Shout out to my newest followers! Excited to have you onboard! Gomoro Abdi, Mebrete Gergiso, Abdullahi Mahamed Kelifa, Deso Baca, Fekede Gerbaba, Addisu Tekle, Jambo Kabale Guye, Amare Damtew, Zakir Alii, Wizy Rem Re, BSmart Ye Oromo Lij, Obsineet Galataa, Taju Mohammed, Dani Waqgari Dani Waqgari, MuliYe Worku, Axmad Cabdi Shugri, Birhanu Aga, Gizawu Talo Negesa, Girma Negi Ajersa, Likkitti Deemi, Nafyad Mulgeta, Didha Adamu, Gemechu Kebede, Isaf Isaaf Mirga Namoomaa, Haji Tame, Gaachenaa Baalchaa, Nujumaa Hassan, Walabu Times, Arbaa Nyaaphoo, Lencha Zelion, Tigabu Eshetu, Fedasa Asfawu
Ancient History of Oromoo
society and culture history
17/07/2026
“`~~~~““~~~~““`~~~~`♡
1. FINFINNEE
2. AGAMSA – Markaatoo
3. BADDAA EJERSAA – Ras Kaasaa Sefer
4. BAAROO KORMAA – Xuqur Anbassaa
5. BIRBIRSA GOOROO – Piassa
6. Caffee Araaraa -sidist kiiloo
7. CAFFEE aannanii – Meksiikoo
8. CALCALLI – Saar-bet
9. DAALATTII – 4-kiiloo
10. DILDILA ADURREE – Inxooxxoo
11. GARBII – Senga-taraa
12. GOLBOO – Ceerqoos
13. GULALLEE BADHAASOO – Qeeraa
14. HURUFA BOOMBII – Jaan-Meedaa
15. QARSAA – Kaasaanchis
16. ROOBAA – Nifaas Silk
17. Birbirsa-Georgis Church
18. Dhekkaa-Yeka
19. Dhooqa booraa-22 mazoria
20. Doobbii-Qacanee
21. Laga harree-Laga haar
22. Dabbassoo-mashalookiyaa
23. Bakkanniisaa-Mekanisa
24. Bookee-Bethel
25. Qarree Gowwaa- Gohatsion
26. Karaa Qoree-Karaa
27. Hawaas-Awash
28. Qaalluu-Kality
29. Laga Qamalee-H/Giorgis Dildiy
30. Wal-arga-Wellega
31. Tulluu Daalattii-Tiliku Betemengis
32. Addababa`ii-Adebabay
33. Qilee-Asko
34. Suluula Garbii- T/Haimanot
35. Awwaaroo-Aware
36. Adaamii-Rufael
37. Sheik Hojole/Didiimtuu-Shego
38. Waddeessa-Chercher Godana
39. Tulluu Ejersaa-Hanna Mariam
40. Lumee-St- Joseph
41. Labuu-Siga meda/Tatek
42. Laaftoo Tumtuu-Buna Board
43. Tulluu Dheertuu-Gofa Betemengist
44.Tulluu Heexoo-Buufata Poolisii Jahaffaa
45. Laalii-Intoto Mariam
46. Burqaa Ejersaa-Faransay Imbassy
47. Caffee Muudaa-Lideta
48. Dhakaa Araaraa-sherathon & Hilton area
41. Dolloo Buddeenaa-Gotera,Wello sefer & Beklobet
42. Dhummuugaa-Ginfille
43. Fiichee-Xalian mishig
44. Golbaa-Addis ketema
45. Hadaa-Tele,Garaj,Cerkos Betekiristan
46. Harawa-kaca Fabirika
47. Harbuu-Gurd Shola
48. Harbuu Irreessaa-Ras Hailu Sefer
49. Hulluuqa Kormaa-Istifanos
50. Jaajaa-Bihere Tsige
51. karaa Qorxii-Belay zeleke Qilxu straight
52. Burqaa Qorichaa-Yeka Michael,Around Kebena river
53. Hurufa Raaree-Around Bus Station
54. Keelloo Masqalaa-Around 4-Kilo Campus & Betekiristan area
55. Riqicha Alloo-Engliz & Russia Embas
56. Erar-Yarar
57. Gaara sibiiluu-Minilik Gibbii
58. Goodaa Boombii-Tatek Defer
59. Bubbee-Yirga Dejen
60. Ganda Aliyyuu-Gandaliyyuu
61. Madaaroo-Ayertena
62. Tulluu Diimtuu-Bahita Gebriel
63. Tulluu Maraa- Tulluu Amaara
64. Malkaa Abbooshee-Baambiis
65. Xarroo-Atana Tera
ncient history of oromo
16/07/2026
-------የወረ ጃርሶውን ጦረኛ ምን ዋጠው?-------
ስንቶቻችንስ ይህንን ጉዳይስ አምሰልስለነው ይሆን?
