Liverpuul Mootii Kilabotaa

Liverpuul Mootii Kilabotaa

Share

odeeffannoowwan waaytaawoo waa'ee liverpool argachuuf nuu hordofaa

28/05/2026

Mee koottaa as goraa Dubbii leenjisaa fi taphataa gameessa addunyaa Zinedine Zidane waaโ€™ee goota keenya Dominik Szoboszlai dubbate kana dubbisaa, achiiti sanyii Reds' ta'uu keessaniif boonaa๐Ÿ‘‘๐Ÿ‡ญ๐Ÿ‡บ
โ€‹Zizouโ€™n Szobo keenya ilaalchisee maal jedhe beektuu๐Ÿ‘‡

โ€‹๐Ÿ—ฃ๏ธ Dominik Szoboszlai yeroo taphatu ilaaluu dhugumaan baay'een jaalladha taphattoota sarara gidduu kubbaa miilaa ammayyaa deebisanii guutuu taasisan keessaa isa tokkodha jabinni tekinikni, ogummaan fi namummaan isaa walitti dhufeera
โ€‹Yeroo gareen dadhabu dhiibbaa jala seenu fi ritmii dhabu Szoboszlai jabaatee garee sana gara fuulduraatti dhiibaa ture. Akka loltuutti warrior fiiga, garuu miidhagina dandeettii elegance qabaatee taphata Taphattoonni qulqullina taphaa fi namummaa kanaan tapha to'achuu danda'an baay'ee muraasadha Anfield' keessatti goota ta'uun akkas Kanaan booda sarara gidduu garee biraa dhiisaa, waa'ee goota dhaloota haaraa kanaa dubbadhaa. Szobo ๐Ÿ™

28/05/2026

Iccitii Liivarpuuliin gadi dhiisuu duuba jiru!!๐Ÿค”

๐ŸŽ™ Diaz ๐Ÿ—ฃ;-"Dhugaa dubbachuuf Liivarpuul gadi dhiisuun goonkumaa karoora kiyya hin turre, kilabicha akka maatii kootti waan ilaaleef waggoota dabalataa hedduu akka achi turun yaadaa ture."

๐ŸŽ™ Diaz ๐Ÿ—ฃ;-"Deeggartoonni guyyuma jalqabaarraa jaalala guddaa naaf kennani, hiriyyoonni koo garichaas akka maatiitti na ilaalani, Anfielditti uffata Liivarpuul uffachuun yeroo kamuu miira addaa sitti uuma."

๐ŸŽ™ Diaz ๐Ÿ—ฃ;-"Haa ta'uutii kubbaan miilaa kabaja barbaachisu argachuu waliin wol qabata.''

๐ŸŽ™ Diaz ๐Ÿ—ฃ;-"Hoggansa kilabichaa yeroo hedduu koontiraata haaromsuu fi mindaa fooyya'aa gaafachaa ture, sababni ga'uumsi kiyyaaf haalli of kenniinsa kiyyaa ilaalcha keessa galuu qabu jedhee waan yaaduufi,.

๐ŸŽ™ Diaz ๐Ÿ—ฃ;-"Taphoota hunda irratti waan humni kiyya danda'u guutuu kenneera, akka carraa tahee waliigaltee irra gahuu hin dandeenye."

๐ŸŽ™ Diaz ๐Ÿ—ฃ;-"Sun keessa kiyyatti baay'ee na dhukkubse, sababni goonkumaa Liivarpuul gadi dhiisuun sammuu kiyya keessa hin turre waan taheef."

๐ŸŽ™ Diaz ๐Ÿ—ฃ;-"Garuummoo yeroon ati waa'ee maatii keetii fi egeree kee itti yaaddu ni jiraata, Sana booda Bayern Munich dhufee mindaa ifaajee fi dadhabbii kiyya barootaa ni madaala jedhee ani yaadu naaf kanfaluuf tole jedhe."
๐Ÿค”๐Ÿค”

28/05/2026

๐Ÿ‡ฉ๐Ÿ‡ช Jurgen Klopp ๐Ÿ—ฃ๏ธ ""Salahn goolii lakkoofsistoota ciccimoo addunyaa kanaati,,, ''absolutely up there''
"" Salahn boqonnaa ganna hundarraa ogummaa haaraatiin deebi'a,, fedhii cimaa dorgommii qabaachuu isaa irraa kan ka'e yoo hin taphachiisin qofa '' leenjisuun salphaa hin ta'u.

