Mahammad diinoo

Mahammad diinoo

Share

Mahammad Oromo

31/07/2025
11/07/2022
07/06/2022

Dhugamoo soba

15/05/2022

Sheikh Amiin Ibroo Seid jachuun Daa'ii Addunyaa guutuu (Dirre Dawa irraa hanga Austoralia tti) Da'awaan isaa walgeeysee dha.

Hayyuun jaalatamaan kun waggaa 30 oliif Masjiida Baaburrahmaa keessatti salaachisaa, qaraasisaa ture. Yeroo Ramadaanaa Tafsiira Quraanaa, Siiraa Nabiyyii S.A.W, kan sahaabotaa fi taabi'ootaa barsiisaa ture.

Waggoota 20'n dabran ammoo kitaaba akka, Riyaadaa, Buluughaa faas barsiisaa ture.

Kana malees Da'awaan isaa Afaan Oromootiin, Africa Tv, Hamiltan, Nuur Alhudaa fi Tv Islaamaatiin Islaamaa addunyaa bira gaheera. Miliyoonotaan daawwatama, caqasama!

Hayyuun kun waggaa shaniif Presidantii dhimma Islaamaa Magaalaa Dirree tahuun tajaajilaa kan ture yoo tahu yeroo ammaa walitti qabaa Du'aataa fi Imaama Oromiyaa tahuun tajaajilaa jira.

Sheekhni Da'awaaf bakki isaan hin deemin hin jiru. Ollaa teenya Kenya irraa eegalee, South Africa, Middle east, America state adda addaa yeroo jaha oliif deemeera. Germany, sweden, France, dabalatee biyyoota Europe 16 ol deemeera. Biyyoota fagoo kanneen akka Canada, Australiallee hin hanqanne.

Gaafa Miidiyaan hin jirre Kaaseetaan, addatti ammoo yeroo ammaa, Miidiyaa Addaa, Facebook irratti Page banachuun sa'aa 24 barsiisaa jira. Maasha Allah!

Rabbi Umrii isaanii nuuf haa dheereeysu!

Barreeysaan: Hamza Abdulhakim.
Galatoomaa!

15/05/2022

Dr.Jeeylaan Khadir
***************
Maqaan isaanii Dr. Jeeylaan Khadir Gammadaa (Abu Abdurrahmaan) jedhamu. Aalima, Mudarrisa, Muhaddisaa fi Muftii Addunyaati.

Dr. Jeeylaan Naannoo Oromiyaa, Godina Arsii, Aanaa Mooneessaatti Bara 1950 dhalatan. Dr. Jeeylaan akkuma Aadaa Ulamaa'ii biyya teenyaatti joollumuma isaaniirraa barnoota Islaamaa barachuu eegalan.

Umrii isaanii amata 10tti Quraana juuza 30 n erga xumuran booda, Ilmii barachuuf manarraa bahan. Barnoota isaaniifiis Godina Baalee fi Arsii keeysatti sheekkan hedduurratti amata 12 caalaa erga baratan booda Bara 1973 tti bultii ijaarratan. Baruma kanatti abbaa isaanii wajjiin gara Makkaa imaluun sirna hajjii erga raawwatan booda, Abbaa isaanii jalaa makkatti hafuun Ilmii barachuu itti fufan.

Dr. Jeeylaan yeroo sanitti Aalima tahanis garuu ragaa barnootaa (shahaadaa) waan hin qabneef Bara 1974 tti barnoota sadarkaa 1ffaa barachuu eegalan. Bara 1974-1981 tti barnoota sadarkaa 1ffaa fi 2ffaa baratanii turan.

Dr. Jeeylaan itti fufuun bara 1984 tti koolleejjii shari'aa Islaamaa irraa Digrii 1ffaa fudhatanii turan. Kanatti aansuun barnoota isaanii osoo adda hin murin Maastarsii isaanii barachuu eegalan. Sheekhni "maastarsii barachuun jabduu turte" ja'an. Tahuus garuu boodarra Maastarsii isaaniis kitaaba الدعاء ومنزلته ja'uun fudhataniiru.

Kana booda gara Finfinnee deebi'uun barnoota Islaamaa barsiisuu eegalan. Ulamaa'ii Oromoo akka idil-addunyaatti beekkaman keeysaa isaan tokko. Gamtaa Ulamaa'ii Afrikaatti itti aanaa dura bu'aa gamtichaa ti. Kitaabota hedduu barreeysuun beekkaman. Sheekkan hedduuf hayyama barsiisuu (Ijaazaa) kennanii jiran.

Rabbi Umrii isaanii nuuf haa dheereeysu. Galata (Jazaa) isaanii Jannatul Firdoowsi Rabbi haa godhu!
منقول

Want your business to be the top-listed Gym/sports Facility in Raydah?

Click here to claim your Sponsored Listing.

Location

Telephone

Address

Radaa
Raydah
677644