ለምንስ የአብቹ ታሪክ በአንድም የኢትዮጵያ ታሪክ ጸሀፊ ቦታ ሳይሰጠው ሰራዊታቸውን አውላላ ሜዳ ላይ በትነውትና ምርጥ
አሽከሮቻቸውን አስከትለው ወደ አውሮፓ በባቡር የኮበለለውን ንጉስ ከፈጣሪ እኩል አድርገን መወድሰ ዝማሬን እየተቀኘንለት ኖርን?
“ሐበሽስካ ኦዲየሳ” የተሰኘው የታሪክ መጽሐፍ ወደ አማርኛ እስከ ተመለሰበት 1989 ድረስ አብቹ የሚባል ጀግና ስለመፈጠሩም የሚያውቅ ሰው ያለ አይመስለኝም፡፡ እውነተኛ ጀግኖች በመብራት በሚታሰሱበት በዚያ ዘግናኝ ወቅት ተዓምር የሚመስል ጀብዱ እየፈፀመ ጣሊያንን ሲያርበደብድ የነበረ ጀግና፣ የመከራው ጊዜ ሲያልፍ ስሙ እንኳ ለምን ተረሳ? የሚገርም ጉዳይ ነው፡፡
እኮ አብቹ እንዴት ይረሳል?
በወዶ ዘማችነት ከራስ ካሳ ጦር ጋር ዘምቶ የነበረው ቸኮዝሎባኪያዊው አዶልፍ ፓርለሳክ እንኳ ከዚያ ሁሉ ሠራዊት መሃል እንደ አብቹ በህሊናው ታትሞበት የቀረ ምርጥ ጦረኛ እንደሌለ የተገለጸለት የወረ ጃርሶው "ልጁ"
በዚያ አስከፊ ሰዓት እንዲህ ዓይነት ተዓምር የሠራ የ16 ዓመት ጉብል መኖሩን የነገረንም ለምን ባእዱ ፓርላክ ብቻ ሆነ፡፡ ብዙ ሰዎች ስለማይጨው ጦርነት ጽፈዋል፡፡ ብዙ የመጻፋቸውን ያህል የንጉሡንና የራሶችን “እንከን አልባ” ታሪክ ለዘመናት ሊነግሩን ደከሙ እንጂ እንደ አብቹ ያሉ ሳተናዎችን ታሪክ እየመዘዙ ለምን አልነገሩንም ብለን ካልን ምክንያቱ ሌላ ሳይሆን አብቹ ኦሮሞ በመሆኑ ብቻ ነው።
አዎ ስለ አብቹ ማንነት፣ የት ተወልዶ የት እንዳደገ፣ ገና የ16 ዓመት ጉብል ሳለ ስለፈፀመው ተዓምራዊ ጀብዱ፣ በንጉሡና በራሶች ዘንድ ስጋት ሆኖ ስለመታየቱ፣
የጣሊያኖችንም ሆን የባንዳዎችን ቅስም እየሰበረ ወደፊት ስለመገስገሱ፣ ከማይጨው ሽንፈት በኋላም የሚወደውን አለቃውንና ጓደኛውን ደጃዝማች አበራን እና ሁለት ወዶ ዘማች ፈረንጆችን (አንደኛው የአብቹን
ታሪክ በመጠኑም ቢሆን የጻፈውን አዶልፍ ፓርለሳክ ነው) ተሰናብቶ በጥቁር ፈረሱ ላይ ሆኖ፣ ከሁለት የጦር ሜዳ ጀግኖቹ (ጀኔራል ወርቁና ጀኔራል ሃብቶም) ጋር ቁልቁል ወደ ዓባይ ሸለቆ ሽምጥ መጋለቡን ፓርላክ ሲያወጋን ቀጣዩን ታሪክ ነጋሪ አልነበረንም
አብቹ ወደ ጃርሶ ወረደ፡፡ከዚያስ? ሃሳቡ ተሳክቶለት በለመደው የጀግንነት ወኔ ጣሊያንን ተፋለመ? ተፋልሞስ ለድል በቃ? ወይስ በጠላት አረር ሆነ፣ ከማይታወቅ ቦታ ወድቆ የጆቢራ
ራት ሆነ? ወይስ መንግስት ቂም ቋጥሮ ቆይቶ
እንደ ሌሎች በድብቅ ቀበረው? ለፈፀመው
ጀብዱስ ከድል በኋላ መንግሥት ምን ወሮታ
ከፈለው? በአብቹና መሰል አርበኞች ለዘውድ የበቁት ንጉሥ እንዴት ረሱት? በአስጨናቂዎቹ የጦርነት ወቅቶች “እሰሩት! ገንዙት!” ሲሉ የነበሩ ልዑላን ራሶች ከድል በኋላ እንዴት ስሙ እንኳ ትዝ አላለቸውም?
