27/08/2022
?
waraqaa ragaa akka haqamu taasisuu danda'an:-
,Lafa nama dhuunfaa irratti waraqaa ragaa biroof seeraa ala yoo kenname;
,namoota humna dhabeeyyii ta'uu isaaniitiin Lafa isaanii irratti waraqaa ragaa seeraan ala nama biroof yoo kenname;
,dubaroota mirgi itti fayyadamummaa isaanii seeraan ala yoo nama biroof dabarfamee kenname;
,daa'imman abbaa fi haadha hin qabne mirgi itti fayyadamummaa isaanii seeraan ala yoo nama birootti dabarfamee kenname;
,waraqaan ragaa Lafa waliinii irratti seeraan ala nama dhuunfaaf yoo kenname;
,Lafa mootummaatiif daangeeffamee jiru irratti nama dhuunfaaf seeraan ala waraqaan ragaa yoo kenname;
,abbaan qabiyyee seeraan ala ta'e jedhee nama mirga itti fayyadamaa hin qabneef Lafa isaa dabarsee waraqaan ragaa itti kennamee yoo argame;
,lafa qonnaa bal'inni isaa seeraan murtaa'e gadi ta'e irratti waraqaan ragaa yoo kenname;
,lafa qabiyyee dhuunfaa yookaan waliinii misoomsuun yookaan gurgurtaa oomisha qabeenya dhaabbataatiin Lafa dabarfamee waraqaan ragaa abbaa mirga itti fayyadamaa kennamee yoo argame;
,to'annoo fi hordoffiin Waajjiraan/Biiroon taasifamuun waraqaan ragaa seeraan ala kan kenname ta'uusaa yoo irra gahame;
,waraqaan ragaa sadarkaa 1ffaa yookiin 2ffaa erga kenname booda babal'ifachuun waraqaan ragaa kan biroo seeraan ala yoo kenname;
,lafa master pilaanii Magaalaa keessa oole walharkaa fuudhinsi hin gaggeeffamne irratti waraqaan ragaa seeraan ala yoo kenname;
,lafa tajaajila hawaasummaa kan akka Lafa amantaa,awwaalchaa,gabaa fi kan kana fakkaatan irratti waraqaan ragaa seeraan ala nama dhuunfaaf yoo kenname;
,lafa kuufama Bishaanii fi Haroowwanii keessa galamee waraqaan ragaa seeraan ala irratti kenname;
,lafa misooma investimentiif oole yookaan akka oolu murtaa'e irratti waraqaan ragaa seeraa ala nama dhuunfaaf yoo kenname;fi
,miseensa maatii Lafa mirga itti fayyadama waliinii qaban keessaa miseensa maatii murtaa'e qofaatti waraqaan ragaa seeraan ala yoo kenname ni haqama.
:
✅Abbaan qabiyyee lafaa qabiyyee isa jala jiru irratti namni biroo waraqaa ragaa qabiyyee lafa baadiyyaa yoo jalaa itti baafatee,guyyaa dhimmicha baree kaasee yeroo ji'a jaha(6) keessatti iyyata isaa Biiroo/Waajjiraatti yoo hin dhiheeffanne darbiinsa yerootiin waan daangeeffamuuf kufaa ta'a.
godhu hin dagatinaa
Credit :-M/teyib Nure
⚫🔴⚪⚫
21/07/2022
21/07/2022
13/07/2022