Soccer Oromia - 24H News

Soccer Oromia - 24H News

Share

Odeeyiffannoo Ispoortii waayitaawaa tahan yaro yaroodhaan hordoftoota keenya biran geyuudha.

Photos from Soccer Oromia - 24H News's post 03/05/2026

👉Inter Miilaan Shaampiyoonaa Seeri A Xaaliyaan bara 2025/26 tahe.

✅Torbee 35ffaa Seeri "A" Xaaliyaan, guyyaa arraa gaggeeyfamaa ooleen, dirree isaa Saansiiroo irratti Paarmaa kan keeysummeeyse, Inter Miilaan, goolii 2⃣ -0⃣ tti moohachuudhaan, yaroo 21ffaa dhaaf, Shaampiyoonaa Seeri "A" xaaliyaan tahuu dendeheeti jira.

✅ Sadarkaa 2ffaa qabatee dhihoodhatti inte miilaan jala fiigaa kan ture shaampiyooniin bara dabree Napolin "COMO" waliin wal qixa bahuun qabxii harcaasuu isaa hordofee, odoo taphni 3 isaaf hafuu, garaagarummaa qabxii 12tiin Shaampiyoonaa seeri "A"Xaaliyaan bara 2025/26 tahuu isaa mirkaneeyfatee jira.

✅ Dirree fi Deeggartoota isaa fuulduratti Paarmaa keeysummeeysuun gooliiwwan 2, Markas Turaamii fi Henerik Mikitaariyaan, daqiiqaa 45+1 fi 80, irratti galchaniin, erga bara 2024, waancaa 20ffaa moohatanii, turtii waggaa takkaa booda, bara kana waancaa 21ffaa isaanii moohachuu dendeyaniiti jiran.

✅Bara 2025' ji'a 6ffaa keeysa Kilaba Parmaa kan arra galgala moohatee Shaampiyoonaa tahe, kana gadi lakkisee, gara laIntar Miilaan, kan dhufe Leenjisaan Lammii Roomaaniyaa Cristian Chivu" tapha seeri "A" kan jalqabaa isaa Kilaba Torino goolii 6 fi 0 tti moohachuun, milkiidhaan taakka ja'anii kunoo milkiin xumuruu dendeyanii jiran.

✅ Intar Miilaan taphoota bara kanaa hanga torbee 34ffaa taphateen, 26 moohatee, 4 qixa behee, 5 qofa moohamuudhaan, odoo taphni 3 isaaf hafuu qabxii 12'n Napoli irraa fagaatee, qabxii 82'n Shaampiyoonaa tahuu isaa kan mirkaneeyfate.

✅ Dorgommii Shaampiyoonsi Liigii bara kanaa keeysaa, tapha dheqaa galaatiin Arsenalin moohamuun erga dorgommichaan ala tahe, Inter Miilaan, xiyyeeyfannaa isaa Seeri "A" irratti deebifachuun, falmii cimtuu, masaanuu isaa Fc Milani fi Napoli irraa isa godhamaa ture irraa dandamachuun, Seeri "A" xaaliyaan bara kanaa injifachuu dendehee jira.

✅ Bara 2022 erga waancaa 19ffaa moohate booda gara injifannoo waancaatti deebi'uu kan dadhabee fi waancaa Seeri "A" xaaliyaan yaroo 19 moohachuun, Juventusitti aanee sadarkaa 2ffaa irra kan ture, Fc Milan, amma Inter duubaa dhufuun, waancaa 21' isa caalee sadarkaa 2ffaa qabatee jira.

✅ Seenaa waancaa Seeri "A" xaaliyaan yaroo 34 moohachuun sadarkaa tokkoffaa qabatee kan jitu, Juveentus yoo tahu,
✅ Inter Miilaan kan bara kanaa dabalatee yaroo 21 moohachuun sadarkaa 2ffaa,
✅ Fc Milan yaroo 19 moohachuun sadarkaa 1ffaa irraa hanga 3ffaatti qabatanii jiran.

✅ Inter Miilaan waancaa bara kanaa akka moohatuuf, taphattoonni ciccimoon sarara fuulduraa kilabichaa, kanneen akka Lautaro Martinez, Markas Turami fi Henrikh Mkhitaryan dabalatee, sarara gidduutiin ammoo, taphataa lammii Turkiyyee, Hakan Calhanoglu, taphataa lammii Poland Pitor Zielinski, gama ittisaa irraa kanneen akka taphataa lammii Neezarland, Denzel Dumfries, Federico Dimarco, Manuel Akanji, fi taphataan hangafaa kilabichaa kan lammii xaaliyaan umrii 36, Matteo Darmian faan taphattoota Shoora ol aanaa bahataniidha.

