31/07/2026
Cassemiro'n waa'ee messi irratti
š£ļø" Leonel messi'n gooftaa kubbaa miillaati,eenyuyyuu yoo ta'e isaa gaditti malee isaan qixa madaalamuu hin danda'u"jechuun dubbateera!!
Har'as kunoo irraa barachuu itti fufeera
The One and only GOAT š
31/07/2026
Bruno to Galatasaray??
ā” Man united Bruno dabarsee gurguruuf gatii ā¬42M qofa barbaada!
Galatasaray taphataa sarara gidduu lammii Portugal kana mallattessisuu kan barbaadu yoo ta'u,gatii united gaafata kana kaffaluuf fedha hin qaban!!
ā” Akkasuma kaffaltiin miindaa Bruno'n akka waliigalteen kun hin milkoofneef sababa guddaa ni ta'a!!
Bruno'n bara dhufu united tura moo gara kilaba biraa deema??
31/07/2026
Breakingš±
ā” Real Madrid har'a vinicies junior'iin " yoo barbaadde koontiraata kee dheeressi yoo barbaadde immoo dhiisi" jechuun ija jabinaan itti dubbataniiru!.... jechuun marca'n gabaaseera!!
Akka gabaasa kanaatti,dorgommii bara dhufuutiif vinicies kilabichaaf akka taphataa murteessaatti hin ilaalamu!!
ā” Kilabichi (Madrid) taphattoota murteessoo jedhee baafate keessa vinicies akka hin jirre gabaaseera!!
ā” Kanumaanis vinicies yoo kan gurguramu ta'e,gatii cimaa akka hin taane gabaasaaleen gara Spain dubbataa jiru!!
Odeeffannon biroof Oduu spoortii follow gochuun nu hordofaaš
31/03/2026
Jireenya biyya lafaa kana irratti dandeettii kee fi dhamaatii kee caalaa,yeroo fi bakki dhaloota kee murteessaadha!!
Dandeettiin keetiif dhamaatiin kee bakka hawwii keetiin si gahuuf yaalii ni taasisa, ta'us ati milkaa'ina kee isa dhumaarra gahuuf CARRAA wanti jedhamus si duukaa jiraachuu qaba!!
CARRAA'n kun immoo bakka dhaloota keetiifi yeroo dhaloota keetii akka gaariitti siif murteessa!!
Akkuma "abbaa gaarii dhalachuurra,carraa gaarii dhalachuu wayya" jedhamu....jireenya biyya lafaa kana irratti carraa'n jireenya kee guutummaa guutuutti ni jijjjiira!!
Kana wanti'n kaaseef waa'ee Rodri kana ilaaleeenu!!
Rodri'n taphataa sarara gidduu cimaa fi dandeettii qabu ta'uu ni beekna!!
Akkasuma yeroo gaarii gara kubbaa miillaatti dhufee gahumsa gaarii agarsiisuunsaa akka milkaa'inni isaa firii gaarii godhatu isa gochuun milkaa'ina isa dhumaa kan jedhamu injifataa ballon d'or isa taasiseera!!
Haa ta'uyyuu malee taphattoonni seenaa kubbaa miillaa keessatti jijjiirama fidan,akkasuma kubbaan miillaa haala kanaan kunuunfamtee akka dhaloota ammaa kana bira geessuuf taphattoonni gahee olaanaa taphataa turan, milkaa'ina Rodri'n argate kana argachuun jaraaf malu ture kanneen akka andres iniesta,sargio busqet,toni krooss, Patrick viera,..fi kkf utuu hin argatin hafan!
Kunimmoo dandeettiin jaraa injifannoo ballon d'or iif gahaa ta'uu baatee osoo hin taane,namoota lama addunyaa kubbaa miillaa dhuunfatanii turaniin dhidhimfamaniiti!!...innis jaarraa Ronald fi Messi keessa dhalachuu jaraati!!
Messi fi Ronaldo'n waggoottan 16'f addunyaa kubbaa miillaa dhuunfachuun kan jaraa qofa godhatanii turani!!...yeroo sanatti eenyuyyuu osoo jiraatee homaa gochuu hin danda'u!!
Ammatti dhaloonni sirna gita bittaa Ronaldo fi Messi jalaa waan baheef, mirga ofii ofiin murteeffachuuf carraa argatee jira!!....
Kan isiniif qopheesse an ...... Kabiru ..... Add ergachuun maatii haa taanuš„°š„°