ANOLE Sports Club

ANOLE Sports Club

Share

Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from ANOLE Sports Club, Sports, Doha.

10/11/2024

Ashamaa akkam jirtu jaalattoota ispoortii fi hawaasa qatar doha

Akkuma kanaan dura baratame guyyaa Ethiopia biyya Qatar sababeefachuun waggaa waggaan dorgommiin ispoortii fi sagantaalee gara garaa qophaayaa turuun isaa beekkama baranas marsaa torbaffaaf qophiin eegaluu isaa qindeessitoonni sagantichaa beeksisan guyyaan galmee dorgomtoota garee gaafa guyyaa 10/11/2024 irraa eegalee hanga 14/11/2024 embassy Ethiopia deemuudhaan akka galmooftan isin yaadachiisna

Photos from ANOLE Sports Club 's post 12/03/2024

Ethiopia community irraa woraqaa beekkamtii Dura bu’oota Anoletiif kan kenname

03/03/2024

Xumuraa dorgommii kubbaa miilaa community ethiopia 🇪🇹 biyya Qatar 🇶🇦 gareen kubbaa miilaa sable abbaa geebaa ta’uu danda’ee jira

Akkasumas taphataan urjiin garee kubbaa miilaa Anole Özil Shashe Taphataa goolii hedduu lakkoofsise jedhamuun badhaasa argatee jira

13/02/2024

Anole haa deemnuu

Tapha guyyaa kamisa galgala sa’aa 8:00 irratti Sablee wojjiin geebaaf darbuuf taphannu qophii xumuruu isaa Dura bu’aan garichaa obbo Muhammad dayye beeksise obbo Muhammad akka jedhanitti taphani kun hedduu murteessaadha nuti kan dirree seennuuf dirqama nurra jiru bahuudhaaf mooyachuu fi mooyatamuun waan biraati jedhan itti dabaluudhaanis hoogganaan wolii galaa garee kubbaa miilaa Anole obbo xaha jemal garichi kubbaa caalaa naamusa akka eeggatu dhaamanii jiru

Anole haa deemnuu⛓️⛓️

03/02/2024

🚀 ANOLE

02/02/2024

Anole congratulations ammas haa deemnuu

Anole tapha har’aa taphateen goolii 3 fi 1 finfinnee mooyachuun 4 keessa seenee jira akkasumas ozil goolii lama galchuun taphataa urjii tapichaa ta’uunis filatame Anole ammas hojii gudda nu eeggata haa deemnu

02/02/2024

Good Afternoon Anole
Haa deemnuu deemsa dhaabbii hin qabne💉

31/01/2024

Ammas morkiin xumura hin godhanne

Taphni dorgommii kubbaa miilaa Community Ethiopia 🇪🇹 biyya qatar 🇶🇦 guyyaa Ethiopia sababa gochuun waggaa waaggaan qopheessitu garee hedduu manatti dachaasee garee hedduu falmiif qopheessee jira

Urga eegalee ji’oota 2 jala gahee jira Gareelee 16 keessaa 8 dorgommiin ala ta’uun 8 immoo 4 keessa seenuuf falmataa jiru
kanumaan wal qabatee akkuma gabatee armaan gadii irratti argaa jirtan guyya jimaata galgala sa’aa 4:30 irraa eegalee Ifa borun sable wojjiin ni morkata ammas Anole sa’aa 6:30 finfinnee wojjiin ni morkata

taphni hawwii guddaan eeggama jiru Gada fi silxe torbaan itti Aanu ni taphatama akkasumas gareen yeroo ammaa gahumsa cimaa irra jiru kan tapha tokko irratti goolii 8 galchuu danda’e Sof umar Torbaan itti Aanu Absiniyaa wojjiin ni morkata

16/01/2024

Shaakala idilee

13/01/2024

Ispoortiin lola jaalalaati

Arrabsoo sanyii
Gosummaa
Ola’aantumma sabaa keessatti garsiisuu
Abbaa seeraa reebuu wontoonni kunniin farra ispoortiiti

Tapha guyyaa kaleessa silxee fi urjii jiddutti taphatame irratti taatee hedduu nama qaanessuu raawwatame gareen kubbaa miilaa urjii dogongora guddaa nama qaanessu hojjachuun isaanii deeggartoota hedduu dallansiise akka garettis akka sabaattis waan hedduu nama saalfachiisu ta’ee mul’ate ISPOORTIIN WORAANA JAALALAATI

11/01/2024

Dorgommiin kubbaa miilaa Ethiopia biyya Qatar urga eegalee torbee hedduu lakkoofsisee jira

kilaboonni hedduun hin darbina mo hin kufna laata yaada jedhuun hedduu dhiphachaa jiru ramaddii 16 irraa gara ramaddii 8 darbuuf kalaboonni muraasni har’aa fi boru morkii cimaa taasisuu ramaddii B keessa gara 8 darbuu isaa kan mirkaneeffate gareen Anolee ammas 4 keessa seenuuf cimee hojjachaa jiraachuu isaa ibse

saddeet keessa seenuu isaanii kan mirkaneeffatan keessaa group B irraa Anole fi Ifa boruu yoo ta’u Group D keessa Gada dha Gareeleen Group A fi C keessa jiran Ammoo saddeet keessa seenuun qormaata guddaa itti ta’ee jira keessattuu gareen qundoomina yeroo dheeraa qabu fi kan taphattoonni ciccimoon keessatti argaman gareen kubbaa miilaa silxee tapha lama taphate keessa qabxii 3 qofa argachuun isaanii yaaddoo keessa isaan galchee jira gareen kubbaa miilaa siltee tapha itti aanu Garee kubbaa miilaa Urjii wojjiin taphatu yoo qixa bahe kufuu isaa mirkaneeffata akkasumas tapha kana irratti gareen kubba miilaa urjii qabxii 4 kan qabu yoo ta’u carraa 2 qabatee dirree kan seenu ta’aa

carraa tokkoffaa mooyachuu yoo ta’u carraan lamaffaan qixa bahuudha Urjiin carraa 2 keessaa tokkottti yoo fayyadamte 8 keessa seenuu ishee mirkaneeffata ammas Garop A keessa qabxii wal qixa sadi sadi kan qabu sable baha biftu finfine sport le salam hundi isaanii saddeet keessa seenuuf morkii cimaa taasisaa jiru

gareen moyamuudhaan dorgommmiin ala ta’uu isaa mirkaneeffate sikko mando fi sodaredha

me tilmaama keessan eenyutu geebaaf dhihaata jettan?

Want your business to be the top-listed Gym/sports Facility in Doha?

Click here to claim your Sponsored Listing.

Location

Category

Website

Address


Doha