Great Oromia

Great Oromia

Share

This my official page

05/05/2026

Siidaan Artiisti Haacaaluu Hundeessaa magaalaa Finfinnee Paarkii Afrikaa keessatti ijaarame eebbifame.

11/04/2026

Siluma rabbiin dadhabina isaanii ilaalee akkas godhe!
Hojiin rabbii Akkana laal Adunyaa tanarratti miidhaa osoo hin taane miidhamaa ta'uun gaariidha maaliif yoo jette miidhama kee san inni beeku lafatti sin dhiisu!

06/04/2026

Namoonni Milkaa'on Amaloota Kanneen Qabu.
*******************************************
1. Ganamaan ka'an!
2. Rabbis mataa isaanitis ni galateeffatan!
3. Waan barbaadan sammuutti yaadan!
4. Waan yaadan gara gochaatti jijjiiran!
5. Gareen hojjatan!
6. Obsa qaban.
7. Kaayyoo isaanii galmaan ga'uuf wareegama kafalan.
Qabxiiwwan kanneen yoo hojirra oolchite, gargaarsafii hayyama Rabbiitin waan yaadde galmaan geessa. Jabaadhu abdii hin murin! Ni injifatta!
Ulfaadhaa! Fayyaa dahaa!
Save Oromia

05/04/2026

Nama Dubbise Hunda ni Fayyada Naaf dubbisaa
Qarshii qabaachuuf hojjachuun dirqama, hojjachuuf ammoo dandeettiif
tooftaan barbachisaadha
'Business' tokko hojjachuuf tooftaalee 11 kanneen yaadadhu mee.........
1 iccitii itti namaa waliin hojjettu male icciti hojii keetii gonkumaa namaaf hin himin
2 waan sii harka hin geenye abdattee hin gammaddin, yoo dhabdee ni
miidhamta
3 hojii gosa tokko qofa hojjechuun bakka yaadde hin geessu, waan
dandeessu hundaa hojjedhuu
4. waan xiqqoo hojjatteen mul'achuuf hin ariifatin, hojiin kee iyyu sii
mul'isaati
5 amma dura hojiin kee yoo siif hin milkoofne san yaaddee of hin jeeqin
sababa kufaatii keetii san irraa baradhu male
6 yoo dandeesse Nama gargaari malee maallaqa liqeessuu hin
heddummeesin, maallaqa kees dhabdee nama sanas dhabdaati 7 waan
hojjattu hunda irratti nama fakkeenya godhattu qabaadhu, akka isaa/
ishee ta'uuf osoo hin taanee isaa/ishee caaluuf hojjadhu
8 waan guddaa bor hojjattu ilaaltee xiqqoo har'aa hin tuffatin ykn hin
balleesin maaliif seete,xiqqoon kun guddaa san bira gahuuf riqicha
cehumsaati
9 waan hojjechuuf yaddee dursitee hin odeesin namni qabeenyaan sii
caalu sumaa irra dhagahee sii dursuu danda'aati
10. yoo dandeesee abbaa oggumma waan tokkoo ta'uuf yaali, maaliif
seete?,oggummaan akka qarshii Argattee kaatee hin dhabdu
11 kayyoon kee yoo galma siif gahee of qofaaf hin jiraatiin lammii keetiif
waan gochuu dandeessu hunda godhii maaliif seete ?
dandeettii osoo qabuu kan carra dhabetu jira, karaa itti argisiisi
mallaqa osoo qabuu kan nama (Hiryaa) dhabetu jiraa, amanamiif
waan hunda hojjechuu osoo danda'uu kan roorroon itti heddummaatetu
jira Waan taheef siif jira jedhii aantummaa kee mul'isiif
....

Photos from Great Oromia's post 03/04/2026

Erdohaan fi Puutii warannii baha Giddugaleessaa hatattamaan akka dhaabbatu gaafatan
*********
Pirezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin fi gitni isaanii Türkiye Recep Tayyip Erdoğan Jimaata har'aa bilbilaan mari'achuun waraanni Baha Giddu Galeessaa hatattamaan akka dhaabbatu gaafachuu isaanii ibsa Keremlin baaseen beeksiseera.Ibsichi "hoggantoonni kunneen barbaachisummaa dhukaasa hatattamaa dhaabuu fi waliigalteewwan nagaa naannolee naannichaa waraanaa keessa jiran hunda tilmaama keessa galchu qopheessuuf akka hojjetan irratti waliigaltee isaanii mirkaneessaniiru" jedha.

