15/10/2026
Ayyaantuu Tolasaa: Rakkina mo'attee, Abjuu ishee dhugoomfatte 🥅🧤⚽️
--------------------------------------------------
Naqamtee irraa kaatee gara sadarkaa olaanaa kubbaa miillaa Itoophiyaatti!. Magaalaa Naqamtee, Naannoo 05 keessatti dhalattee kan guddatte Ayyaantuu Tolasaa, dubartii kubbaa miillaa Itoophiyaa keessatti maqaan ishee beekamuufi kilaboota garaagaraa keessatti taphachuun muuxannoo bal’aa horatteedha. Keessumaa, dandeettii addaa karra eegduu ta’uun qabduun namoota hedduu biratti beekamtii argatteetti.
Ayyaantuun har’a karra eegduu cimtuu Adaamaa ta’uun kan beekamtu yoo ta’u, imalli ishee gara sadarkaa kanaatti geesse garuu salphaa hin turre. Duuba milkaa’ina ishee kanaa seenaa obsaa, kutannoo, jaalala kubbaa miillaa fi rakkina mo’achuun kaayyoo ofii galmaan ga’uu jira.
Imalli Ayyaantuu kubbaa miillaa keessatti jalqabde dhaabbata gargaarsaa Compassion jedhamu keessatti ture. Achitti dandeettii kubbaa miillaa qabdu agarsiisuun carraa guddaa argatte.
Dandeettiin ishee namoota hojii kubbaa miillaa keessa jiran biratti xiyyeeffannoo argachuun, Pirojektii Naqamtee keessatti filatamtee Shaampiyoonaa Oromiyaa bara 2006 irratti hirmaachuuf carraa argatte. Ayyaantuun yeroo sana dandeettii ishee agarsiisuun, kubbaa miillaa keessatti sadarkaa itti aanuuf tarkaanfachuu akka dandeessu mirkaneessite.
Kunis jalqaba imala ishee gara milkaa’ina guddaatti geessu ta’e.
Gahumsa, kutannoo fi jaalala kubbaa miillaa Ayyaantuun qabdu kan hubatan Pirojektiin Amboo Goal FIFA ishee simachuun leenjii akka argattuuf carraa baneef. Achitti dandeettii ishee guddisuun, ogummaa karra eegduu ta’uu keessatti gahumsa ishee cimsachuuf carraa argatte. Leenjii, shaakala fi hojii cimaa isheen hojjetteen sadarkaa sadarkaan ol guddachaa deemte. Ayyaantuun milkaa’inni dhamaatii malee akka hin argamne hubachuun, abjuu ishee galmaan ga’uuf yeroo dheeraaf tattaaffii goote.
Ayyaantuun dandeettii ishee daran guddisuun waggoota sadiif Kilaba Magaalaa Finfinnee tajaajilteetti. Yeroo turtii ishee kanaatti shaakala cimaa, muuxannoo taphaa fi dandeettii ogummaa ishee fooyyessuun karra eegduu gahumsa qabdu ta’uuf hojii guddaa hojjette. Kubbaa miillaa keessatti sadarkaa tokko irraa gara sadarkaa biraatti ce’uun carraa qofa osoo hin taane, obsaa fi hojii itti fufiinsa qabu akka gaafatu jireenyi ishee ragaa ta’eera.
Dandeettii fi gahumsa ishee irratti hundaa’uun, kilabni gurguddaan biyya keenyaa keessaa tokko kan ta’e Baankiin Daldala Itoophiyaa Ayyaantuu ofitti fudhate. Kilaba kana keessatti taphachuun Ayyaantuuf muuxannoo guddaa fi carraa waancaa hedduu dhandhamuu fide.
Milkaa’inni ishee kun dandeettiin nama tokkoo yoo deeggaramee, carraa sirrii argatee fi hojii cimaadhaan deeggarame gara bu’aa guddaatti akka geessu agarsiisa. Ayyaantuun imala ishee keessatti kilaboota garaagaraa keessa darbuun muuxannoo horatte; har’as seenaa ishee keessatti boqonnaa haaraa barreessuu itti fufte.
Seenaa Ayyaantuu keessatti wanti nama bohaarsu dandeettii kubbaa miillaa ishee qofa miti. Seenaa jireenyaa ishee keessattis rakkoon guddaan jira.
Haati ishee rakkoolee jireenyaa hedduu keessa darbitee, rakkina hamtuu dandamachuun ishee guddiste. Ayyaantuun garuu gammachuu abbaa ishee wajjin jiraachuu fi deeggarsa isaa argachuu utuu hin dhandhamin guddachuu qabdi turte.
Abbaa malee guddachuun salphaa miti. Haata’u malee, rakkoon jireenyaa kaayyoo ishee akka dhiistu hin goone. Haati ishee rakkoo dandamachuun ishee guddiste; isheen immoo abdii kutachuu mannaa abjuu ishee hordofuu filatte.
Jireenyi ishee barumsa guddaa qaba: Haalli ati keessa jirtu eenyummaa kee guutummaatti hin murteessu; kaayyoo kee irratti amantii qabaachuun, obsuu fi tattaaffiin gara milkaa’inaatti si geessuu danda’u. Ayyaantuun rakkoolee jireenyaa mo’achuun, abdii ishee hin gatin, dandeettii ishee irratti hojjechuun har’a sadarkaa guddaa irra geesseetti.
Har’a Ayyaantuu Tolasaa karra eegduu cimaa Kilaba Adaamaa ta’uun tajaajilaa jirti.Intalli Naqamtee irraa kaatee dhaabbata gargaarsaa keessatti dandeettii ishee jalqabde, pirojektota kubbaa miillaa keessa darbittee, kilaboota gurguddoo keessatti taphachuun muuxannoo horatte kun har’a sadarkaa olaanaa irra geesseetti.
Imalli ishee kun seenaa karra eegduu tokkoo qofa miti; seenaa intala abjuu qabdu, rakkoo dandamattu, carraa ishee itti fayyadamtuufi kaayyoo ishee galmaan geessuuti. Ayyaantuu Tolasaa maqaa ishee qofa osoo hin taane, hojii isheen hojjetteenis Ayyaantuu ta’uu ishee mirkaneessiteetti!
------------------------------------------------------------------
Dargaggootaafi keessumaa shamarran kubbaa miillaa jaallataniif, seenaa Ayyaantuu Tolasaa irraa barumsi guddaan argama. Abjuu qabaadhaa! Dandeettii keessan irratti hojjedhaa! Rakkoon isin mudatu kaayyoo keessan akka hin dhaabne of eeggadhaa! Carraa argattanitti fayyadamaa!
Milkaa’inni har’aa yeroo tokko abjuu ture. Wanti har’a nama tokkoof fagoo fakkaatu, boru hojii cimaa fi kutannoo isaatiin dhugaa ta’uu danda’a.
Ayyaantuu Tolasaa, intala Naqamtee irraa kaatee rakkoo mo’achuun gara sadarkaa olaanaa kubbaa miillaa Itoophiyaatti ol baate! 🧤⚽
Wallaga Football Club ⚽️ 🦅 🙌