisaa ta’e haala salphaan akka argatan ni taasisa jedhamee eegama jechuun Ministeerri Haajaa Alaa Soomaaliyaa ibsa baaseen beeksiseera.

02/03/2024

Hoogganaa keenya
Marroo Marii Sabaa
Umrii Nuuf Dheeradhu
Buqqisaa Shira Dabaa!!

Leenca Jabaa Onnataa
Kan Diina Sagachiisu,
Oomishaa Loltuu Haqaa
Kan Kumaan Hidhachiisu,
Diina Daaraa Taasisee
Kan Lammii Gammachiisu!!

Cichaakoo Haqaaf Falmu
Hidhannoo Jabeeffatee,
Jabuummaa Ati Qabdu
Addunyaan Raajeffatee,
Yoomiyyuu Sin Shakkinu
Gootakoo Bifni Leencaa
Kan Irbuu Isaa Tikfatee!!

Walqixxummaaf Qabsooftu
Dhiigaa Tooraan Coccobsaa,
Kutataa Sanyii Taaddee
Maafan Seenaakee Dhoksaa,
Baroodaa Gaara Gubbaa
Situ Burqaa Gantuu Gogsaa,
Dadhabee Gadi Hin Teenye
Beeluufi Dheebuu Isaa Obsaa!!

Umurii Nuuf Dheeradhu
Akka Mootii Arraagessaa,
Jabaadhuu Dhugaaf Falmi
Galma Kaayyoos Ni Geessaa,
Gantuufi Hattuu Buqqisi
Warra Ilkeen Bineensaa,
Yoomiyyuu Iddoo Qabdaa
Onnee Sabakee Keessaa!!
❤❤💚❤❤💚❤❤💚❤❤

02/03/2024

Waraanni faashistii PP Qeerroo tokko godina Qellem Wallaggaa aanaa Sayyoo keessatti ajjeesan.

ONM-ABO Bitootessa 2,2024 Waraanni sirna nama nyaataa PP lubbuu ilmaan Oromoof naasuu tokko hin qabne godina Qellem Wallaggaa aanaa Sayyoo keessatti qeerroo tokko ajjeesan.
Gareen faashistii PP kun kaleessa Bitootessa 1 qeerroo maqaan isaa Qalbeessaa Shifarraa jedhamu galgala irraa toora sa'a 4:00 irratti aanaa Sayyoo ganda Riphaa Guutee Sooyyamaa bakka Shum'ee jedhamutti mana isaa keessaa gadi waamuun rasaasa itti roobsanii ajjeesanii karaa irratti gatan.
Qeerroon kun nama hojii dhuunfaa isaa hojjetatu malee tuttuqaa siyaasa kam irraayyuu walabaa ta'uu uummatni naannichaa dhugaa ba'us, ergamtootni Abiy Ahimed garuu ol adeemaa kana ajjeesuuf harki isaanii qarabaa qawwee harkisuu irraa of hin qusanne.

14/02/2024

Lammiileen Sarbiyaa kumaatamaan lakkaa'aman Koosoovoo keessatti uggura maallaqaa irratti mormii dhageessisan

ONM-ABO Guraandhala 13,2024 Koosoovoo keessatti lammiilee xiqqaan Sarbiyaa kumaatamaan lakkaa’aman Wiixata kaleessaa naannoo jiraatanitti maallaqa Sarbiyaa akka hin fayyadamne dhorkamuu mormuun, dhimmi kun rakkoo yeroo dhiyoo asitti hariiroo Sarbiyaa fi Koosoovoo gidduutti uumameef sababa ta’eera.

Mootummaan bulchiinsa Sarbiyaa duraanii Koosoovoon, baankotaa fi dhaabbileen faayinaansii biroo naannoo Sarbiyaa keessa jiraatan daldala biyya keessaa keessatti dinaara kana akka hin fayyadamne dhorkuun Yuuroo akka fayyadaman erga taasiseen booda waldhabdeen hammaate.

Dinaarri kun naannoolee saboonni Sarbiyaa baay’inaan jiraatan, keessumaa kaaba Koosoovoo keessatti, manneen barnootaa fi hospitaalota dabalatee, dhaabbilee Sarbiyaan geggeeffaman keessatti hojjettoota sooramaa fi miindaa kaffaluuf bal’inaan itti fayyadamaa ture.

Uggurri kun lammiilee Sarboota Koosoovoo fi Sarbiyaa aarsee jira. Hoggantoonni Sarbiyaa fi Koosoovoo torban darbe walgahii Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii irratti taasisaniin dhimma kana irratti wal dhabaniiru.

Mormitoonni hiriira kutaa Sarb magaalaa Kaaba Koosoovoo qoqqoodamte Mitrovikaa keessatti geggeeffame irratti akka jedhanitti, dinaara haquun mirga lammiilee Sarb Koosoovoo keessa jiraatan kan sarbuu fi loogii kan agarsiisudha jedhan.