ምነው የንጉሱን በቅሎ ራያ ላይ በጥይት መቁሰል የጻፉት ጸሀፍት ነን ባዮች አንባራዶ እና ማይጨው ጠላቱን ያንቀጠቀጠውን ያን የ16 አመት ደቦል እንዴት ዘነጉት?
በወቅቱ የጃጀ የመከላከል ሃሳብ ለነበራቸው ለነዚያ ለፈራው ንጉስና አዛውንቶች ባለመታዘዙ ሹመት ሽልማቱ ይቅርበት፤ ግዴለም፡፡ ግን እንዴት በስህተት እንኳ ስሙ አይነሳም? የሃገራችን ታሪክ ጸሐፊዎችስ (በተለይ ስለማይጨው ዘመቻ የጻፉና በግንባሩ የነበሩ) ለምን ንፉግ ሆኑ? አብቹኮ ህይወቱን አልነፈገንም፡፡
ለነገሩ ሰውን ገድሎም ሆነ በቁሙ መቅበር በሀገራችን አዲስ ነገር አይደለም ግን ታሪክን እንዴት መቅበር ይቻላል? አብቹን የመሰለ ብሔራዊ አርበኛ ታሪክስ ከምን ዓይነት ጥልቅ ጉድጓድ ውስጥ ቢቀበር ነው ፍንጩ እንኳ የታጣው ካልን ታሪክን በመቅበር የዳበረ ልምድ ስላላቸው ነው።
እኒያ ትብታብ ከመተብተብ ያላለፉት ጸሀፍት ነን ባይ ደብተራዎች የአብቹን እና መሰሎሉን ታሪክ ጥልቅ ጉድጓድ ውስጥ የቀበሩት ለኦሮሞ ካላቸው ጥላቻና ፍራቻ በደም ስራቸው ስለሚዘዋወር ነው።
by gumaa Saqeta
16/07/2026
ILLU Abbabooraa fi fatansaa ILLU:
Maatu magaalaa gudditti godina Illu Abbabooraa kan taate Bara 1978 booda.San dura magaalaan jiddu gala godnichaa gore turte.maqaan Illu abbabooraa jachoota afaan oromo lama irra fudhatame ILLU fi Abbabooraati.illu abbabooraa ossoo Bara 1889
Harka minilik hin bu'iin dura lafa Oromo walaba qofa ossoo hin taane mootii mataa ishiitiin bulaa turte.mootiin maayii kan Illu Abbaabooraa fatansa Illu Jedhama. Gaafa fatansa Illu waraanni minilik kan Ras tessema nedewiin hogganamu gara oromiya dhihaati sosohuu dhagaye gargaarsaaf gara moottoota leqa neqamte kumsa morodatiifi gama abba jifar naa dirmadhaaf miila qala waatara nama gamasitti erguus ossoo kan dhaamsaaf ergame achii hin gahiin moottootiin leqatiifi tan shanan gibe lachuu harka minilik bu'an.
Fatansa illu haala isaan mudatee ega hubate booda murttii maayii fudhachuun waraana minilik dura dhaabachuuf murteese.kan gaafas waraana minilik hoggannaa ture ras tessema nedew hoggaa tahu yeroo naannawa laga gibe gahu waraana fatansa Illutiin walitti dhufan.waraanni fatansa illu wanni harkaa qabu Eebboofi xiyaadha. akkuma beekamu waraanni minilik waraana madaafa hidhate.waraanii fatansa Illu sa'a muraasa booda sararii duraa waan cabeef of duubee deebi'uu mudatee.achii booda wanii waraanni ras tessema godhe hedduu waan nama suukanneesatti.ajaja ras tessemaatiin Ganddoota namaa wajjiin guban,
Joolleefi dubartii nii qaqalan.....
