Black Solder Fly as a best sources of protein for Poultry!!
Stay connected for more!!
Adami Tullu Agricultural Research Center - ATARC
"Enhance agricultural production and productivity through innovation, adoption, implementation and dissemination of appropriate agricultural technologies."
!!
===
Hojii Qorannoo fi Oomisha buburree Giddugaleessa Qorannoo Qonnaa Adaamii Tulluu ti hojjatamee fi yeeroo tekinoloojii ammayyaan tumamu agarsiisu.
19/05/2026
Karoora Ragaa hojjattoota mootummaa qulqulleessuu fi mirkaneessuu irratti leenjiin kenname.
===
Giddugaleessa Qorannoo Qonnaa Adaamii Tulluu tti leenjiin Karoora Ragaa hojjattoota mootummaa qulqulleessuu fi mirkaneessuu irratti kan kennamee fi hojjataan hundi hubannoo qabaachuun qulqullina hojii mootummaa fi hawaasaaf xiyyeeffannoon akka hojjatu kallattiin kaahameera.
Oromia Agricultural Research Institute -IQQO
Oromia Bureau Of Agriculture/Biiroo Qonnaa Oromiyaa
Oromia Communication Bureau
Oromia Prosperity Party / OPP /
Adeemsa baayyisaa fi raabsaa sanyii Lukkuu Koekoe Giddugaleessa Qorannoo Qonnaa Adaamii Tulluu tiin hojjatamaaru.
===
Koekoe poultry multiplication and distribution process at Adami Tullu Agricultural Research Center - ATARC
15/05/2026
Pomegranate ykn Romaane biyyoota sadi (Sa'ud Arabiyaa, Oomaanii fi Yeman) irraa dhufanii fi Qorannoo irra jiran yeeroo ammaa haala isaan irra jiran suuraa dhan.
Adami Tullu Agricultural Research Center - ATARC
Oromia Agricultural Research Institute -IQQO
Oromia Bureau Of Agriculture/Biiroo Qonnaa Oromiyaa
Ministry of Agriculture - Ethiopia
Oromia Communication Bureau
Oromia Prosperity Party / OPP /
Lemi Korso
Dr Gebawo Tibesso
13/05/2026
👌
***************************
Inistiitiyuutiin Qorannoo Qonnaa Oromiyaa Sanyiilee Filatamoo Haaraa Fayyadamtootaaf Gadi Lakkise
*******
Inistiitiyuutiin Qorannoo Qonnaa Oromiyaa waggoottan digdamii shanan darban keessa sanyiilee filatamoo haaraa omishaa fi omishtummaan isaanii olaanaa ta’e qorachuun fayyadamtoota biraan gahaa tureera. Haaluma kanaan bara kanas gamaggama Koree Mirkaneessa Sanyii Filatamaa Biyyoolessaatiin Waltajjii Caamsaa 3-4/2018 geggeeffameen sanyiilee Midhaanii 32, Nyaata Beeyladaa 3, walumaagalatti sanyiilee haaraa 35 haala qilleensa adda addaa (Agro-Ecology) tiif mijatoo ta’an, akkasumas; omishaafi omishtummaan isaanii sanyii duraanii irraa %10 fi isaa ol caalmaa qaban kan faayidaa qonnaan/horsiisee bulaa mirkaneessan gadi lakkiseera.
🍎
Sanyiileen haaraa kunneen qulqullinaafi qabiyyee nyaataa olaanaa kan qaban, al-ergiifi omishaa alaa galu kan bakka bu’an, akkasumas; yeroo gabaabaa keessatti omishaaf kan gahan, dhukkubaafi ilbiisota kan dandamatan, hanqina roobaafi caamaa teknoolojiiwwan dandamatan ta’uun sadarkaa Biyyoolessaatti mirkana’ee jira.
🥭
Inistiitiyuutiin Qorannoo Qonnaa Oromiyaa sanyiiwwan moofaa fi omishtummaan isaanii gadi bu’e omisha keessaa baasuun sanyiiwwan haaraan bakka buusaa jira. Sanyii haaraa baasuu qofa osoo hin taane sanyiiwwan bahan kunneen sanyii ka’umsaa isaanii baay’isuun fayyadamtootaa biraan gaha jira.
🐣
Sanyii haaraa tokko qorannoon argachuun waggoottan heddu kan fudhatuu fi bu’aa bahii guddaa keessa ba’uun sadarkaa Biyyoolessaatti mirkaneessuu waan gaafatuuf waggaa tokko keessatti sanyiiwwan filatamoo haaraa 35 mirkaneessuun milkaa’ina guddaafi keessumattuu bara kana sanyiileen gadi lakkifaman baay’inaan isa jalqabaa yoo ta’u; milkaa’ina kanaaf qorattotaafi qooda fudhattoota hojii kana milkeessan hundaaf kabajaa fi ulfina guddaa akka qaban Daarektarri Olaanaa Inistiitiyuutichaa Obbo ibsaniiru.
Adami Tullu Agricultural Research Center - ATARC
Oromia Agricultural Research Institute -IQQO
Oromia Communication Bureau
Oromia Bureau Of Agriculture/Biiroo Qonnaa Oromiyaa
Oromia Prosperity Party / OPP /
Ministry of Agriculture - Ethiopia
Lemi Korso
Gebawo Tibesso
Dr Gebawo Tibesso
Robsan Amente
Adem Qumbi WarraGajoo
fans
07/05/2026
Yaala baqaqsanii yaaluu gaggeeffameen harreen rimaa dabsite nagaan akka adda baatu taasifame.
===
Guyyaa hardhaa Giddugaleessa Qorannoo Qonnaa Adaamii Tulluu tti sababa dabuu rimaatiin Harreen dhaluu dadhabde yaala baqasanii yaaluutiin rimaan akka keessaa bahu taasimee jira. Rimaan garaa keessatti dabe kun haala ulfaataa kan qabuu fi sababa dabiinsi hamaa taheef dhiibbaa haadhoon garaa baasuuf gootuun haadhoon akka miidhamtu godhuus yaalii taasifameen booda haala gaarii irra akka jirtuu beekuun dandahameera. Dr Gebawo Tibesso yaalli kun akka milkaahuuf gahee olaanaa kan bahatanii fi gara fulduraattis hojiilee kana caalu akka hojjatan abdii qabnu ibsaa akka Giddugaleessa tti galatoomaa jennaan.
Adami Tullu Agricultural Research Center - ATARC
Oromia Agricultural Research Institute -IQQO
Oromia Bureau Of Agriculture/Biiroo Qonnaa Oromiyaa
Oromia Communication Bureau
Oromia Prosperity Party / OPP /
Ministry of Agriculture - Ethiopia
Gebawo Tibesso
Lemi Korso
fans
06/05/2026
Bu'aa Qorannoo keenyaa ti!!
===
Kallattii hundaan sanyii filatamaa yeeroo wajjiin adeemu baasurratti xiyyeeffannee hojjanna. Kun bu'aa qorannoo keenyarraa eeggamuu dha.
Adami Tullu Agricultural Research Center - ATARC
Oromia Agricultural Research Institute -IQQO
Oromia Bureau Of Agriculture/Biiroo Qonnaa Oromiyaa
Oromia Communication Bureau
Oromia Prosperity Party / OPP /
Ministry of Agriculture - Ethiopia
Lemi Korso
Gebawo Tibesso
Dr Gebawo Tibesso
Robsan Amente
fans
Click here to claim your Sponsored Listing.
Location
Contact the business
Telephone
Website
Address
Oromia
Adama
229