✅ Taphoota 3 isaaf hafee fi kilaboota akka, Lazio, Hellas Verona fi Bolonya waliin taphatu odoo qabu Shaampiyoonaa kan tahe, Inter Miilaan galgala kana waancaa gurra lamaa guddaa harkattillee qabachuu baatu, Dirree isaa Saanseerotti deeggartoora isaatii waliin tahuun gammachuu isaa, Faaruufi, dhukaasa Baarudaa gurguddaa fi hedduu yahan dhukaasuun, haala ajaa'ibaatiin dabarsee jira.

Photos from Soccer Oromia - 24H News's post 17/04/2026

✅Kilabni Chaampiyoonsi Shiipii ingiliz taphachaa ture, Koventarii Siitiin pireemiyerliigii ingiliz bara 2026/27f dabruu mirkaneeyfate.

✅Taphataa Lammii Ingilizii fi Kilaba Cheelsii duraanii Firaank Laampaardiin Leenjifamaa kan ture Koovantarii Siitiin Tapha torbee 43ffaa galgala kana dirree isaatii ala, Blackburn waliin taphateen goolii 1 fi 1 qixa bahuun, qabxii takkittii isa barbaachisu argachuu hordofee, qabxii waggaa kana wali sassaabbata 86'n gara pireemiyerliigii ingiliz bara 2026/7tiif dabruu isaa mirkaneeyfatee jira.

✅ Kovantarii Siitiin seenaa isaa keeysatti turtii waggaa 25 booda, gara Pireemarliigiitti deebi'uu kan dendehe oggaa tahu, kun erga kilabichi bara 2000 fi 2001 pireemarliigii keeysaa gadi bu'ee turtii waggaa 25 booda deebi'uu isaati.

19/02/2026

Arsinaalii fi Maanchistar Siitiin haala kanarra addaan jiran yaroo ammaa!

28/12/2025

Biyyoonni 3 waancaa Afrikaa bara kanaatti nagaya dhaammatan.
*********
Bostiwana, Gaboni fi Equatorial Geaniin, Biyyoota sadeen dorgommii waancaa Afrikaa 35ffaa Morookkotti gaggeeyfamaa jitu irraa, gara biyya isaaniitti darsa guurratan tahuu isaanii mirkaneeyfatanii jiran.

05/12/2025

Ramaddiin waancaa Addunyaa bara 2026, Ameerikaa, Kanaadaa fi Meeksikoon waliin qopheeyshun gaggeeffamuuf beheeti jira.

Carraan Ramaddii waancaa Addunyaa bara 2026 biyyoota 48 giddutti Yaroo jalqabaatiif gaggeeyfamuu kun, yaroo muraasaan duratti, kan behe yoo tahu,
Carraan kuniis biyyoota 43 kan hanga ammaa dabruu isaanii mirkaneeffatanii fi biyyoota 5 kan dorgommii marsaa moohatanii dabruutiin carraa isaanii xumuraa eeggachaa jiraniif beheeti jira.

Carraan Ramaddiidhaa hawwiin eeggamaa ture kun, bakka taphattoonni bebbeekkamoon addunyaa teenyaa durattii dabalatee Leenjiftoota tuuta biyyaaleeysaa dotgommichaaf dabranii ti fi Pirezdaantii Ameerikaa Doonaan tiraanpii fi hooggantoonni Addunyaa baayyeen arkamanitti, Ramaddii 12tti adda qoqqoodamuun beheeti jira.

Mee Carraa Ramaddiidhaa kan gareewwan 12tti adda qoodamuun, behe kanarratti, Ramaddii kamtu, cimaadha, akkasuma ramaddii kamtu, akka malee laafaa isinitti fakkaata....? yaada keeysan komantii jala nuuf kaayaa !

Photos from Soccer Oromia - 24H News's post 02/12/2025

FT. FULHAM 4 - 5 MAN.CITY
Torbee 14ffaa Piriimiyerliigii Ingiliz galgala kana taphatameen, Siitiin Dirree isaatii ala, goolii 5 fi 4 tti moohachuun deebi'e.

