11/06/2026
Ispoortiin jabina qaamaa cimsuun hawaasa fayyaa qabeessa ta’e horachuu cinatti madda galiis ta'uun tajaajilaa jira
Biiroon Dargaggoofi Ispoortii Oromiyaa fi Waajjirri Dargaggoofi Ispoortii Godina Arsii Lixaa wajjiin ta'uun leenjii leenjistummaafi Murteessummaa kubbaa harkaa sadarkaa 1ffaa torbaan lamaaf turu Magaalaa Shaashamanneetti kennaa jira.
Mootummaan naannichaa ispoortiif xiyyeeffannoo kennuun hawaasa fayya qabeessafi ispoortiin dorgomaa ta'e horachuuf hojjachaa jira.
Ispoortiin jabina qaamaa, tokkummaafi jaalala lammiilee jabeessuuf bakka guddaa kan qabu yoo ta’u, madda galii biyyaafi nama dhuunfaa ta’ees ni tajaajila.
Ittigaafatamaan Waajjira Dargaggoofi Ispoortii godinichaa Obbo Siraaj Ahimad biyya keenya keessattis sochiin ispoortii milkaa'inoota hawaas dinagdee ta’uu bira darbee madda galii biyyaafi namoota dhuunfaa ta’uun tajaajila jiraachuu himuun, lammii fayya qabeessa guddina biyyaa keessatti qooda bahachuu danda'u horachuufis gaheen ispoortii olaanaa ta'uu eeraniiru.
Itti gaafatamaan Federeeshiinii kubbaa Harkaa Obba Amaan Bandhashee Ispoortiin walitti dhufeenya, hariiroo, jaalalaa fi tokkummaa hawaasaa cimsuu cinatti, diinagdee biyyaa guddisuu keessattis shoora olaanaa bahachaa jiraachuu ibsuun Ispoortii Kubbaa harkaa ran gabbisuuf Leenjii kennamaa jiru ta'uu himan.
Leenjiin kennamaa jiru kunis ispoortessitoota filatamaniif torbaan lamaaf Kan kennamu ta'uunis ibsameera
11/06/2026
Qindoomina waajjira Dargaggoo fi Ispoortii Godina Shawaa Bahaa fi Biiroo Dargaggoo fi Ispoortii Oromiyaatiin leenjiin murteessummaa ispoortii daartii sadarkaa 1ffaa maagaala walisootti kennamu egaleera
Itti Gaafatamaa Waajjira Dargaggootaa fi Ispoortii gidina shawaa kibba lixaa Obbo Taaddalaa Tasfaa argamuun ergaa haasa baniinsaa taasisaaniin Leenjiin kun kennamuun isaa carraa guddaa fi Dandeettii murteessummaa cimsuun alatti dhaloota haaraa ijaaruu fi carraa hojii uumuu keessattis bu’aa guddaa qaba” jechuun ibsaniiru.
Leenjiin kun hirmaattotaaf beekumsa fi muuxannoo isaanii guddisuun cinaatti, misooma ispoortii daartii sadarkaa naannoo fi biyyaatti saffisiisuuf leenjii murteessa ta’uus ibsameera.
Leenjicha Instraktar Jamaal Hassaniin kan kennamaa jiru yoo ta'uu; leenjiin kun guyyoottan 15 ittiaanuuf kan ittifufu tahuu himame.
10/06/2026
Pirojektiin Girl Gotta Run Shamarroota Harka Qalleeyyii calaluun dandeetti injifannoo idil adunyaa goonfachiisuu irratti argama.
Godina Arsii, Magaalaa Boqqojjiitti kan argamu Pirojektiin Girl Gotta Run jedhu waggoota 10 dura hundaa’ee hojii guddaa jijjiiramaa fi bu’aa qabeessa ta’e irratti argama. Dhaabbanni kun shamarran maatii harka qalleeyyii keessaa filachuun leenjii fi deeggarsa barbaachisaa kennuudhaan dandeettii isaanii guddisanii sadarkaa biyyaalessaa fi idil-addunyaatti akka dorgoman taasisaa jira.
