04/08/2026
Federeeshinii Atileetiksii Bul/Magaalaa Shaggar
Ab
04/08/2026
02/08/2026
02/08/2026
Atileetotni Shaggar Dorgommii Ameerikaaf Filataman.
Kilabiin magaalaa Shaggar erga hundaa'ee yeroo garagaraatti atileetota biyya bakka bu'uu dandaa'an leenjisuun dorgomsiisaa jira. Haaluma kannan, dorgommii dargaggoota umurii 20 gadii biyya Ameerikaatti gaggeeffamu irratti kilabiin Atileetiksii magaalaa Shaggar fiigicha M800'n Atileeti Yaroosan Girmaafi fiigicha M5000 Atileet Imabeet Ijiguu filachise jira.
01/08/2026
01/08/2026
SHAGGAR BURQAA ATILEETOOTATII
01/08/2026
Guddattoota Ispoortii Magaalaa Shaggariif Deggersi Taasifame.
Waajjirri dargaggoo ispoortii magaalaa Shaggar, Magaalaan Shaggar burqaa gosoota ispoortii hundaa akka taatuuf guddattoota irratti xiyyeeffannoon hojjetamaa jira.
Sagantaan leenjii guddattootaa magaalaa Shaggar ganna kana leenjii walirraa hin cinne, ogeessota sadarkaa isaanii eeggatanii, gosoota ispoortii garagaraan kennamuu bira darbee deggersi meeshaalee ispoortiifi hidhannoo qaamolee garagaraan taasifamaa jira.
Haaluma kanaan, guyyaa har'aa abbaan qabeenyaafi deggeraan ispoortii Obbo Tamasgeen Namee sagantaa leenjii guddattootaa magaalaa Shaggar kutaalee magaalaa 10 irraa guddattoota 350fi leenjistoota 20 meeshaalee hidhannoo arjoomuunii jiru.
Ispoortiin deggersa mootummaa qofa osoo hin taame, qaamolee hawaasaa hundan kan hirmaachise ta'uu akka qabu dhaamaa waajjirri keenya Obbo Tamasgeen Nameen Galatoomaa Jedha.
22/07/2026
Waajjirri Dargaggoofi Ispoortii Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Gamaaggama Raawwii Hojii Bara 2018 fi Kallattii Karoora Hojii Bara 2019 Geggeessaa Jira
Click here to claim your Sponsored Listing.
Location
Category
Website
Address
Sebeta