Maanchistar siitiin tapha ajaa'ibaa galgala kana Fulhaam waliin taphateen, goolii 5 fi 4 tti moohachuun, qabxii 3 tan akka dammaatti mi'ooytu argatee jira.
Dirree isaatii ala moohatee kan deebi'e Siitiif, Gooliiwwan shanan injifannoo Filfoodan 3, yoo galchu, E. Halandi takka galchee jira, akkasuma taphataan Fulhaam Sanderberg ammoo goolii 5ffaa ofirratti galchuun moohachuu siitiitiif gumaacha godhee jira.
Dirree fi deeggartoota isaa fuulduratti harka kannuu diddaaf, hanga xumuraatti qabsoo cimtuu taasisuun, goolii 4 galfatanillee, moohachuu kan hin dendeyin Fulhaamiif, Smith Rowe, Alex Iwobiin goolii takka takkaa fi Samuel Chukweze goolii 2 galchuun deeggartoota isaanii biraa deeggarsa ajaa'ibaa arkatanii jiran.

Maanchistar siitiin hanga daqiiqaa 53ffaatti goolii 5 fi 1'n dursaa ture, boodarra goolii 3 keessummeessuun, falmii cimaan boodatti, goolii 5 fi 4'n moohachuu dendehe.

Kilabni peepigaardiyoolaa siitiin, tapha tokkorratti gooliin 4 irratti galuun moohatdd bohuun osaa erga bara 1957 booda tahuu isaati.
Goolii takka galchuun kubbaawwan gooliif tahan lama haala mijjeessee kan kanne, Erling Haaland tapha walii galaa pireemiyerliigii 111 taphateen goolii isaa walii galaa 100ffaa lakkoofsisuun seenaa haaraya galmeeyisee jira.

Qormaata cimaa booda akkaan tahuu akkamaleen tahuu, moohatee qabxii 3 kan arkate, maanchistar siitiin, qabxii isaa gara 28tti ol guddifachuin, sadarkaa 2ffaa Cheelsii irraa fudhatee jira.

Siitiin garaagarummaa qabxii 5 arsinaal waliin qabaachaa ture, gara 2 tti gad irrisuun, arsinaal kan qabxii 30 qabutti aanee, yaroofillee tahu, sadarkaa 2ffaarra taa'ee jira.

Taphoota Biraatiin,
Torbee 13ffaa torbaan dabreetiin dirree fi deeggartoota isaa fuulduratti Newcastiliin goolii 4 fi 1'n kan moohame Everton Dirree isaatii ala, Bournmouth goolii 1 fi 0 tti moohatee gara injifannootti deebi'e., goolii injifannoo Everton, galgala kanaa, ergisaan kilabichaaf taphachaa kan jiru, taphataa maanchistar siitii Jack Grealish tu daqiiqaa 78ffaa irratti galche.

Tapha Cimaa hawwiin eeggamaa turee fi Newcastle United Executive Club fi Tottenham Hotisper giddutti taphatameen, goolii 2 fi 2 qixan xumuranii jiran.

Tapha kanarratti kilaboonni Lachuu, falmii isaanii kan boqonnaa duraa, goolii malee 0 fi 0'n yoo xumuran, boqonnaa 2ffaa irratti, goolii 2, 2 wal irratti galfachuun, qabxii qooddatanii jiran.

Haaluma kanaan gooliiwwan lamaan Newcastil, Birunoo Gumaresh taphaa fi Antoonii Goordan Peenaalitiin yoo galchan, gooliiwwan lamaan Tottenhaam ammoo, Cristian Romero tu, galche.

Qabxii addaan kan qooddatan Tottenhami fi Newcastil, qabxii 19,19 qabachuun, garaagarummaa gooliitiin wal caalanii sadarkaa 11 fi 13 ffaarra taa'aniiti jiran.

Taphat

30/11/2025

Taphni Cimaan Torbaanii Chelsii fi Atsinaal, Qixaan xumurame. Cheelsiin tapha taphattoota 10'n taphatee, Arsinaal kan liigicha dursaa jiru, qabxii darbisiisan.

Photos from Soccer Oromia - 24H News's post 17/11/2025

WAANCAAN ADDUNYAA BARA 2026 TAPHATAMA.
*****************
Biyyoonni Awurophaa 54 Ramaddii 12tt adda qoodamuun, waancaa Addunyaa bara 2026 Yaroo Jalqabaatiif biyyoonni Addunyaa 48 irratti hirmaataniif dabruuf gulaallii isaanii taasisuu irratti arkaman.

