Fira oromoo

Fira oromoo

Share

Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Fira oromoo, Public swimming pool, Oromia, Arba Minch'.

14/10/2025

Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad, Onkoloolessa 4/2018 irraa eegaluun Obbo Saandookaan Dabbabaa Komishinara Komishinii Anniisaa Niwukilarii Itoophiyaa taasisuun mudan.

Photos from FMC Afaan Oromoo's post 05/08/2025
Photos from AMN-Afaan Oromoo's post 05/08/2025
Photos from Toosh Tarree Page's post 05/08/2025
07/07/2025

"Barana hojii tajaajila lammummaatiin manneen jireenyaa barsiisotaa 30,444 baadiyyaatti ijaaruuf karoorfanneerra"
- Doktar Tolaa Bariisoo
**************
Gaazexaa Bariisaa
Tajaajila lammummaa kaleessarraa kaasee adeemsifamaa jiruun manneen jireenyaa barsiisotaa 30,444 ijaaruu dabalatee hojiiwwan hedduu ganna kanatti hojjechuuf karoorfachuu hogganaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Doktar Tolaa Bariisoo ibsan.

Doktar Tolaan ibsa miidiyaaleef kennanniin akka jedhanitti; barana hojiin tajaajila lammummaa ganna kanaa Shaggar, Kutaa Magaalaa Laga Xaafootti eegalameera.

Hojii tajaajila lammummaatiin dhimmi barnootaa hedduun kan furmaata argateefi hawwiifi abdii hawaasni barnootaaf qabu dhugoomsaa akka jiranis eeraniiru.

Tajaajilichaa manneen barumsaa bu'ura boruu 2,853fi manneen jireenyaa barsiisotaa 30,444 ijaaruu, ijaarsa paarkii dijitaalaa ykn 'ICT Park' 460 hundeessuu, mana barumsaa Sadarkaa 1ffaa 170 haaraa, daree dabalataa 1,577 ijaaruu yoo ta'u, gama biraatiin dhabbilee barnootaa moodeela taasisuu ilaalchisee manneen barnootaa bu'uura biruu 361, mana barnootaa sadarkaa 1ffaa 722, sadarkaa 2ffaa 44fi kolleejjii barnootaa sadii waanta hunda guutuudhaan moodeela taasisuuf karoorfamuu ibsaniiru.

Bara bajataa xumuramettis manneen barnootaa sadarkaa tokkoffaa 777 kan ijaaraman yoo ta'u; kunis milkaa'ina %78 agarsiisuu himaniiru.

Dabalataanis mana jireenyaa barsiisaa baadiyyaatti 9952 karoorfannee 10181 karooraa ol milkeessineerra jedhan.

Kanamalees istaandardii manneen barnootaa fooyya'an 3882, ijaaramuun tajaajilaaf oolaniiru. Walumaagalatti hojiiwwan kenniinsa tajaajila lammummaa bara bajataa xunurameetiin hojiiwwan misooma barnootaa raawwataman maallaqaan yoo tilmaamaman qarshiin biiliyoona 45.6 ta'u hojjetamuu danda'eera jechuun Doktar Tolaan ibsaniiru.

Karoora tajaajila lammummaa bara kanaatiinis hojiiwwan misooma barnootaaf qabaman qarshii biliyoona 66.4tti tilmaamaman hojjechuuf karoorfachuun ibsameera.

Milkaa'inaafi galmaghiinsa hojii tajaajila lammummaa kanaaf hawaasa barnootaafi dhimmamtoonni barnootaa humna guutuun akka hojjetan Doktar Tolaan dhaamsa dabarsaniiru.
Dajanee Bulchaatiin

26/06/2025

"Ameerikaan gara waraana kanaatti kan seente, Israa'el guutummaatti akka diigamtu waan hubatteefi "
- Ayaatullah Alii Kaaminii
++++++++++++++++

Waxabajjii 19/2017(Gaazexaa Pilaas): Hogganaan olaanaa Iraan Ayaatullah Alii Kaaminii, erga waraanni Israa’el waliinii xumuramee booda haasawasaanii isa jalqabaa ummata Iraanif taasisaniiru.

Ayaatullah Alii Kaaminii ergaa waraana booda ummata Iiraaniif dabarsaniin, "Biyyi keenya injifatteetti; baga gammaddan" jedhaniiru jechuun Aljaziiraan gabaaseera.

Ittifufuunis Ameerikaan waraana kana kan seente "Israa'el guutummaatti akka diigamtu waan hubatteefi" jechuun ibsaniiru.

Israa'el misaa'ela Iraan dandamachuu hindandeenye jechuun dubbataniiru.

Ummanni guddaan Iraan hafuuraafi qaroominaan cimaa waan ta’eef, harka kennachuus ta’e diinaaf jilbeenfachuu hindanda’u jedhaniiru.

Kaaminiin “injifannoo” biyyisaanii waraana guyyoota 12 keessatti argatte faarsuun, Ameerikaan waraana kana keessatti bu’aa tokkollee hingalmeessisne jechuusaanii Aljaziiraan gabaaseera.

Gabaasni kun ittifufuun Kaaminiin, haleellaa Ameerikaan buufataalee niwukilaraa Iraanirratti raawwatte ''waan faayidaa qabu milkeessuu hinaandeenye'' kan jedhan yoo ta’u, haasaan Doonaaldi Tiraampi ''Soba arbeeffamedha'' jedhaniiru.

Niwukilarichis sagantaasaa ittifufa jechuun ergaasaanii dabarsaniiru jedheera.

Photos from Shimelis Abdisa's post 04/04/2025
Photos from Oromia Prosperity Party / OPP /'s post 04/10/2024
06/08/2024
06/08/2024

እንኳን ደስ አለን!

በፈረንሳይ ፓሪስ በመካሄድ ላይ በሚገኘው 33ኛው የኦሎምፒክ ውድድር አትሌት ፅጌ ዱጉማ በተወዳደረችበት የ800 ሜትር በታሪክ ለሀገራችን የመጀመሪያውን የብር ሜዳሊያ አምጥታለች::

በድጋሚ እንኳን ደስ አለን!

Baga Gammadne!

Dorgommii olompikii 33ffaa Faransaay,Paarisitti geggeefamaa jiru irratti Atileet Tsiggee Dhugumaa meetira 800 irratti dorgomteen seenaa biyya keenyaatti meedaliyaa meetii jalqabaa fiddee jirti.

Irra deebiin baga Gamamdne!

Want your business to be the top-listed Gym/sports Facility in Arba Minch'?

Click here to claim your Sponsored Listing.

Location

Website

Address


Oromia
Arba Minch'