“Tarkaanfiin waraanaa cimaan naannoo qofa osoo hin taane akka addunyaatti, gama anniisaa, daldalaa fi loojistikii dabalatee bu’aa badaa hamaa akka fidaa jiru hubatameera,” jechuun Kremlin dabalee ibseera.

Ibsichi itti dabaluudhaan, "Haalli waraanaa cimaan kun bu'aa hamaa hamaa akka baha giddu galeessa qofatti utuu hin taane akka addunyaatti akka fidu ibsedera.

Kunis, sadarkaa addunyaatti, keessumaa damee anniisaa, daldalaa fi dhiyeessii irratti balaa hammaataa kan qaqqabsiisu ta'uu ibsichi cimsee akeekkachisera jechuun BBCtu gabaase.

28/03/2026

Kan Suuraa Irratti agartan kun qe'ee Abdii Qophee Magaalaa Dadari. Ani jalqaba gaafaan suuraa kana arku istaadiyeemii Artificial intelligencen hojjatame seheen amanuu dadhabe. Garuu dhugaan jirtu Bulchiinsa Magaalaa Dadartu bakka oolmaa Ispoortii Artafishaalin haala kanaan hojjettamee Gareewwan akka itti shaakalan gochuun sochiin Ispoortii akka cimuu danda'uu fi Dargaggeessi bakka oolu argatee araadaafii suusii garagaraatiif akka hin saaxilamne gochuuf haala kanaan bifa qulqullina qabuun hojjettamee jira.

Istaadiyeemiin kun Gaararraa Magaalaa Dadaritti kan argamuu fi teeysuma lafa Magaalaa Dadar irraa 27% kan qooddatu gaara Obbiiti argama. Akkuma suuraa irratti mul'atu hawwattummaan Stadium kanaa bosonicha kessatti tahuun bay'ee dabale. Kun hojii jajjabeeffamuu qabuudha. Kantiibaa Magaalaa Dadar Obbo Salahaden Yusuf Ali fi Waajjirri Dargaggoo fi Ispoortii Magaalaa Dadar dabalatee qaamni hojii kana keeysatti shoora qabdan hundi galata qabdan. Kun hojii muuxannoo qabuufi iddoo hundatti qoodamuu qabuudha. Qaama hojii gaarii akkanaa hojjatuun Galatoomaa jechuutu nurraa eeggama!❤️

Jajjabeeysaa!

Photos from Great Oromia's post 27/03/2026

Balaan abbasa haa sobubo😌

24/03/2026
21/03/2026

arra meeshaan iraan fageenya kana dura hin baramin dhaqqabe. kuni ammoo yaaddoo dabalataa uume. iddoo qubsuma waraana ameerikaati jettu yoo ciqqaate 4000+km taherratti tarkaanfii akka fudhatte miidiyaaleen gabaasan. hanga guyyaa arraa oduun kun dhagahamutti addunyaan Misaa’iloonni iraan fageenya dheeraa deema jedhamuun beekan 2500km - 3000km qofa furgugeeffamuu dandaha ture. tahullee garuu guyyaa arraa fageenya kilomeetira kuma afurii ol deemee tarkaanfii fudhatuun warra iraanirratti lola baneef yaaddoo dabalataa uumee jira jechuun miidiyaaleen gabaasaa jirti. Kana qofa miti iraan guyyaa tokko dura jettii lolaa ameerikaa kan F-35 yookaan invisible(jettii lolaa hin muldhanne) jedhamuun beekamu, waggoota 20 keessaa yeroo jalqabaatif iraan taargeta keessa galfatuun waxaltee buufte. ameerikaanis jettiin kun qilleensarraa bu’uu amatee jirti. tahullee garuu iraantu rukute miti miidhamee osoo hin caccaphin qubate, paayleetiinis akka hin miidhamin mirkaneessanillee iran akkaataa jettii lolaa kana itti rukutte sa’aa meeqarratti, iddoo kamitti akka taargeta keessa galfattee rukutte waraabdee viidiyoo maxxansiteen addunyaa Afaan qabachiifte.