Dorgommiin gulaallii biyyoonni Awurophaa taasisaa jiran, xumuramuuf dhiyaatee jira.
Hanga Oduun kun qophaawutti, biyyoota Awurophaa 16 hirmaachuuf carraa qaban keeyisaa biyyoonni 5, Ingiliz Faransaayi, Kirooshiyaa, Noorweeyi fi Poortugaal dabruu isaanii mirkaneeyifatanii jiran.

Ramaddii 11ffaa jalatti, Albaniyaa, Sarbiyaa, Laatiiviyaa fi Andooraa waliin tan Ramadamte biyyi Ingiliz, tapha ramaddii xumuraa isii eda galgala dirree isiitii ala Albaaniyaa waliin taphatteen, goolii 2 taphataan sarara fuulduraa Harikeen galcheen 2 fi 0tti moohattee dabruu isii mirkaneeyiffatte. Ingiliz, taphoota gulaallii 10 taasiste hunda Odoo hin moohaminii fi gooliin takkalleen irratti hin galini injifannoon kan xumurte. Ingiliz taphoota 10 taphatteen kurnanuu moohattee, goolii 22 qulqulluu fi qabxii 24'n ramaddicha sadarkaa 1ffaatiin kan xumurte. Ramaddii kanarraa taphoota 10 hanga ammaatti taasifteen qabxii 14 tan wali sassaabbatte Albaaniyaan, gara morkii moohatanii dabruutitti dabartee jirti.

Ramaddii 4ffaa jalatti, Yukureen, Ayislaandii fi Azarbaajaan waliin tan ramadamte, Faransaayi, Tapha Ramaddii isii kan xumuraa, Eda galgala Azarbaajaan waliin taphachuun moohattee dabruu isii mirkaneeyiffatte. Faransaayi gooliiwwan Jiyaan maateettaa, Maagines Akluuchee fi taphataan Azarbaajaan Saharuddiin Mahammadaliyeef ofirratti galcheen 3 fi 1'n moohatte. Tapha kanarratti Azarbaajaan dursitee, daqiiqaa 4ffaa irratti goolii galfattee dursa qabattuus, moohachuu hin dendeenye.
Faransaayi Ramaddichaan taphoota 6'n taphatte keeyisaa 5 moohattee, 1 qixa bahuudhaan qabxii 16 wali sassaabbatteen tikeeta waancaa Addunyaa bara 2026 murachuu dendeeyisee jirti.

Ramaddii xumuraa 12ffaa jalatti, Chek Ripooblik, Farao Ayislaandi, Moonteneegiroo fi Gibraaltar waliin tan ramadamte, Kirooshiyaaniis, taphni tokko odoo isiif hafuu,qabxii 19 hanga ammaa wali sassaabbatteen, gara waancaa Addunyyaa bara 2026 dabruu isii mirkaneeyiffattee jirti.

Ramaddii 9ffaa jalatti, Xaaliyaan, Isiraa'il, Istooniyaa fi Moldoovaa, waliin tan ramadamte, Noorweeyiis Biyya 4 ffaa hanga ammaa Ardii Awurophaa irraa dabruu isii mirkaneeyiffatteedha.

Noorweeyi eda galgala tapha ramddii isii kan xumuraa xaaliyaan waliin taphatteen goolii 4 fi 1 moohattee dabruu isii mirkaneeyiffattee jirti. tapha kanarratti Xaaliyaan dursisitee goolii galfattuus, qabxii isii eeyisifachuu hin dendeenye. Noorweeyi duubaa ka'uudhaan gooliiwwan 2 Erliingi B. Haalandi, Antooniyoo nuusaa fi Jorgiin Laarsan galchaniin 4 fi 1 tti moohatte.

Shaampiyoonummaa waancaa Addunyaa bara 2006 booda karaan tan jalaa bade xaaliyaan ammallee karatti deebi'uu hin dendeenye.

Tapha gulaallii isii kan xumuraa Dirree fi Deeggartoota isii fuulduratti tan taphatte, Xaaliyaan, yaroo 3ffaadhaaf walfaana ramaddii isiirraa sadarkaa 2ffaa bahhuudhaan, gara tapha moohatanii dabruutti dabruuf dirqamte.

Waancaa Addunyaa yaroo 4 moohachuun, Biraaziilitti Aantee Jarman waliin sadarkaa 2 ffaa irratti tan arkamtu, Xaaliyaan, waggaa 12 booda waancaa Addunyaa biyyoonni 48 irratti hirmaatanii ala akka hin taaneef, hirmaannaa kallattiidhaan dhabde, gara morkii moohatanii dabruutiin arkachuuf, yaalii obsa fixachiisaa kan taasiftu taati.

