20/06/2025
Dubartiin tun Sagantaa Gaafii fi deebii namoota gara garaa hirmaachisu "BBC Question Time" jedhu irratti dhimma daa'imman Gaazaa fi Daa'imaan Israa'el haleellaa Iraaniin yeroo amma miidhamaa jiran irratti waan nama gammachiisaa dubbatte. Sagantaa kun yeroo mara torbaan torbaaniin dhimma haala yeroo irratti "BBC Question Time" kan darbu yommuu tahu, namoonni sagantaa gaafii fi deebii kana irratti hirmaatan hedduun lola Iraanii fi Israa'el jiddutti taasifamaa jiruun "Daa'imman israa'el lolan miidhamuu hin qaban" jechuun yaada namoota heddurraa kaafame irratti "Lubbuun ijoollee Israa'eliif onneen teeysan ni dhukkubsatti, ni boochi, kan ijoollee Gaazaa dhumaa jiranii maaliif isiin hin boochifne? Maali garaagarummaan jaraa?" Jechuun miira namummaan Onneerra dubbachuun waltajjii marii too'atte.🙏
Namni namummaa qabu bakka hunda numa jira jechuumaafi!❤️
23/03/2025
23/03/2025
04/03/2025
03/03/2025