๐Ÿ‡ช๐Ÿ‡ธ Pep Guardiola ๐Ÿ—ฃ๏ธ Yeroo hunda doorsisa Salah na sodaachisa, inni ''nama addaa'' fi ''balaa ajaa'ibaa qabuudha.

Joze Mourinho ๐Ÿ—ฃ๏ธ
Jalqaba irratti "mucaa saffisaa, dadhabaa" ta'eedha, amma garuu Salahn gara nama saffisaa, cimaa fi humna niwukilaraa, qabuutti jijjiirameera,

๐Ÿ‡ฎ๐Ÿ‡น Jamie Carragher๐Ÿ—ฃ๏ธ Seenaa Liivarpuul keessatti taphattoota shanan keessaa tokko. Ragaalee lakkoofsa ajaa'ibaa wal irraa hin cinne qabaachuu fi haala adda taโ€™een argamuu isaa irraa kan kaโ€™e hambaa Piriimiyerliigii Ingiliiz Kiristiyaanoo Ronaaldoo dursee jira.

๐Ÿ‡ฐ๐Ÿ‡ต Son Heung-min๐Ÿ—ฃ๏ธ Mo Salahn taphataa Piriimiyerliigii Ingiliiziin walsime fi seenaa liigichaa keessatti sadarkaa olaanoo irratti argama,

๐Ÿด๓ ง๓ ข๓ ฅ๓ ฎ๓ ง๓ ฟ Trent Alexander-Arnold๐Ÿ—ฃ๏ธ Mohammed Salan ''legend liigicha fi Liverpool ta'eera, akkasumas taphataa cimaa ani waliin taphadheedha.

Egyptian King ๐Ÿ™Œ๐Ÿฅฐ

27/05/2026

Roonaaldoo Mohaammad Saalaa Al Nasritti akka makamu barbaada!

๐ŸŸก Dhuma bara dorgommii kanaa irratti Mohaammad Saalaah kilabii Liivarpuul irraa aangoo gadhiisuu isaa beeksisuu hordofuun Kiristiyaanoo Roonaaldoo urjii lammii Masrii Al-Naasiritti makamuuf fedhii guddaa akka qabu miidiyaan Al-Nasser gabaaseera.

๐ŸŸก Roonaaldoo dhufaatiin Saalaah sarara duulaa garee kanaa haalaan cimsee walnyaatinsa cimaa addunyaa keessaa tokko akka uumu amana.

๐ŸŸก Shaampiyoonaa liigii Sa'udii tibbana Al-Nasr dabalatee kilaboonni Sa'udii fi Ameerikaa hedduun Saalaah mallatteessisuuf wal dorgomaa jiru.

๐ŸŸก Haa ta'u malee, Mohaammad Saalaa gaaffilee isaaf dhiyaatan qorachaa waan jiruuf hanga ammaatti bakka itti aanu irratti ifatti hin murtoofne.

27/05/2026

Hameessa gadi yaasee
Shaalaa jechuun haroodha
Gameessa adii raase
Saalaa jechuun qaroodha

Sileellisna ol kaanee
Deeggaraa burraaqsite
Yaayyaa Tuureetti aanee
Afrikaan gumaachite

Bara Jergen Kilooppii
Abbaa milkiif ga'umsaa
Injifataa tirooppii
Karaa seensaaf ba'umsaa

Collee akkaan si'ataa
Jirma, utubaaf baallaa
Kurkursaafi jifataa
Naasisaa garee faallaa

Akka kubbaaf taaktikaa
Haala salphaan hubatee
Badhaasa Afirikaa
Injifatee fudhate

Humnasaa godhe aarsaa
Kilaba isaa baatee
Addunyaan isa faarsa
Beekamtii isaaf laatee

Biyyasaaf lubbuu laatee
Kabaja itti h**e
Halkanii guyyaa kaatee
Milkii walitti core
-
Anis jaallataa keeti
Siifan qaba marartee
Qalbiin koo hawwiisheeti
Osoo Saalaa agartee

Egaa akka makmaaksaa
'Guyyuun ayyaana'n taatu'
Nagaatti yaa Mo-Saalaa!
Karaan irra qajeelte
Dugda lukkuu hataatu

Maasaan gaaraa murmurii
Shumbureen gama looti
Ayii yeroof umurii
Adurree nama gooti!
.