Xaaliyaan bara 2006 wayita waancaa Addunyaa moohattu taphataa kan ture, Leenjisaan Tuuta biyyaaleeyisa Xaaliyaan Ammaa Jinaaroo Gaatussoon ammoo, biyyi isaa hirmaannaa waancaa Addunyaa bara 2026 kana akka hin dhabneef, waan dendeyu mara kan taasisu tahuu dubbatee jira.

Ramaddii 6 ffaa jalatti, Ayerland, Hungaarii fi Armeeniyaa waliin tan ramadamte, Poortugaal, Eda galgala bakka kiristiyaanoo Roonaaldoo hin jirretti Armeeniyaa keeyisummeeyisuun goolii 9 fi 1 tti moohachuun, tikeeta waancaa Addunyaa bara 2026 murattee jirti, tapha marsaa 5ffaa Ayarlandi waliin taphatanii 2 fi 0 tti moohaman irratti, kaardii diimtuu arkateen dirree irraa kan behee turee fi Adabbiidhaan tapha edaa kanarratti kan hin hirmaatiin kiristiyaanoo Roonaaldoo malee tan taphatte, Poortugaal, Armeeniyaa goolii 9 fi 1 moohachuun, gulaallii waancaa Addunyaa kanarratti Noorweeyi tan moldoovaa goolii 11 fi 0 tti moohattetti aansuun, biyya 2 ffaa tapha tokkorratti goolii baayyee galchite tahuu dendeeyisee jirti. Tapha kanaaniis, taphataan sarara ittisaa PSG Jao Neves yaroo 2ffaatiif haatirik, kan hojjate oggaa tahu, Dursaan kilaba Maanchistar yunaayitid Biruno Farnaandesiis, goolii 3 galchee jira. Rinaattoo Vegaa, Gonkaaloo Raamoosii fi Firaansiiskoo konsesiyo taphattoota goolii poortugaal 3'n hafte biyya isaaniitiif galchani.

Hirmaannaa waancaa Addunyaatiif dabruu isaanii mirkaneeyifachuuf, qabxii wal qixa kan qaban, Jarmanii fi Silovaakiyaan, morkiin isaan galgala kana waliin taasisan xiyyeeffannaa olaanaa arkatee jira.

Ramaddii Tokkoffaa jalatti, Northern Ayarlaandii fi Luuksanbargi Ofitti aansuun kan waliin ramadaman Jarmanii fi Silovaakiyaan, taphoota Ramaddiidhaa 5, 5, hanga ammaa taasisan irraa, taphoota 4,4 moohatanii garaa garummaa gooliitiin wal caaluudhaan, qabxii 12, 12 qabatanii, sadarkaa 1 ffaa fi 2ffaarra taa'aniiti jiran.

Biyyoonni Lamaan, galgala kana, sa'aa 4:45 irraa eegaluun, Reedbuul Areenaa irratti Falmii waliin taasisaniin, Biyyi moohatte, Tikeeta hirmaannaa waancaa Addunyaa bara 2026 kan murattu taati.

Tapha kana walqixaan yoo xumuran ammoo, baayyina goolii qabduun tan Silovaakiyaa caaltu biyyi Jarman, carraa ballaa dabruudhaa kan arkattu oggaa taatu, Silovaakiyaan ammoo gara morkii Moohatanii dabruutti kan dabartu taati.

Tphoota biraa galgala kana sa'aa wal fakkaataa sa'aa 4: 45 irraa eegalamee taphatamuun kan itti fufee taphatamuun, yaphoonni

Northern Ayarland Vs Lukxambarg
Malta Vs Poland
Chekripoplik Vs Gibraltar
Holandi Vs Lituwaniya

Montenegroo Vs Kiroshiyaan waliin taphatan ni eeggama.
Dorgommiin gulaallii waancaa addunyaatiif dabruu biyyoonni Awurophaa taasisaa jiran kun, falmii xumuraa galgala boruu biyyoonni Awurophaa 18 waliin taasisaniin xumura kan arkatu taha.

27/10/2025
Want your business to be the top-listed Gym/sports Facility in Dire Dawa?

Click here to claim your Sponsored Listing.

Location

Category

Telephone

Address


Dire Dawa