Oromia Football Federation

Oromia Football Federation

Share

Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Oromia Football Federation, Sports Team, Addis Ababa.

08/07/2026

( vs )
Taphni Walakkaa xumuraa Shaampiyoonaa Kilaboota Liigii 1ffaa Oromiyaa Bulchiinsa Magaalaa Shaambuu fi Jiituu gidduutti gaggeeffamu xiyyeeffannoo Olaanaa argateera .

Taphni Shaampiyoonaa Kilaboota Liigii 1ffaa Oromiyaa Walakkaa xumuraa har'aa Magaalaa Amboo Dirree Gool FIFAtti B/M Jiituu fi B/M Shaambuu gidduutti gaggeeffama .

Taphni hawwii guddaan eegamu kun waaree booda sa'aa 7:00rraa eegaluun gaggeeffama .

02/07/2026

Shaampiyoonaa Kilaboota Liigii 1ffaa Oromiyaa walii galaan Ramaddii D'rraa Kilabiin Bulchiinsa Magaalaa Shaambuu dursee Liigii Olaanoo Oromiyaatti guddachuu isaa mirkaneeffate .

Ramaddicha irraa Kilabiin 2ffaa Nuusa xumuraaf darbuuf akkasumas Liigii Olaanoo Oromiyaatti guddachuuf Ijaajjii fi Zuwaay Dugdaa gidduutti Sanbata duraa dhufu morkiin gaggeessan ni eegama .

Kilaboonni Lameen qabxii ja'a ja'a qabaachuun hiree ofii murteeffachuuf ijibbaata falmatu .

Haftee taphaa tokko kan qabu Kilabiin Bulchiinsa Magaalaa Shaambuu ammoo Qarcaa waliin taphata .

Photos from Oromia Football Federation's post 02/07/2026

90+⏰ Dera 0-0 Goro


02 July 2026
🏟️ Ambo Goal FIFA

02/07/2026


Mirkana Wasene from Ijaji

Oromia First_League Championship 2026
Ambo 🏟
Thu 2 July 2026

02/07/2026

Kilabiin Bulchiinsa Magaalaa Shaambuu Erga gara Liigii 1ffaa Oromiyaatti dhufee Waggoota 6 booda yeroo jalqabaaf Liigii Olaanoo Oromiyaatti guddate .

Tapha Shaampiyoonaa Kilaboota Liigii 1ffaa Oromiyaa Magaalaa Ambootti dorgomamaa jiruun Kilabiin Bulchiinsa Magaalaa Shaambuu, Kilaba Bulchiinsa Magaalaa Ukkeetti aanuun Kilaba 2ffaa gara Liigii Olaanoo Oromiyaatti guddachuu isaa mirkaneeffate ta'eera .

Ramaddii isaarraa Shaampiyoonii ta'uun dorgommichaaf kan qaqqabe Kilabiin Magaalaa Shaambuu, haftee taphaa tokko osoo qabuu ramaddii isaarraa Dursee Nuusa xumuraaf darbuun gara Liigii Olaanoo Oromiyaa bara 2019tti guddachuu isaa mirkaneeffateera .

Photos from Oromia Football Federation's post 02/07/2026

70'⏰ Wadera 1-2 Horo Guduru Employees


02 July 2026
🏟️ Ambo Goal FIFA

Photos from Oromia Football Federation's post 05/06/2025

Baga Milkiin deebite🥰💥💥
Obboleettiin keenya Tajaajiltuu Waldaa Guutuu wangeelaa 'Qaxanaa 2' kan taate Miidhagduun Akka Addunyaatti dorgomuun 2ffaa baate, Afrikaa irraa immoo 1ffaa baate yeroo ammaa Nagaan Gara biyyaatti deebiteetti🥰🙏

Waaqayyo isa Akka Simboo isheef kennee injifannoon ishee deebiseef galanni haa tahu🙏

Suura: FBC

World Christian Media

Photos from Oromia Football Federation's post 05/06/2025


20'
Dimtu 0-0 Sirti

Wonji General Stadium

Photos from Oromia Football Federation's post 05/06/2025

Taphni Xumuraa Liigii Olaanoo Oromiyaa Kan bara 2017 bakka keessummoonni Olaanoon Argamanitti Sirxii fi Diimtuu gidduutti eegalera .

Photos from Oromia Football Federation's post 18/11/2024

Kilaboota Oromiyaa 12 Liigii 1ffaa Itiyoophiyaa torbee jalqabaa taphataniin Malkaa Noonnoo fi B/M Walisoo injifannoo jalqabaa isaanii galmeessan .

Liigii 1ffaa Itiyoophiyaa Torbee jalqabaan Kilaboota Oromiyaa 14 Liigicha dorgoman keessaa 12 tapha jalqabaa isaanii gaggeessaniin Kutaan Magaalaa Malkaa Noonnoo 3-0 Kolfee Qaraaniyoo yoo iniifatu , B/M Walisoo 1-0 Poolisii Magaalaa Finfinnee injifate .

Kilaboonni Oromiyaa 7 qixa bahuun qabxii yoo qooddatan Kilaboonni 3 ; Jimmaa Abbaa Jifaar , Gadab Hasaasaa fi B/M Hoolataa tapha jalqabaa isaaniin injifatamaniiru .

Kilabiin Kutaa Magaalaa Buraayuu tapha jalqabaa isaan Wiixata boruu ganama sa'aa 3:00tti Kutaa Magaalaa Boolee waliin ni taphata .

Qabxii Taphoota Torbee Jalqabaa Liigii 1ffaa Itiyoophiyaa Kilaboota Oromiyaa

✅ Malkaa Noonnoo 3-0 Kolfee Qaraaniyoo

✅ Walisoo 1-0 Poolisii Mag.Finfinnee

✅ Haadiyaa Lemmoo 2-1 Jimmaa Abbaa Jiaar

✅ Yuuiv.Samaraa 0-0 Jimmaa Abbaa Bunaa

✅ Maqii 0-0 Baatuu

✅ Halaabaa Shaggar 0-0 Furii

✅ Hoolataa 1-2 Hoomashaa Shangaa

✅ Jinkaa 2-0 Gadab Hasaasaa

✅ Bishooftuu 0-0 Nageellee Booranaa

✅ Poolisii Dirree Dawaa 0-0 Roobee

Want your business to be the top-listed Gym/sports Facility in Addis Ababa?

Click here to claim your Sponsored Listing.

Location

Category

Address


Addis Ababa