Waraanni ras tessema nedew injifannoo San booda bakka Qarsa gogil jedhamtitti mooraa waraana jaarate (bakkeen kun amma metu cinnaadha). Galgala tokko waraana Ras tessema isaa farshoo qufee dhichiissaa jiru waraanni fatansa illu daguudhaan itti dhufe hamma fixu fixee deeme.garuu fatansa Illu harka Dina bu'ee.akkuma suuraa gubbati argitan kanatti ras tessema nadew bakka ummani magaalaa gore walitti qabameetti fatansa Illu murttii hidhaa itti laachuun bakka borri jedhamtuti hidhe.
Hanun Amana
14/07/2026
Gosa Oromoo Warjii
===============
Warjiin Gosa Oromoo Tuulamaa yoo tahan moggaasni maqaa isaaniis 'Warra Ji'aa' kan je’urraa akka dhufetu himama.
Miseensa Oromoota Warjii kan tahan Obbo Nurhuseen Hasan moggaasa maqaa Warjii jedhu kana Oromootuma kaantu nuuf moggaase jedhu.
"Moggaasa Warjii jedhu kana Oromootu nuuf moggaase. Maqaa dabalataa nuuf kennan jechuudha. Warjii jechuun immoo warra ji'aa, kan ji'a lakkaawee bulu jechuudha. ''Amantaa Islaamaa waan hordofnuuf jecha ji'a (Addeessa) waliin hidhata qabna. Kanaaf jecha 'warra ji'aa' nuun jedhu," jedhan.
Gosti Oromoo Warjiin kuni jaarraa 9ffaa dhaa hanga xumura jarraa 12ffaattis naannoo Shawaatti mootummaa Islaamaa ijaaree ofbulchaa turuutu himama.
Warri Warjii qubsuma daangeffame addatti qabaachuu baatanis Tuulama keessa baay'inaan jiraatu. Naannoo Oromiyaatiin ala naannolee akka Somaalee fi Affaar keessas akka jiraatan himu Obbo Nuurhuseen.
"Ummanni kuni warra jalqaba amantii Islaamaa biyya kanatti babal'isaniidha. Warra baha jiddu-galeessaa wajjinis hariiroo cimaa qabaachaa turan. Hojii qonnaa fi daldalaanis baayyee beekamoo turan," jedhan.
Turoo Waariyoo fi Wulaalee
“”””””””””””””””””””””””””””
Warjiin hanga jaarraa 19ffaatti ajajoota waraanaa ciccimoo mataasaa kan akka Turoo Waariyoo fa'a qaba ture. Awwaalli gooticha Warjii Turoo Waariyoo amma Aanaa Baarraak'tti argama.
Gosti Oromoo Warjii kuni hanga jaarraa 13ffaatti magaalaa wiirtuu daldalaa taate tan 'Wulaalee' jedhamtu kan qaban akka ta'ee fi boodarra magaalattiin sababa waraanaatiin akka barbadooyte himu Nurhuseen.
Sababa amantiitiin qofa garaagarummaa waan qabaniif jecha moggaasa addatti argatan malee Warjiin Oromoota Tuulamaa kaaniin tokkuma. "Nuti wiirtuun keenya Tuulama. Oromootuma Tuulamaati. Amantii qofaan adda taane malee Tokkuma. Tuulamni yoo duulu wajjumaan duulaa turre. Siyaas-dinagdeen keenyas tokkuma.
Aadaa Islaamummaa ofirratti daballe malee aadaan keenya kanuma Tuulamaatiin tokkuma," jedhan.
Gosti sirbaa warra Warjii - Ragada yoo ta'u, gosti kuni maqaa 'Warjii Tigrii' jedhamuunis ni waamamu.
WARJII fi ARABA…
“””””””””””””””””””
Oromoota Warjii kana namootni akka hidda dhiiga warra Arabootaa tahanitti yeroo dubbatan ni dhagahama.
Obbo Nurhuseen, sababa yaanni kuni ka'uuf yoo himan, "Nuti Araboota waliin amantaa fi daldalaan qunnamtii cimaa qabna. Jaarraa 9ffaa keessa Araboonni rakkoon biyya isaaniitti uumamnaan Shawaa kana qubatanii Warjii waliin jiraachaa turan. Booda gara biyya isaaniitti deebi'an. Isaanirraa warri muraasni asumatti hafanii Warjii waliin walitti makaman," jedhan.
“Sababa kanaan Warjiin Araba wajjiin makaa dhiigaa xiqqoo qabaachuu dandeenya malee, hundeen keenya Oromoodha, nuti uummata biyya Arabaatii dhufee as jiraatu miti” jedhan.