Dhaabbatichi yeroo ammaa kana atileetota hedduu leenjisaa kan jiru yoo ta’u, tajaajiloota adda addaa kan akka hidhannoo fi meeshaalee ispoortii, nyaata madaalawaa, leenjii xiinsammuu, leenjii gaggeessummaa akkasumas leenjii atileetiksii guutuu kennuun beekama. Kana malees maatii atileetotaa deeggaruun rakkoo hawaasummaa fi diinagdee isaanii salphisuuf hojii bal’aa hojjechaa jira.
Bu’aan hojii dhaabbatichaa hanga ammaatti galmaa’e keessaa, guddatoonni hedduun carraa dhaabbilee leenjii sadarkaa olaanaatti argatanii jiru. Yeroo ammaa Atileetonni dhaabbaticha keessaa ba’an 15 Inistiitiyuutii Qorannoo fi Leenjii Ispoortii Daraartuu Tulluu, Giddugala Leenjii Booree, Giddugala Leenjii Boqqojjii, Akkaadaamii Ispoortii Tirunesh Dibaabaa Asallaa, Akkaadaamii Ispoortii Tirunesh Dibaabaa Finfinnee fi Kilabii adda addaa keessatti carraa argachuun leenjii isaanii itti fufani jiru. Yeroo ammaa kana atileetonni kun Itoophiyaa bakka bu’anii dorgommii idil-addunyaaf of qopheessaa jiru.
Sadarkaa idil-addunyaattiis bu’aan isaanii kan nama boonsu dha. Dorgommii figichaa qaxxaamuraa addunyaa Ameerikaatti gaggeeffame irratti atileetiin dhaabbatichaan deeggaramte Biyya bakka bu’uun sadarkaa lammaffaatiin xumuruun meedaaliyaa meetii Itoophiyaaf argamsiifteetti. Akkasumas dorgommii idil-addunyaa yeroo jalqabaaf Finfinneetti gaggeeffame keessatti figicha gufachiisaa meetira 3000 irratti sadarkaa tokkoffaa fi lammaffaa kan ba’an atileetota dhaabbaticha keessaa guddatan ta’uun isaa hojii isaaniif ragaa boonsaa dha.
Maanajerri dhaabbatichaa Aaddee Sukaaree Nurii akka jedhanitti, qaamolee adda addaa waliin qindoominaan hojjechuun shamarran carraa dhaban deeggaruu fi injifannoo isaanii sadarkaa addunyaatti ol guddisuun hojii isaanii ijoo ta’ee itti fufa. Bu’aan hanga ammaatti galmaa’e jajjabeessaa ta’us, gara fuulduraatti caalaatti shaampiyoonaa biyyaaf horachuuf ciminaan akka hojjetan ibsaniiru.
Leenjistuun dhaabbatichaa Aaddee Fatiyaa Abdii gamasaaniitiin, shamarran umurii isaanii irratti argaman filachuun haala qilleensaa kamiyyuu keessatti jechuunis qorraa, aduu, roobaa fi bubbee keessatti osoo duubatti hin jedhin leenjisuun isaanii gootota Biyya bakka bu’an horachuu irratti bu’aa guddaa fideera. Disipiliinii olaanaa, kutannoo fi dandeettii atileetota sadarkaa olaanaan guddisuun isaanii adda taasisa.
Dhaabbatichi shamarran irratti xiyyeeffatee hojjetus, jijjiirama isaanii arganii dargaggoonni dhiiraa hedduun leenjii akka isaaniif kennamu gaafachaa jiru. Kanaafis leenjii tolaa kennuun hawaasa bal’aaf tajaajilaa jira. Pirojektiin kun kaka'umsa nama lamaan hundaa'uun, qaama adda adaa irraa deeggarsa argatuun hojii boonsaa kana hojjetaa jira.
Walumaagalatti, Girl Gotta Run pirojektii atileetota qofa leenjisu osoo hin taane, jireenya shamarranii fi maatii isaanii jijjiiruun Biyyaa fi addunyaaf shammarran injifatoo horachaa jiru keessaa isa fakkeenya gaarii ta’ee dha. Hojiin isaanii shamarran harka qalleeyyii irraa ka’anii Biyya isaanii akka boonsan taasisaa jiru kun muuxannoo isaani fudhachuun bakka hundatti hojii ballachuu qabu dha. Pirojektiin kun guyyaa harraa bakka buutota Biiroo Dargaggoo fi ispoortiin daawwatame jira.