hubadhaa jettiin lolaa F-35 jedhamu kun jettii ameerikaan qofti qabduudha. wanti adda isa godhu, raadaarri tasuma arguu akka hin dandeenyetti hojjatame. Projektiin jettii kanaa yeroo hojjatamu doolaara tiriliyoona takkaa oliin akka hojjatame oduun keessoo baate mirkaneessiti. Gatiin jettii kanaa tokkichi doolaara miliyoona 110M akka tahetti odeeffama. namni jetticha kana balaliisu leenjii qofa waggoota hedduu kan fudhatu tahuu fi gatiin ittiin leejicha xumuratu yoo xiqqaate doolaara miliyoona 10-15 taha jedhan. walumaagalatti jettiin kun waggoota shantamman dhufaniif raadaarri tokkoyyuu argatee taargeta keessa akka galfatuu hin dandahamnetti gaaraatiin kennamee fi warri Projektii jettichaa kuna eegale waada seene. Jettichi erga tajaajila eegalee waggoota 20 gaheera. Waggoota diigdama keessaa iraantu yeroo jalqabaatif taargeta keessa galfatee meeshaa doolaara kuma digdamaatin waxalee qilleensarraa buuse. kana qofa osoo hin tahin iraan jettiiwwan ameerikaa bebeekamoo tahan erga lolli kun eegale hanga ammaatti shan qilleensarraa buuftee jirti. isaanis KC-135 tokko, MQ-9 tokko, F-15s sadii fi kan kaleessa buufte F-35 waliin jaha buusuu ishiiti. akka jedhamaa jirutti kana booda gaashe Traamp meeshaan inni akka fedhetti iraanin seenee osoo raadaarri iraan hin agarre sa’aa fedhetti bahu tokkolleen hin hafne kanuma raadaarri iraan arguu dandahu qofa qabdi jechuun miidiyaaleen gabaasaa jiran. isin maal jettan?

21/03/2026

Sodaa meeshaa niwuukilaraa addunyaan Kun qabdii?Eeyyee qabdi! Meeshaa waraanaa kana yoo maal tahe fayyadamuu dandahu? Kunoo sababnisaa

Seenaa keessatti hamma ammaatti yeroo tokko qofa (Waraana Addunyaa 2ffaa irratti) meeshaan kun hojiirra ooleera. Haa ta'u malee, waraannii niwukilaraa sababoota armaan gadiif ka'uu dandaha jedhamee yaadama.
1. Dogoggora Tilmaamaa (Miscalculation)
Yeroo baay’ee waraanni kan jalqabu itti yaadamee utuu hin taane, tarkaanfii wal-mormitoota gidduu jiruun dha.
Dogoggora Teeknikaa: Kompiutarri ykn raadaarri "misayilli natti dhufaa jira" jedhee yoo dogoggoraan gabaase, biyyi sun deebii kennuuf jettee meeshaa niwukilaaraa dhukaasti.

2. Babal’achuu Waraana Idilee
Waraanni meeshaa waraanaa idileetiin (taankii, xiyyaara, loltuu) jalqabame tokko gara niwukilaaraatti cehuu danda’a.
Biyyi tokko waraana idileetiin mo'amaa yoo dhufte fi "jiraachuun koo balaarra jira" jettee yoo amante, akka carraa dhumaatti meeshaa niwukilaaraa fayyadamuu dandeessi.
Kun baay'ee kan sodaatamu yoo biyyoonni niwukilaara qaban lama kallattiin wal waraanan dha.
3. Tarkaanfii Of-ittisuu (Preemptive Strike)
Biyyi tokko "diinni koo amma niwukilaaraan na rukutuufi" jettee yoo amante, isheen dura rukkutee meeshaa diinaa balleessuuf yaaluu dandeessi. Kunis "yoo jalqaba hin rukutne, ani nan barbada'a" jedhanii sodaachuu irraa kan ka'u dha.
4. Shororkeessummaa fi Gocha Qaama Sadaffaa
Garee shororkeessitootaa meeshaa kana harkaan gahuu ykn odeeffannoo sobaa facaasuun biyyoonni gurguddoon akka wal-shakkan gochuu danda'u.
Cyber Attack: Weerarri naga-hawaasaa (hacking) sirna ajaja meeshaa niwukilaaraa irratti yoo raawwatame balaa guddaa uumuu danda'a.
5. Walitti Bu'iinsa Naannoo
Naannolee akka Indiyaa fi Paakistaan, ykn Kooriyaa Kaabaa fi Ameerikaa gidduutti sababa daangaa ykn siyaasaatiin walitti bu'iinsi uumamu salphaatti gara waraana niwukilaaraatti jijjiiramuu danda'a.
🤔Qoy kana jechuun Maal Jechuu Dha?
Waraanni niwukilaaraa yoo jalqabe "mo'ataas mo'amaas" hin qabu.

Rakkoodha

Want your business to be the top-listed Gym/sports Facility in Thika?

Click here to claim your Sponsored Listing.

Location

Address


Ethiopia
Thika
1000