“Nuti Oromoon nama hammachuu aadaaf qabna waan taheef yeroo sanattis Araboota biyya isaanirraa rakkatanii dhifan san ofitti qabnee waliin jiraachaa turre malee, nuti Warjiin Oromoo qulqulluudha” jedhan obbo Nuurhuseen.
"Oromummaa keenya namuu nuuf hin kennus, namuu nurraas hin fudhatu. Kuni kennaa uumamaati. Waggaa dheeraaf asii fi achi nu qabaa burjaajiidhaan dabarsinee jirra. Ammaan booda Oromummaa keenya cimsinee qabachuu barbaannas," jedhan.
Giddugala Aadaa Oromootti dursaa qorannoo seenaa kan tahan Obbo Girmaa Namarraa, “qorannoo taasifameen Warjiin gosoota Oromoo Tuulamaa keessaa gosa Galaan akka tahan mirkaneeffanneerra” jedhan.
"Gosti Oromoo Warjii kuni amma naannoo Magaalaa Shanoo, Daalattii, Jidda, Shawaa Bahaa fi naannoo Shawaa Kibba-Lixaa kana keessa jiraatu. Amantaa Islaamaa dursanii warra fudhatan waan tahaniif qofa adda tahan," jedhan.
Kitaabni seenaa Gosa Oromoo Warjii irratti xiyyeeffatu kan qorattoota seenaatiin qophaa'e bahee maxxanfamee jira. Kitaabni kunis Warjiin hortee ilmaan Tuulamaa keessaa Gosa Warra Galaan akka tahan mirkaneessa.
12/07/2026
"SEENAAN GOOTOTA KALEELNSAA
DAAWWITII DHALOOTA HAR'AATI!"
Goototaa Biyyaa keenya fi Iddoo dhaloota Isaanii
1.Taaddasaa Birruu(1920-1975) shawaa(hidhabuu Abootee)
2.Abdisa Aagaa(1919-1974) Wallaggaa(Najjoo)
3.Agarii Tulluu(1934-1962) Shawaa(Dagam)
4.Maammoo Mazamir(1929-1969) shawaa (Gudar)
5.Elemoo Qilxuu(- - ) Dirre Dawaa
6.H/Maariyam Gammadda(1915-1970) Shawaa(Jiddaa)
7.Waaqoo Guutuu(1929-2006) Baalee(Madda Walaabuu)
8.Oliiqaa Dingil(1890- --] Wallagaa(Dantaa Garee)
9.Hayilee Fidaa(1939-1979) Wallaggaa(Arjoo)
10.Baaroo Tumsaa(1942-1977) Wallaggaa(Gimbii)
11.Guddinaa Tumsaa(1929-1979) Wallaggaa(Gimbii)
12.Guutamaa Hawaas(1945-1994) Arsii(Gololchaa)
13.Alamuu Qixxeessaa(1907-2001) Shawaa(Jalduu)
14.Abiishee Garbaa(------??) Wallaggaa(Horroo)
15.Eebbisaa Addunyaa(-----1996) Wallaggaa(Dambi Doolloo)
16.Jaarraa A/Gadaa( ....2013) Harargee(Gaaraa Mul'ataa)
17.Huseen Bunee(1904-2004) Baalee(Goorii Gafarsaa)
18.Muhaammad Zaakir(1949-1977) Harargee(Galamsoo)
19.Aliyyii Cirrii(1914-2010) Baalee
20.Leenjisoo Diigaa(??) Arsii
kan biroos ni jiru yeroo biraa walittii deebina Horaa Bulaa!!
"Mee isinis iddoofii bara
Dhaloota Gootota keenyaa amma beektan lnbox irratti Nuuf katabaa!!??
Odeeffannoo itti aanu argachuuf
Ancient history of oromoo share,like comment GODHA!
12/07/2026
Afaan Oromoo fi Jechoota Dinqisiiso Afaan Oromoo
MAMMAAKSA DINQISIISO AFAAN OROMOO
************************
~•Bishaan mixiin lagaa waraabdeen jaldeessi qaama ittiin dhiqata.
~•Hiriyaan dhugaa daawitii dha.
