MAYA MEDIA

MAYA MEDIA

Share

NEWS MEDIA

Photos from MAYA MEDIA's post 06/05/2026

Tattaaffiin birmadummaa nyaataa Itoophiyaa mirkaneessuuf taasifnu milkaa'ina guddaadhaan ittifufaa jira- Abiyyi Ahimad (PhD)

MM Abiyyi Ahimad (PhD) guyyaa har’a godina Shawaa Kaabaa Aanaa Sulultaatti argamun sochii qonnaa bonee dawwaataniiru. Wayita daawwii kanaatti erga dabarsaniin tattaaffiin biyyi keenya birmadummaa nyaataa mirkaneessuuf taasiftu milkaa'ina guddaadhaan ittifufaa jiraachuu eeran.

Photos from MAYA MEDIA's post 27/04/2026

Maraatoonii Landaniin Tigist Asaffaa rikoordii addunyaa dubartootaa yoo fooyyessitu, Yoomiif Qajeelchaa ammoo seenaa haaraa galmeesse

Finfinnee, Eebla 27, 2026: Fiigicha Maaraatoonii Landaan kan Dilbata kaleessaa gaggeeffame irratti, atileetiin Itiyoophiyaa Tigist Asaffaa sa’aatii 2:15:41n xumuruun rikoordii addunyaa dubartootaan (women-only world record) qabxii haaraa galmeessiteetti. Tigist dorgommii cimaa kanaan morkattoota ishee injifachuun shaampiyoonummaa ishee kabachiisteetti.

Tigist, morkattoota ishee kan Keenyaa Heelen Obirii fi Jooyisiliin Japkosgaay dorgommii malaa fi tooftaa irratti hundaa’een duubatti hambifteetti. Kunis seenaa atileetiksii keessatti yeroo jalqabaatiif dubartoonni sadii dorgommii tokko irratti sa’aatii 2:16 gadiin xumuruu danda’aniiru. Tigist rikoordii ishee kanaan duraa irraa sekondii sagal fooyyessuun dandeettii dorgommii maaraatoonii irratti qabdu addeessiteetti.

Gama biraatiin, dorgommii dhiiraa irratti atileetiin Itiyoophiyaa Yoomiif Qajeelchaa seenaa haaraa fi dinqisiisaa galmeesseera. Yomif yeroo jalqabaatiif maaraatoonii fiiguun sa’aatii 1:59:41n lammaffaa ba’uun, seenaa atileetiksii keessatti sa’aatii maaraatoonii isa saffisaa lammaffaa fi nama yeroo jalqabaatiif fiige keessaa isa saffisaa ta’uun galmaa’eera.

Guyyaa kanaan baaxiin sa’aatii lamaa (two-hour barrier) kan cabuu danda’e yoo ta’u, Yoomiifis dandeettii kanaan gootota atileetiksii gurguddoo tarree keessa galeera. Dorgommichi jalqaba irratti saffisa olaanaan kan eegale yoo ta’u, garee duraa keessatti dorgomtoonni ciccimoon akka Yaakoob Kiplimoo, Tamiraat Tolaa, Amoos Kiprutoo fi Dareesaa Galataa argamu turan.

Fiigichi kun fageenya kiiloo meetira 5ffaa irratti sa’aatii 14:14n kan darbe yoo ta’u, kunis sa’aatii lama gadiin xumuruuf saffisa tilmaamamee dha. Akka World Athletics ibsetti, bu’aan dorgommii dhiiraa fi dubartootaa kun fiigicha fageenya dheeraa keessatti bara haaraa kan nagaa’u dha.

Photos from Oromia Prosperity Party / OPP /'s post 23/04/2026
Photos from MAYA MEDIA's post 23/04/2026


Ijaarsa Biyyaa Waara'eefi Itoophiyaa Badhaadhina Hunda-galeessa mirkaneeffatte ijaaruuf Paartii Badhaadhinaa filadhaa!

Sagantaan duula na filadhaa Paartii Badhaadhinaa Jiraattota Godina Harargee Bahaafi Magaalaa Maayaa hirmaachisuun Magaalaa Maayaarratti geggeeffamaa jiru itti fufee jira.

Paartiin Badhaadhinaa Paartii yeroo tokkummaan biyyaalessaa laafefi walitti bu'iinsi heddummate dhalatee qormaata keessatti fala waaraa fiduun sodaafi yaaddoo itti fufiinsa biyyaa ture furuun Itoophiyaatti abdii h**e. Guddummaan Itoophiyaa addunyaarratti akka dhagaa'amus taasise. Paartiin Itoophiyaa diigumsa baraare har'ammoo fakkeenya badhaadhinaa akka taanuuf hojjetaa jira.

Badhaadhina Filadhaa!
Badhaadhina filachuun Guddummaa Itoophiyaa mirkaneessuuf murteessuudha.
Mallattoon keenya Nadoo/Bissii qamadiiti.

Photos from HU FM 91.5 RADIO's post 30/09/2025
Photos from Oromia Police Commission's post 22/09/2025
10/07/2025

Magaalaa Maayaatti Gamaaggamni raawwii hojii paartii fi Mootummaa kurmaana 4ffaa jalqabame .

08/07/2025

Miseensotni bricks daballii taarifaa fi haleellaa iraan irratti raawwate balaaleffatan.

07/07/2025

Israel mariif qophiidha jette
Oromia11

05/07/2025

Gamoon Q/Poolisii Magaalaa Maayaa baajata Qarshii miiliyoona 100 oliin ijaarame Eebbifame.

Want your business to be the top-listed Gym/sports Facility in Dire Dawa?

Click here to claim your Sponsored Listing.

Location

Telephone

Address


Dire Dawa
8331