Goal Afaan oromoo

Goal Afaan oromoo

Share

Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Goal Afaan oromoo, Sport & recreation, Dire dawa, Dire Dawa.

16/09/2025

Taphoota Chaampiyoonsi Liigii 2025/2026 marsaa 1ffaa

Taphoota Kibxata Har'aa eegaman

👉 OBSAA Abdella like share

15/09/2025

Liverpool goolii M.Salah daqiiqaa xumuraa dabalataa 90+5 irratti adabbiin galcheen Burnley injifate.

Burnley 0 - 1 Liverpool

10/09/2025

🇵🇹🌟 Kiristaanoo Roonaaldoo seenaa gulaallii waancaa addunyaa keessatti taphataa goolii olaanaa galche jedhamuuf goolii 2 qofatu isa hafe👀

Roonaaldoon riikardii haaraatti dhihaateera.✨

09/09/2025

Noorwey Moldovaa iratti 11 roobsite Haalaand 5 lakkoofsisee 2 mijeessuun kenneera, Asgaard daqiiqaa 64 booda seenuun goolii 4 lakkoofsiiseera, Odegaard tokko lakkoofsisee 2 mijeessuun kenneera

09/09/2025

Jijjiirraan Isak gara Liverpool Taasise jijjiirraa qaalii addunyaa sadaffaati jedhame🔥📊

Photos from Goal Afaan oromoo's post 09/09/2025

Gareen Biyyaalessaa Itoophiyaa Laayibeeriyaa magaalaa Monorooviyaa gahe

AMN PLUS- Qaammee 2/2017

Gareen Biyyaalessaa Itoophiyaa tapha gulaallii Waancaa Addunyaa Seeraaliyoon waliin taasisuuf Laayibeeriyaa magaalaa Monorooviyaa gahe.

Garichi kaleessa halkan Kaayirootii ka'ee ganama Finfinnee galuun imala sa'aatii jahaa booda Monorooviyaa seeneera.

Taphni 8ffaan gulaallii Waancaa Addunyaa Seeraaliyoon waliin Kibxata sa'aatii 10:00tti adeemsifama.

Garicha keessaa Biiniyaam Balaay kaardii Keelloo lama waan kennameef waliin hin imalle.

Taphni gareewwan lamaanii yeroo darbe zeeroo wal qixa xumurame.

08/09/2025

Seenaa addunyaa kubbaa miilaa keessatti waanta ajaa'iba kana ilaalame.

👉 Fulbaana 9(phagume 4) , 2009 — Haangaarii fi Poorchugaal yeroo waliin taphatanitti Doomiinik Soobozilaay taphattootni Poorchugaal harka qabatani dirree seenani turan...

Doominik Sobozilaay bara 2022 akkaas jedhe ture: "Yeroo umuriin koo waggaa 8 tureeti Haangaarii fi Poorchugaal Puskásh Areenatti taphatame irratti taphattootni Poorchugaal harka na qabatani waliin dirree seene. Kiristiyaanoo Roonaaldoo waliin walitti dhiyaadheen ture anaaf isaa gidduu nama sadiitu ture. Yeroon Sun isa waliin wal arguuf yeroo ani bayee ittii siqaa tureedha, garuu kana caalaa akkan dhihaadhu abdiin qaba ture."

👉 Fulbaana 9(Phaagume 4), 2025 — Haangaarii fi Poorchugaal waliin taphatu.

Boru waggaa 16 booda Doominik Soobozilaay dursaa garee biyyaalessaa Haangaarii ta'uun dirree ni seena taphataa (idol) isaa kan ta'eefi Kaapteenii Poorchugaal Kiristiyaanoo Roonaaldoo waliin wal arguuf jira. 🤯

Doominik Soobozilaay Kiristiyaanoo waliin wal arguu ilaalchisee: "Ani ofumaan argeera. Eyyee waggaa 16 dura, Sirriitti nan yaadadha, Miira sana ammallee nan yaadadha." Jedheera ittii dabaluunis

Taphattoota gurguddoo waliin taphadheera, garuu isa waliin taphadhee hin beeku. Kiristiyaanoo Roonaaldoo ijoollummaa kootii kaasee taphata fakkenya kootiti. Amma morkattoota taana, tapha kanas tapha hin dagatamne akka taasisu abdiin qaba." Jedheera waaw seena ajaiibati.