~•Maalummaa ofii beekuun gaarummaa loogii hin qabnee dha
~•Re'ee amala hin qabneef hidhaa hin dheeresaniif
~•Inni waraane yoo irraanfate inni waraaname gonkuma hin
irraanfatu
~•Hiddaa fi hiddiin tokkoo miti
~•Kalee fi Kaleen tokkoo miti
~Fira nama hin gaafanne irra hiyyeessa mana namaa baane wayya
~Harka mirgaa kutuun harka bitaa darbannaa barsiisuu dha
~Kuni maal jennaan kuni buppaa dha jedhe namichi hanqaaquu
argee hin beekne
~waraabessi soddummaa harree barbaaduun akka beelofneefi
~Nama gammachiisuu yoo barbaadde qarshii kennuufi osoo hin
taane wanta inni rakkate gaafadhu
~Kan haati boo'aa guddifatte haati biddeenaa boo'aa biddeen
kennitiif
~Walgahiin saree duruu kajeella dha
~Baalli geshoof baalli jimaa walfakkaatus kan farsoof oolu garuu
baala geshooti
~Muka ol guddate fiixee muruun jirma lafa jalatti gabbisuu dha
~Of qulqulleessuun nama xureessan ifatti baasuuf
~Namni ollaa waraabessaa jiru homaa hin kajeelu
~Bishaan sareen waraabde sarumatu dhuga
~Of ajjeesen oole jedhe gowwaan of fannisuuf dhaqee
~Of tuuluun nama ofirratti tuuluu dha
~Leenci har'a beela'e boru saree kajeelchisuu hin dhiisu
~Namni dukkana beekee kessa deemu ibsaa isa hin barbachiisu
~Gatii ibiddi na gubeef bishaan irratti naquun na qabbaneessa
malee na hin fayyisu
~Qaama ofii keessa kan jibban hin qaban
~Seenaa dhugaa fi lafti dhagaa nama jalaa hin badu
~•Sanyiin gootaa gotuma
~•Firri firuma alagaan alaguma
~•Na gargaarin hattuu na jalaa fudhuu badii dha
~•Nama itti aaran tokko fuula ofii gurraachesani itti hin agarsiisan
~•seenaan kee hojii keeti
~•Amanamummaan santima tokko irraa jalqaba
~•Kan dacheen baatu homtuu hin baatu
~•Arrabni xiqqoo hin qabdu
~•Gowwaan hundaan lola
~•Goota faarsuun gotummaa irraa horachuufi
~•Shamarree fuula bareedduurra shamarree yaada bareedduutu
caala.
11/07/2026
?.
MAALIIF DAGATAME?.
Gootichi Oromoo Soorreessi Jaarraa Abbaa Gadaatiis tahe miseensoonni Qeerroo ganamaa hanga ammaa lubbuun jiran tokko tokko waa'ee hundeessuu ABO, eegallii qabsoo bilisummaa Oromoo fi wa'ee Qeerroo Ganamaa hogu haasawan yoo dhageessan maqaa dargaggoo tokkoo irra daddeebi'anii ni kaasu. Dargaggoon kun eenyu?!. Goota Saba isaa biratti DAGATAME!!.
Qeerroon Ganamaa marsaa 1ffaa fi marsaan 2ffaanis erga leenjii fi deeggarsa meeshaa waraanaa biyyoota ambarraa argatan booda, jiddu gala qabsoo biyya keessaa gaggeessuuf sababni murteessanii fi gara carcar imaluuf karoorfachuun isaanii wanni namatti agarsiissuu yoo jiraate, miseensi baayyeen Qeerroo Ganamaa ilmaan Oromoo Ona Ituurraa tahuu isaanii fi battala qabsoo carcar Keessa jirtuu duraanumayyuu sirritti kan beekan tahurraa akka tahe hubachuun salphaa dha.
Qabsoon Bilisummaa Oromoo bifa hammayyaan biyyoota Ambaa keessatti unkuramtee, san boodas gara biyyatti as tarkaanfattee Harargheetti gaggeefamuu jalqabde keessatti, warreegamni lubbuu inni jalqabaa kaffalame lubbuu ilmaan Oromoo Ituu akka tahe wal nama hin gaafachiissu. Warreegamni qabsoo sochii bilisummaa bifa hammayya "A" jattee kan eegalte gootota Ituu Akka Ramadaanii (Biyyaa Alatti) fi Hundee Dhaabaa (biyya keessatti) tiin tahuusaa seenaan qabsoo bilisummaa Oromoo ragaa dha.
Arraaf warreegama jalqabaa biyya keessatti kaffalame mooggaatti dhiisnee warreegama bilisummaa Oromoo biyya ambaa keessatti yeroo jalqabaatiif kaffalame haa ilaalu. Asirratti Maqaan Dargaggoo Goota gootarra dhiiraa tokkoo osoo hin kaafamne darbuun irbuu dha. .