10/06/2026
Dorgommii Internaashinaal Teekuwandoo Kilaboota Bul.Magaala Bishooftuutti argaman jidduttii gaggeeffamaa ture xumara argate
Dorgommii kanarratti garreewwan 14(kudha Afur) qoda kan fudhatan yoo ta'u gosa Dorgommii Art(pattern)fi Faayitii Dubaraa fi Dhiiraan gaggeeffamaa turera.
Haalumaa kanaan
Gareen star Dom Warqee 11 Meetii 6 nahaasa 4
Gareen Habtee M warqee 6 Meetii 3 Nahasa 6
Gareen king Sol warqee 6 meetii 2 nahaasa 2
Gareen One peace warqee 3 Meetii 1
Nahaasaa 0
Ida'ama dhiiraa fi Dubaraa Art(pattern) Gareen star Dom badhafama Geebaa
Ida'ama dhiraafi Dubaraa Fayittiin Gareen Habtee M
# 'amaa waligalaa pattern (Art) fi Fayittii Gareen Star Dom badhafama Waancaa ta'ee jira.
10/06/2026
Leenjiin leenjisum Sad.1ffaa ispoortii Diiflimpikii Teenisa Minjaalaa kennamuu irratti argama.
Qindomina Biiroo Dargaggoofi ispoorii Oromiyaa Federeeshini Diiflimpikii Oromiyaa fi
Waajjira Dargaggoofi ispoortii Bul/Mag/Adaamaa Leenjiin leenjisumma kennamu har'a 01/10/18 irraa jalqabameera
Leenjiin kun dandeetti Leenjistootaa Cimsuu ispoorii Diiflimpikii keessatti hirmaannaa ispoortii Diiflimpikii guddisuu fi ispoortii Diiflimpikii Sadarkaa hunda irratti babal'isuu f hojii jira
Sagantaan Leenjii kan hirmaattootaaf beekumsa bu'uuraa fiOgummaa Leenjisummaa ispoorti diiflimpikii irraatti hubannoo bal'aa kan kennu yoo ta'u guddina ispoorttii diiflimpikii kanaaf gahee olaanaa qaba.
10/06/2026
Leenjiin Humna Raawwachiisummaa Leenjistoota Atileetiksii Magaalaa Asallaatti Jalqabame
Qindoomina Biiroo Dargaggootaa fi Ispoortii Oromiyaa, Giddu Gala Leenjii Atileetiksii Boqqojjii fi Waajjira Dargaggootaa fi Ispoortii Godina Arsiitiin leenjiin humna raawwachiisummaa leenjistoota atileetiksii cimsuuf qophaa’e Bulchiinsa Magaalaa Asallaatti kennamuu jalqabeera.
Leenjii kana irratti Inistiitiyuutiin Qorannoo fi Leenjii Ispoortii Daraartuu Tulluu, Giddu Gala Leenjii Booree, Giddu Gala Leenjii Boqqojjii, kilaboonni naannawa Asallaa akkasumas naannoo irraa qooda fudhattoonni argamanii jiru.
Sirna jalqabsiisa leenjii kanaarratti Daayireektarri Daayireektoreetii Leenjii, Barnootaa fi Dorgommii Biiroo Dargaggootaa fi Ispoortii Oromiyaa Obbo Habtaamuu Lammaa, Itti Gaafatamaan Waajjira Federeeshinii Atileetiksii Oromiyaa fi Inistiraaktarri Addunyaa Obbo Shimallis Daawwit, bakka bu'aa Waajjira Dargaggootaa fi Ispoortii Godina Arsii Obbo Habtaamuu Mangashaa fi ogeeyyiin Ispoortii sadarkaa olaanaa Godina Arsii argamaniiru.
Haasawaa isaanii keessatti, leenjichi beekumsaa fi dandeettii leenjistoota atileetiksii daran guddisuun haala wal-fakkaataa ta’een leenjiin ammayyaa fi sadarkaa isaa eeggate akka kennamuuf kan qophaa’e ta’uu ibsaniiru.