Addunyaa kubbaa miilaa keessatti seenaa nama hawwatu akkanaatu jira. 👍

01/09/2025

Jijjiirraan Har'a maraatee jira❤

✅️Alexander Isak ▶️ Liverpool
✅️Marc Guehi ▶️ Liverpool
✅️Nicolas Jackson ▶️ Bayern Munich*
✅️Gianluigi Donnarumma ▶️ Man City*
✅️Benjamin Pavard ▶️ Marseille
✅️Randal Kolo Muani ▶️ Tottenham
✅️Manuel Akanji ▶️ Inter Milan
✅️Ederson ▶️ Fenerbahçe
✅️Jadon Sancho ▶️ Aston Villa
✅️Harvey Elliot ▶️ Aston Villa
✅️Tyrique George▶️ Fulham
✅️Yoane Wissa ▶️ Newcastle
✅️Antony ▶️ Real Betis
✅️Bryan Brobbey ▶️ Sunderland
✅️Facundo Buonanotte ▶️ Chelsea
✅️Alexis Sanchez ▶️ Sevilla
✅️Victor Lindelof ▶️ Aston Villa
✅️Senne Lammens ▶️ Manchester United

Qilleensa irratti nu eegaa❤

31/08/2025

Oduu jijjiirraa Haarawa Sambata Galgalaa jijjiirraan xumuramuuf guyyaa 2 qofaatu hafe
👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
🖊 Liverpool Marc Guéhi fudhachuuf £40M, dhiyeesse £36M fi dabalata £4M waliin..Paalas gaafi kana ni fudhata jedhamee eegama.
(Maddi: Football Insider)

🖊 Vermeeren RB leipzig irraa ergisaan gara Marseille imaluuf waliigale 𝗛𝗘𝗥𝗘 𝗪𝗘 𝗚𝗢 ✅
(Maddi: Fabrizio Romano)

🖊📝 𝗗𝗘𝗔𝗟 𝗗𝗢𝗡𝗘: Chelsiin waliigaltee waggaa 7 Alejandro Garnacho Manchester United irraa mallatteesise...gatiin jijjiirraa £40M (maddi: Chelsea Football Club)

🖊✅Cheelsiin ergisaan Fakundoo Bonunaatee fudhachuuf walugalteera gaheera. Cheelsiin taphataa kana gara fuunduratti dhaabbiin akka fudhatan abdii qabu.

🖊✅Maanchister Yunaayitidfi Naapooliin dhimma Raasmuus Hooyulaand iratti waliigalteerra gahaniiru.

Naapooliin kaffaltii kaffaluun ergisaan Hooyulaand kan fudhatu yoo ta'u, bara dorgommii dhufu Shaampiyoons Liigiif yoo darban taphataa kana yuroo miliyoona 44in dirqama bituu qabu.

🖊Koodiy Gaakpoon kontiraata isaa Livarpuul keessa waggoota dabalataaf isa tursiisu mallatteesse.

🖊Erga Liam De lap miidhame booda Qorannoo fayyaaf gara Munik kan imalaa Ture Jackson chelsiin akka gara london deebi'uu ajaje..

🖊Dubatti hin deebinu, xiyyaarichis hin deebi'u,'' jechuun bakka bu'aan Niikoolaas Jaaksan daqiiqaa muraasa dura miidiyaa hawaasaa irratti dubbateera.
Cheelsiin taphaticha gara Landanitti akka deebi'u 👀 akka itti hime gabaafame

🖊 Arsenal Brentford irraa Yoane Wissa fudhachuuf yaalaa jira.(Maddi: Football Insider)

🖊Manchester United Ruben Amorim hojii irraa gaggeessuu hin barbaadi.maddi (David Ornstein).

🖊Liivarpuul taphataa sarara fuulduraa Niwukaastil Siwiidin Aleeksaandar Isaak ganna 25 fudhachuuf £miiliyoona 130 fooyya'aa ta'e ni dhiheessa jedhamee eegama, dabalataa fi bonasii waliin rikoordii jijjiirraa Biriteen cabsuuf jira. (Telegiraafii ).

🖊Brentford taphataa sarara fuulduraa Jarmanii ganna 22 Maximilian Beier kan Boorushiyaa Dortmund irraa fud

Photos from Goal Afaan oromoo's post 29/08/2025

Kuno akkanatti ramaddiin Awuroppaa Shaampiyoonsi liigii ifomeera.

Want your business to be the top-listed Gym/sports Facility in Dire Dawa?

Click here to claim your Sponsored Listing.

Location

Website

Address


Dire Dawa
Dire Dawa