Dubbichi akkanaan jalqaba. Seenaa qabsoo Qeerroo Oromoo yeroo ammaa Oromiyaa bira taree Itoophiyaa guutuu keessatti shoora guddaa taphachuu dandayye kana gadi fageenyaan hubaachuuf seenaa Dargaggoota Bilisa Baaftoota Oromoo/ Qeerroo Gananaa ofduuba dachaane ilaaluun dirqama nutti taha.
Tuutni Qeerroo Ganamaa ABO Erga hundeessan booda, hojii Diploomaasii ulfaataa hojjataniin loltoota Oromootiif biyya Yemenitti leenjiin waraanaa Kumaandummaa fi leenjii siyaasaa addunyaaleessaatiin ofcimsanii, akkasumas barnoota hammayyaa yeroon isaan gaafattus fudhatanii, deeggarsa meeshaa waraanaa biyyoota Syria fi Iraq irraa argataniin deeggaramuun hidhannoo guutatanii gara biyyaa seenanii sochii qabsoo bilisummaa Oromoo bifa hammayyaatiin gaarreen Carcar Keessatti balaqqiissuuf imala gara biyyaa ofii jalqaban. Marsaan duraa miseensa wabo Qeerroo ganamaa jechuun kan beekaman, Qeerroo ciccimoon 36 gara Oromiyaa lixanii akka seenanii fi san booda kutaa oromiyaa hunda keessatti warraaqsa bilisummaa qabsiisuuf ofqopheessaniin amni jalqabame. Yoo kana Qeerroon Ganamaa hooggansa Abdukariim Ibraahim(Jaarraa Abbaa Gadaa)tiin Onkoleessa 7/ bara 1970 Yaman Edanirraa doonii lamatti Meeshaa waraanaa fe'atanii gara biyyatti qaceeluun, halkaan lamaa fii guyyaa lama booda xarafa biyya Somaaliiyaa gahan.
Akkaatuma karoora dheeraa qabatanitti gaarreen carcar seenanii qabsoo waraana diddaa gabrumma jalqabuuf dura gammoojii Soomaaliyaa qaxxaamuruun dirqama itti taate. Kanuma milkeessuuf deemsa gara biyya abbaa isaanii jalqaban. Haa tahu garuu Bakki dooniin meeshaa waraanaa isaaniif fee'atte akka itti dhaabatuuf barbaadan Kaaba Soomaaliyyaa Zeeyilaa fi Asab jidduu ture. Garuu doggoongoora Shufeerii Doonichaa taasiseen bakka ja'amtutti bu'uuf dirqaman. Otoo meeshaa isaanii kaan ashawaa fi tussii keessatti awwaalatanii, uffata Waraanaa uffatanii, hidhannoo isaanii Ziinnaara mudhii guutatanii isaanumaa deemsaaf ka'ee loltoonni mootummaa Soomaalee Lafaa fi Samiin Taankii fi Xayyaaraan Qeerroo jajjabee akka sibiilaa tana marsan. Duuba Sahilii fi guyyaan kun warreegama qabsoo bilisummaa ummata Oromoo isa taate Qeerroo tana gaafachuunsaa hin oolle.
Qeerroo Oromoo Mataa tuutaa tan biyya keessattis mootummaa diinaa isaanii tahen falmanii, dadhabnaan deeggarsa biyya ambaa itti kadhatanii, ofiif warreegamanii Saba isaaniitiif dukkanaa ibsuuf gammoojii Yamanii ka'anii, gammoojiii Soomaaliyaa osoo qaxxaamuruuf jadhan Kokkee Waraana Ziyaad Barree jidduuti qarqabamuu mudatan kana keessa dargaggoo Onneen Gaaraa, Goota Lapheen sibiilaa tahe tokkootu ture, Ramadaan.
Loltoonni Ziyaad Barree kuun oliin taankii fi Xayyaararraa xuluubsaa bubbu'uun, kuun lafoo dallayya tahanii marsuun, akka qeerroon hidhannoo lafa kaayyanii fi bakka jiranirraa hin sassoone qajeelfama kennan. Qeerroon Oromoo Saba Bal'aa Oromoo keessaa bahanii kophaa biyya ambatti diinaan marfamte tunnis," -mormuu_miti, nutti Saba Naf*anyaan biyya nurraa fudhattee, lafa teenyarratti waan nu gabroomsaniif bilisummaa argachuuf qabsaa'uuf deemu malee isinii wajiin . Biyya keessan keessa darbuu qofa barbaanna malee dhimma tokko biyya keessanirraa hin qabnu....." jechuun Loltoota mootummaa Soomaaliyaa amansiisanii bira darbuuf yaaliin taasisanis hin milkoofne. Loltooni Soomaaliyaa " keessa akka feetanitti seentanii baatu, biyyi keenya araddaa abbaa keessanii seetan moo...." jechuun akka harka kennan yookiin akka isaan rukkutan qeerroo ganamaatti akkeekkachiissan.