Hawaasni addunyaa mootummaan Koosoovoo tarkaanfii kana duubatti akka deebisu dhiibbaa akka godhu dhaamaniiru.

Bara 1999tti duula boombii NATO guyyoota 78f tureen waraana humnoota mootummaa Sarbiyaa fi namoota saba Albaaniyaa adda bahuu barbaadan gidduutti Koosoovoo keessatti geggeeffamee xumure.

Humnoonni Sarbiyaa dhiibamuun gara duubaatti kan ba'aan yoo ta’u, garuu Beelgireed walabummaa Koosoovoof beekamtii dhorkuun ammallee akka bulchiinsa Sarbiyaatti ilaalti.

Gamtaan Awurooppaa fi Ameerikaan Koosoovoon dinaara kana dhorkuu ishee naannoo duraanuu rakkoo qabu keessatti waldhabdee uumuu akka danda’u yaaddoo qaban ibsuun, mariin akka taasifamuu fi tarkaanfiin kun akka turu gaafataniiru.

Gamtaan Awurooppaa hariiroo isaanii idileessuuf jecha marii Sarbiyaa fi Koosoovoo gidduutti taasifamu geggeessaa kan ture ta'us, mariin kun bu'a guddaa hin finne. Lola waraanaa Yukireen keessatti geggeeffamaa jiruun taateewwan jeequmsaa darbee darbee naannichatti mudatuun sodaa tasgabbii dhabuu Baalkaan keessatti mul’atu jabeesseera jechuun Euronews gabaaseera.

14/02/2024

Goota gootototaa fi warra dhugaatu yaadata!
Weellisaa Daadhii Galaan goota addaa dhaloota keenya ti!

Sirni yaadannoo wareegamuu Artist Galaan WAGGAA 5ffaa jaallattoota isaan yaadatamee darbe.

''Gaaffiin qaba, har'aas gaaffiin qaba Naadhii Gammadaa...'' jechuun kan weellise Artistii Daadhii Galaan har’a erga wareegamee waggoota Shan darbanis seenaa isaa akka hojii isaatti beekamtiin hin kennamneef.

Artist Daadhii Galaan wallee isaa cinaatti kitaaba barreessuun dhalootaaf galaa kaayee darbeera.
Dhalootni guyyaa wareegama Daadhii Galaan Yaadatee oolaa jira.

03/01/2024

Yaa Abo ko wbo nutisiin maarginnee
Biiftuubilisuummaa nu summaan arginee gaarbimmaa maancaftee biliisummaa fidee kiloo 4)fur seenuf tarkkaanfii itifuuftee injiiganoon galii biiyyaate dhuunfatee!!

Photos from Jamel Hassen's post 03/01/2024

WBO zoonii kibbaa Cibraan Soddom Booroo godina Boorana Baha aanaa Gumii Eeldalloo keessatti diina adabuun meeshaa irraa hiike.

ONM-ABO Amajjii 3,2024 Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn kaleessa Amajjii 2 tarkaanfii laalessaa waraana faashistii PP irratti godina Boorana Bahaa aanaa Gumii Eeldalloo ganda Boobaa iddo addaa Waaba Xoree yookiin Dhaddachaa Eebbee jedhamutti humna PP kan oraalii tokkoon sochootu haxxee ittii hidhuun guutuma guutuutti barbadeessee jira.

WBOn Cibraa Soddom Booroo tarkaanfii kana fudhate kun humna diinaa irraa:-
Qawwee AKM 21, PKM 1, Isnaayippeera 1 fi Boonbii harkaa 10 olii irraa booji'un moonaa qabsoof galii yoo taasisu oraalii ishees irraa dhuunfatee jira.

Tarkaanfiin itti fufa!

Injifannoon Uummata Oromoof!

03/01/2024

WBO zoonii kibbaa Cibraan Soddom Booroo godina Boorana Baha aanaa Gumii Eeldalloo keessatti diina adabuun meeshaa irraa hiike.

ONM-ABO Amajjii 3,2024 Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn kaleessa Amajjii 2 tarkaanfii laalessaa waraana faashistii PP irratti godina Boorana Bahaa aanaa Gumii Eeldalloo ganda Boobaa iddo addaa Waaba Xoree yookiin Dhaddachaa Eebbee jedhamutti humna PP kan oraalii tokkoon sochootu haxxee ittii hidhuun guutuma guutuutti barbadeessee jira.

WBOn Cibraa Soddom Booroo tarkaanfii kana fudhate kun humna diinaa irraa:-
Qawwee AKM 21, PKM 1, Isnaayippeera 1 fi Boonbii harkaa 10 olii irraa booji'un moonaa qabsoof galii yoo taasisu oraalii ishees irraa dhuunfatee jira.

Tarkaanfiin itti fufa!

Injifannoon Uummata Oromoof!

Want your business to be the top-listed Gym/sports Facility in Aden?

Click here to claim your Sponsored Listing.

Location

Website

Address

Sanaa
Aden