Horn of Africa
Oromia media network
Gurbaan kun dhalootaan Godina Booranaa ture. Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Kibbaa Cibraa Soddom Booroo balleessa jedhee, Liiban keessa Gandootaa hedduu irra naanna'aa ture. Ganda Boobaa irraa Intala takka fudhatee Mishigii Ganda Simmintoottiin galate. Amma Duula Impaayera Xoophiyaa milkeessuuf WBO Zoonii Kibbaa Cibraa Soddom Boorootti duulee biyyeetti makamuun Addunyaa irraa godaane.
14/01/2022
01/01/2022
Breaking!
Waraanni Eritrea 🇪🇷 Ethiopia keessatti lola kaabaa irratti hirmaachaa jiru guyyaa keessa Injifannoo arganne jachuun caffaraa ture. Galgala kana waraana Tigraay rukutameera jadha odeessi amma dhufe!
Baddaa Jaarsoo Yaa laga gibee wal .......maaltu nu dhibe 🙂
01/01/2022
Baga wagga haaraa 2022 geessan!
Kabajamtoota hiriyootaaf hordoftootakoo qaalii baga bara 2021 nagaan xumurtanii gara 2022 nagaan dabartan. Bara 2021 darbe keessa jaalala, kabajaafi jajjabina isiniif anaaf kennitan mogolee Kiyya na jabeesse!
30/12/2021
Aanga'oonni mootummaa ajjeechaa abbootii Gadaa Karrayyuurratti 'wal saaxilan'
Deetaa Ministiraa Ministeera Nagaa Itoophiyaa fi miseensi caffee Oromiyaa Obbo Taayyee Danda'aa fi miseensi Paarlaamaa Itoophiyaa kabajamoo Angaasaa Ibraahiim ajjeechaan abbootii Gadaa Karrayyuu irratti raawwatame garee hooggansa mootummaa naannoo Oromiyaa keessa jiruun ta'uu himan.
Hooggansa Federaalaatti dhufuun dura qondaala olaanaa dhaaba Badhaadhinaa naannoo Oromiyaa kan turan Obbo Taayyee danda'aa, tibba kana miidiyaa hawaasaa isaanii gubbaatti hooggansa naannoo Oromiyaa keessa caasaan dantaa uummataa faallaa adeemuufi malaammaltummaa dabalatee yakkoota adda addaa hojjetu jiraachuu irra deddeebiin himaa jiru.
Obbo Taayyee Danda'aa maxxansaalee isaanii garee hooggansa naannoo Oromiyaa qeequu fi himatu keessaa kan guyyaa Mudde 26/2021 maxxansan keessatti '' yakka jaraarraa xinnoo himnaan waatu duuba jira'' jedhamuu himan.
''Kan isin shiftaa itti ergitanii ficcisiiftan, kan abbootii Gadaa irraa ajjeeftaniifi kan isin bittaa qawweef jecha qarshii 600,000,000 irraa guurtanii dhowwattan martuu nu duuba jiraa'' jechuun ajjeechaa abbootii Gadaa Karrayyuu duuba hooggansi mootummaa jiraachuu akeekaniiru.
Click here to claim your Sponsored Listing.
Location
Category
Website
Address
Oromia
Riyadh