03/11/2025
"Ani torbee darbe biiliyeenara hin taane" CR7
Gaazexeessaa: Ati torbee darbe keessa biiliyeenara taate jedhama dhugumaa?.
Ronaaldoo: Lakki kuni soba, ani torbee darbe osoo hin taane waggoota muraasa dura (bara 2020) biiliyeenara ta'e.
Gaazexeessaa: Wayinii Ruuniin Ronaaldoo hin jibbu jedha, garuu immoo Meesiitu si caala jedha.
Ronaaldoo: Rakkoo hin qabu, ani garuu yaada Meesiitu caala jedhuun walii hin galu.
11/08/2024
“Siifaan nan diqisiifadha” Tigisti Asaffaa.
Tigisti Asaffaa miidhama miila ishee muudateen fiiguu mitii miilan dhaabattee deemuun keetuu shakkiidha jedhamtus, ergasii maaraatooniin Barliiniin riikardii addunyaa fooyyessuun, har`a Olompikii Paarisiin meetii argatte.
Tigisti Asaffaa dorgommii Olompikii Paarisiin booda yaadota kanaa gadii kennite.
Waa’ee meedaaliyaa meetii injifachuu:
“Maaraatoonii Olompikii Paarisiin sababa hoo`aaf baay`ee rakkadheen ture, meedaaliyaa warqiif hojjechaa turus sadarkaa 2ffaa bahee meetii argachuu kootti gammadeera”.
Waa’ee dorgommii:
“Dorgommichi gaariidha, haala teessuma lafaa Paarisiin wal fakkaatu tabbaafi gadee iddoo qaburratti shaakaalaa waanan tureef teessumni lafaa Paaris na hin rakkisne. Qorumsi guddaan hoo`a Paaris, yeroo km 35 irraa gahu hoo`ichi akka dhiibbaa narratti uumaa jirtu natti dhagahame”.
Waa`ee Siifan
“Dorgommi fageenya gabaabaa tiraakii irraa maaraatoonii irratti hirmaachuun baay`ee ulfaatadha, kanaafuu Siifan dinqisiifadha”.
Karoora
Meetira 10,000 irratti hirmaachuun barbaada, garuu yoom akka ta`u hin beeku.
06/07/2024
Baankiin Daldala Itiyoophiyaa baruma liigichatti guddateen shaampiyoonii Piriimiyeer Liigii Itiyoophiyaa bara 2016 ta`e.
04/07/2024
Ramaddii gulaallii waancaa Afrikaa 2025.
Ramaddii H
Itiyoophiyaa
DR Koongoo
Giinii
Taanzaaniyaa
08/05/2024
Aleksi Faargusan
Waggoota 11 dura guyyaa akka har`a, Aleksi Fargusan hojii leenjisummaa Maanchistar Yuunaayitid irraa soorama bahuu beeksisan.
Maanchistar Yuunaayitid jabana Faargusan waggoota 26 keessatti waancaa Piriimiyer Liigii 13 dabalatee, waancawwan 38 argate, amma kufaatii Fargusan booda isa muudaterraa bayyanachuu hin dandeenye.
09/04/2024
Santiyaagoo Bernaaboon haala kanaan cufamee Maanchistar Siitii simata.
Kuni immoo sagaleen deeggartoota Maadiriid achuma keessatti hafee taphattoota Maanchistar Siitii tasgabbii akka dhoowwufi.
01/04/2024
Waadaa Diidee Diroogbaafi Howaan Maataa.
Bara 2012 yeroon Cheelsiif taphachaa ture leenjisaan keenya Andiree Viyaas Bo`aas hojiirraa erga gaggeeffamee booda, nuti taphattoonni hojiirraa kaafamuu nama kanaaf itti gaafatamummaan keenya maal ture jennee marii gabaabaa gaggeessine.
Dursaan taphattootaa Joon Teerii, Firaanki Laampaardi, Piiter Cheekiififi taphattoonni jajjabboon haasa`an. Tapha marsaa moo`anii darbuu kilaboota 16 hirmaachisuun tapha jalqabaan Neeppilsitti Naappooliidhaan goolii 3 fi 1`n moo`amnus waan qabdu hunda kenninee waancaa Chaampiyoonsi Liigii fudhachuuf murteessine.
Sana dura woggoota 8`tif waancaa kana fudhachuuf hojjennus sadarkaa 2ffaa oliin xumuruu hin dandeenye.
Hundi keenyaa anatu caalaafi kabaja dhuunfaa keenyaa cinaatti dhiisnee kaayyoo tokkoof cichinii hojjechuuf murteessine.
Walgahii garee taphattootaa sana booda yeroos umurii 23 kan ture Howaan Maataadhaan akkan waancaa kana injifadhu na gargaariin jedhee gaafadhe.
Howaan Maataan ija keessa na ilaalee “ Ni maraattee? Ati Diidee Diroogbaadham, inumaa akkan ani waancaa kana injifadhu kan na gargaaruu qabu si’i” nan jedhe.
Ani (Diroogbaa) akkas jedheen deebiseef “ Ani waggoota 8`tiif Cheelsii keessa turee waancaa kana moo`achuu hin dandeenye. Kanaaf na Amani namni waancaa kana akka moo`annu nu gargaaruu danda`u si’i. yoo waancaa kana moo`anne sin badhaasan” jedhee deebiseef.
Ji`oota 3 booda Naappoolii, Beenefikaafi Baarseloonaa moo`un tapha xumuraa Muunikiif geenye.
Caamsaa 19, 2012 Istaadiyeemiin Aliyaanzi Areenaa tapha xumuraa abbaa dirree kan ture Baayer Muunikiifi Cheelsii keessummeessuuf hidhannoofi alaabaa diddimaa barreffama warraa Baavaariyaan onnachiisuun guutamee nu eege.
Taphichi xumuramuuf hanga daqiiqan 8 hafutti Baayer Muunik goolii 1 fi 0’n nu dursaa ture, ani abdii kutachuun onneen dhabe. Garuu Howaan Maataan dhufee Diidee abdii hin kutin amanuu itti fufi nan jedhe. Ani ija koo boo`uuf imimmaaniin guutameen Maataa ilaalaan maalan amana? xumurameera akkuman ji`oota muraasa dura Kotidivaar waliin waanaa Afrikaa dhabuun boo`e, ammas carraan koo boo'uu ta`uuf deema jedheen deebiseef.
Daqiiqaa nu hafte keessatti osuma taphannu rukuttaa rogaa arganne. Maataan dhaqee rukuttaa rogaa rukute ani (Diroogbaan) ol utaalee addaan itti bu`een galchee tokko qixa taane.......
Daqiiqaa 30 dabalame keessattis gooliin biraa hin galle. Peenaalitiin Cheelsiin 4 fi 3`n moo`ee seenaasaa keessatti yeroo jalqabaaf shaampiyoonii Awurooppaa ta`e.
Maataan peenaalitii jalqabaa rukutee hin galchine. Diroogbaan peenaalitii xumuraa galchuun shaampiyoonii ta'an.
25/03/2024
Daanii Alvees maallaqa wabii yuuroo miiliyoona tokko kaffaluun mana hidhaatii bahe.
Alvees mana hidhaatii bahus akka fedhetti iddoo barbaadetti socho`uuf ammas murtee xumuraa eeguuf dirqama.