Chaawoo Salah๐Ÿ™

27/05/2026

Varjiil Vaan Daayik waa'ee maali yaadaa ture? ๐Ÿ’”
Yeroon kun yeroo gaddisiisaa taphattoota ciccimoo Liivarpuul Roobartsan fi Saalaaf miiraan Anfiildiin nagaa dhaamuun isaanii hin hirmaanne ture.

Vaandaayik dirree seenee daqiiqaa muraasaaf achi taa'ee gadda guddaadhaan lafa ilaalaa ture. Qormaata hangamii keessa akka darbe dagachuun rakkisaadha, bara kana dhuguma abdii kutachiisaa waan tureef qeeqxoota ga'umsa gadhee garee kanaa deebisuu qaba.

Du'a gaddisiisaa Jota ganna darbe mudateen gadda isaa ibsuun, amma hiriyyoota isaa lamaan waggoota 9f dirree waliin qooddatan nagaa dhaamuun dirqama ta'e. Kunniin garba balโ€™aa ittisaa keenya beekamaa sanaaf illee baโ€™aa ulfaataadha.

Jabaadhu Meejar, hundi keenya gama kee jirra!

26/05/2026

Eid Mubarak

Baga Ayyaana Iidul-Adha bara 1447 maatii fi firoota keessan hunda wajjiin nagayaan geessan

Ayyaanni kun kan jaalalaa, gammachuu,kan qeebaltiifi Araarama Rabbii itti argannu nu haa taasisu.

Eid Mubarak !!!

25/05/2026

๐Ÿ’ฅ Kun Leenca ykn Egyptian King isa tahe galmeedhan inni caccabse wajjiin ragaa qabatamaadha.

๐Ÿ’ฅ Inni Aanfiild keessaa bahuun isaa hedduu garaa nama raasa maalumaafuu taphataan bakka isaa bu'u argamuun isaa shakkii guddaadha.

Photos from Liverpuul Mootii Kilabotaa's post 25/05/2026

๐Ÿšจ Seenaa Liivarpuul keessatti taphataa sarara ittisaa qarqara bitaa filatamaa yeroo hundaa!!

Goodbye Roobaan ๐Ÿ”ดโ™ฅ๏ธ๐Ÿ‘‘๐Ÿ‘‹

24/05/2026

๐ŸŸ442 Games
โšฝ๏ธ 257 Goals
๐Ÿ…ฐ๏ธ 120 Assists

๐Ÿ†๐Ÿ† Premier League
๐Ÿ† Champions League
๐Ÿ†๐Ÿ†EFL Cup
๐Ÿ†FA Cup
๐Ÿ† Community Shield
๐Ÿ† UEFA Super Cup
๐Ÿ† Club World Cup
๐Ÿ…๐Ÿ…๐Ÿ…๐Ÿ… Premier League Golden Boot
๐Ÿ…๐Ÿ…๐Ÿ… PFA Playerโ€™s POTS
๐Ÿ…๐Ÿ…๐Ÿ… FWA Footballer of the Year
๐Ÿ…๐Ÿ… Premier League POTS
๐Ÿ…๐Ÿ… Premier League Playmaker Award
๐Ÿ… Puskas Award

The Redsโ€™ all-time top goalscorer in the Premier League, the player with the joint-most Premier League assists for Liverpool alongside Steven Gerrard and the player with the most goals + assists ever recorded in a 38-game Premier League season.

The End๐Ÿ‡ช๐Ÿ‡ฌ๐Ÿ‘‘

Want your business to be the top-listed Gym/sports Facility in Dire Dawa?

Click here to claim your Sponsored Listing.

Location

Telephone

Website

Address


Dire Dawa