Leenjiin kun leenjistootaaf mala leenjii ammayyaa, tooftaalee qophii atileetotaa, bulchiinsa leenjii fi dhimmoota hojii isaanii deeggaran irratti xiyyeeffachuun kan kennamu yoo ta’u, har’a irraa eegalee guyyoota afuriif itti fufa.
10/06/2026
Qindoomina waajjira Dargaggoo fi Ispoortii Godina Shawaa Bahaa fi Biiroo Dargaggoo fi Ispoortii Oromiyaatiin leenjiin murteessummaa ispoortii Atileetiksii sadarkaa 1ffaa Magaalaa Baatuutti kennamu eegalemeraa.
09/06/2026
Bulchiinsa Magaalaa Naqamteetti Simannaan Ispoortessitoota Wallaggaa FBC umrii 17 gadii Liigii Gadaa Wal-Dorgommii Yeroo jalqabaaf Sadarkaa Oromiyaatti taasifameen Tokkoffaa Bahuun Badhaafamaa Geebaa ta'aniif simannaan Bakka Hoggantoonni olaanoon, jaallattoonnii fi Deeggertonni kubbaa miillaa argamanitti taasifameera.
07/06/2026
Waldorgommiin Kubbaa Miilaa Gareewwan Fayyaa 14Fi Guddattootaa 21 jidduutti gaggeeffamaa ture xumurame.
⚽⚽⚽⚽⚽⚽⚽⚽⚽⚽⚽⚽
Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Eekkaa Xaafootti Waldorgommiin Kubbaa Miilaa Gareewwan fayyaa 14 fi Guddattootaa 21 jidduutti ji'oota 3 oliif gaggeeffamaa ture xumurame
Waldorgommichi gareewwan fayyaa fi guddatttaa 21 Umuriin isaanii 13, 15 fi 17 gadi ta'an jidduutti ji'oota walitti aanan sadii oliif gaggeeffamaa tureera.
Waldorgommichaan :-
✍️gareen fayyaa Kuraa jiddaa fi Garee fayyaa Alteess Giddutti Taphatama tureen Gareen fayyaa Alteess Abbaa Geebaa ta'eera.
✍️Guddattotaa Umuriin 13 gadiin Gareen Shaggar yuunik fi Nihooph Giddutti Taphatama tureen Gareen Shaggar yuunik Abbaa Geebaa ta'eera.
✍️Umurii 15 gadiin gareen Goolden Istaar fi Raamis Giddutti Taphatama tureen Gareen Goolden Istaar Abbaa Geebaa ta'eera.
✍️Umrii 17gadiin garee Nihooph fi shaggar Yuunik Giddutti Taphatama tureen Gareen Nihooph injifachuun Abbaa Geebaa ta'aniiru.
Sagantaa cufiinsaa irratti kan argaman Hoggansa kutaa Magaalaa fi Aanaa akkasumas kutaa Magaalaa ollaa Kuraa jiddaa irraa fi Jaalatoota Ispoortii hedduun argamaniruu.
✍️ Ispoortiin Fayyummaa keenya eeguufi hariiroo hawaasaa cimsuu bira darbee Diinagdee biyyaa guddisuu keessatti gahee olaanaa qaba.
✍️Itti gaafatamaan Waajjira Dargaggoofi Ispoortii Kutaa Magaalichaa Obbo Miliyoon Baqqalaa Waldorgommichi Ispoorteessitoota ciccimoo Kutaa Magaalichaa, Naannoo fi biyyaa bakka bu'an horachuuf Kan hojjenudha jedhan.
07/06/2026
Dorgommiin Walakkaa Maaraatoonii Itoophiyaa 19ffaan Magaalaa Finfinneetti Gaggeeffamaa Ture Xumurame.
*Dorgommii Kanarratti Atileetota 1 _6 Bahaniif Badhaasni Qarshii,Meedaaliyaa fi Waancaa Kennameera.
*Kilabiin Atileetiksii B/M Adaamaa Ida'ama Qabxii Walii Galaa 69 Dhiiraan Galmeessisuun Seenaa Hundeeffama Isaa Keessatti Yeroo Jalqabaatiif Dorgommii Kanaan Waancaa Fudhate.
*Ida'ama Qabxii Walii Galaa Dubaraatiin Kilabiin Atileetiksii Humna Ibsaa Itoophiyaa Waancaa Fudhatee Jira.