23/08/2021
Ergamaan RABBII ﷺ akkana jedhanii jiru "Namni guyyaa qiyaamaa akkaan natti aanu, nama akkaan salawaata narratti heddumeeysu."
Mee har'a hoo Nabiyyii irratti salawaata buufneerraa?
Allahumma Salli alaa sayyidinaa Muhammad,
Sallallaahu aleeyhi wassallam sallallaahu aleeyhi wassallam sallallaahu aleeyhi wassallam sallallaahu aleeyhi wassallam sallallaahu aleeyhi wassallam sallallaahu aleeyhi wassallam sallallaahu aleeyhi wassallam sallallaahu aleeyhi wassallam
17/08/2021
Hangaa dhumatii dubisaa
Isiin fayadaa oboleyan kiyaa qaqalii
Shirkiin Bakka Meeqatti Akka Qoodamtu Ni Beeytaa ?
••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••
Shirkii jechuun Rabbitti waa qindeessuu jechuudha.
Shirkiin tun bakka lamatti qoodamti.
1: Shirkii Gurguddoo
2: Shirkii Xixiqqoo
• Shirkii Gurguddoo: Rabbii si uume dhiistee waan biraa gabbaruu, Sanamaaf salaatuu, Rabbi malee waan biraatiif qaluu, Rabbi malee waan biraa yaammachuu fii kkf.
• Shirkii Xixiqqoo: Rabbi malee waan biraatiin kakachuu, Riyaa’a ykn dalagaalee gaggaarii na haa arkaniif dalaguu fii kkf.
Rabbiin nama Shirkii hundarraa qulqulleewu Nu Haa Taasisuu.
Barreeffama kana Dubbisaatii Share waliif Godhaa.
Waan Dubbistaniif Galatoomaa : Jazaakumullaahu Kheeyran
By: Ibsaa Sheikh Yuusuf
16/08/2021
بارك الله لكما وبارك عليكما وجمع بينكما في خير !
Baga rabbiin si ijaare. Baga jannata addunyaa kana seente obbaleessa kiyya Muaz Nazif. Bultii barakaa kan iimaana keessatti dabalattan bultii risqii bal'oo keessatti argattan,bultii ilmaan gaggaarii keessatti hortan rabbiin isiniif haa godhu!
Anillee Jaartii gaarii RABBIIN naaf haa kennu!
Leenca kana nuuf eeybisaa?
Aniis Duaai naaf godhaa?
Jzk!