Yeroo kana keessa ture dargaggeessi Onnee Gaaraa, kan lapheen Sibiilaa " rukkuteen du'a malee harka kenne hin du'u, harka kennee booji'amuuf miti kaniin manaa bahef, diinni Oromoo kan manaatis, kan alaatis diinni diinuma, tokkumma, lubbuun koo isin obboloota kiyyaaf fidaa haa taatu, ani osoon lubbuun jiruu isin nadura rukkutamtanii du'a keessan ilaalu hin fadhu...." jadhee Jaallan qabsoo isaa miseensa qeerroo ganamaatiif dhaamsa dabarsee, meeshaa waraanaa harkaa qabu gara loltoota Soomaaliyaati gara galche. Garuu maal godha gaa loltoonni mootummaa Soomaalee jalqabayyuu qophaa'ani eegachaa jiran, isa dursanii rassaasa itti roobsan. Warreegamni Qabsoo bilisummaa Oromoo kan maqaa Dhaaba ABO tiin gaggeefamuus yeroo duraatiif achitti kaffalamuu gaafate. Warreegama kana kaffaluun, duungoo bilisummaa Oromoo dhiiga isaatiin gammoojii Soomaaliyyaa keessatti namni jalqaba qabsiise kunnis goota Oromoo maqaan isaa dhokate kana tahe.
Akka lakkoofsa faranjii bara 1945 Ona Ituu Carcar, toora kaarra qurqurraa naannoo Laga Arbaatti akka dhalate himama. Ramamadaan dhimma sabaarratti warra laayyoo hin qabne, warra Maqaan Badduu mannaa mataan badduu wayya ja'ee gootummaan ummata ofiitiif if warreegu, warra goototaa kan Kanniisaan duule diinarraa qawwee hiikatu, warra nama ganuu hin beekne kan si dura lubbuu ofii siif dabarsee laatu ilmaan Kura Galaanirraa dhiira uumamee as burqee dha. Gameessa Aadaa fi hooda kana keessatti guddatee daraare dha. Ramadaan ilma Adeera kan tahe ilma . Hortee warra ti.
Husseen Kaliil osoo Sahillitti warreegama qabsoo Oromoo isa jalqabaa tahee hin warreegamin dura, tuuta qeerroo ganamaa keessatti malayyii dhimma Alaa WABO tahun tajaajilaa ture. Gita hojii isaa kana keessattis milkaa'ina guddaa galmeessuun gahuumsa isaa hojiin goota agarsiisuu dandayyee dha. Warreegamuu Ramadaaniin booda, Jaarraa Abbaa Gadaa fi miseensonni Qeerroo ganamaa hafan #35 qabamanii Soomaaliyaa magaalaa mana hidhaa jedhamutti, Onkoololeeysa 10 bara 1970 hidhaman. Walii galatti wagga 5 fi guyyaa 12 akka mana hidhaa keessa turan ragaan ni addeessa.
Miseensi Qeerroo ganamaa fi billiqii biiftuu bilisummaa Oromoo nama shiileessaa qabsoo Bilisummaa Oromootaa tahuun lubbuu isaa dabarsee kennuuf hiriiree qofa osoo hin tahin, murataa seena dagatamuun hin qabne dhiigaan ummata Oromootiif barreesse, kutataa guyyaa cinqii ti. Goota Elemoo Qilxuutis tahe, Hundee Dhaabaa, Taaddasaa Birruutis tahe Laggasaa waggii dura waggoota meeqa dursee sabaaf warreegamuun billiqqii biiftuu qabsoo bilisummaa Oromoo dhiigaan addeesse kana maqaan isaa hanga kaafamuu qabu osoo hin dhawamiin awwaalamee hanga ammaa hafuun isaa waan Hedduu nama gaddisiissuu dha!!. "Sa'aa Abbaan Gaafa Cabse Ambitti ija jaamsitti" ja'anii mitiree!!.
Seenaan bara baraan Goota Gootarra Dhiiraa Jaal Ramadaan Husseen Haa Yaadatu. Rabbi Jannataan Haa qananniissu.
Deebanaa.
Seenaa Oromo Madda Beekumsaa fi Oddeefannootti. Follow fi Like Gochuun hordoofaa!!.
Click here to claim your Sponsored Listing.
Location
Contact the business
Telephone
Website
Address
Addis Ababa