Kominikeeshinii Waajjira Poolisii Aanaa Madda Walaabuu

Kominikeeshinii Waajjira Poolisii Aanaa Madda Walaabuu

Share

Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Kominikeeshinii Waajjira Poolisii Aanaa Madda Walaabuu, Public swimming pool, Oromiyaa, Oregon City, OR.

Photos from Kominikeeshinii Waajjira Poolisii Aanaa Madda Walaabuu's post 07/02/2026

Tajaajilli poolisii hawaasaa nageenya waaraa fi misooma ariifachiisaa fiduuf murteessadha.
***
Waxabajjii 25/2018; Godina Boorana Bahaa aanaa Madda Walaabuutti Waajjirri Tajaajila Poolisii Hawaasaa gandoota aanichaa hunda keessatti hirmaannaa ummataatiin ijaaraman eebbifamuun tajaajilaaf banaa taasifame.

Hogganaan Waajjira Poolisii aanaa Madda Walaabuu Insp.Geetuu Badhoo yaada kennaniin; Waajjirri Tajaajila Poolisii Hawaasaa gandoota aanichaa 11keessatti hirmaannaa hawaasaatiin qarshii mil.9 oliin ijaaramaa turuun tajaajilaaf banaa kan taasifame ta'uu ibsuun; ummanni aanichaa Ambaasaaddara Nageenyaa ta'uun kutannoo nageenya amansiisaa lafa qabsiisuu fi misooma ariifachiisuuf qaban qabatamatti kan agarsiise jedhan.

Bulchaa aanaa Madda Walaabuu Obbo Abdulkariim Aadam ijaarsi Waajjira Tajaajila Poolisii Hawaasaa sadarkaa gandootatti ijaarame tajaajila itti dhiheenyaa ummatni keenya akka argatuu fi nageenya waaraa daran mirkaneessuu fi itti fufsiisuuf gahee olaanaa qabaachuu dubbatan.

Ajajaa Poolisii Godina Boorana Bahaa Kumandar Indalkaachoo Tafarraa gama isaanitiin ummanni keenya kenna tajaajila si'ataa fi dhaqqabamaa akka argatuuf waajjiraaleen tajaajila poolisii hawaasaa sadarkaa gandootatti ijaaruun murteessaa akka ta'e ibsaniru.

Itti Gaafatamaa Bulchiinsaaf Nageenya Godina Boorana Bahaa Obbo Mallicha Galmaa yoo nageenyi jiraate misoomni jira, yoo nageenyi jiraate guddinni jiraata waan ta'eef hoggansii fi ummanni aanaa Madda Walaabuu gootummaa kaleessa abbootii keessanirraa dhaaltan waan gochaan agarsiiftaniif galatoomaa jedhan.

Dhumaa irratti hojiin kun akka milka'uuf Miseensoota Poolisii fi hawaasa aanichaa caasaa mootummaa aanaa hanga gandaatti hirmaannaa Cimaa taasisaniif sirni beekamtii fi badhaasaa taasifameera.

Photos from Kominikeeshinii Waajjira Poolisii Aanaa Madda Walaabuu's post 06/27/2026

Aanaa Madda walaabuutti haala nageenyaa aanichaa Irratti mariin Gaggeeffame.

Caamsaa 20/2018

Godina Boorana Bahaa aanaa Madda walaabuu Miseensoota Poolisii aanichaa waliin mariin gaggeeffame.

Marii kana irratti haala nageenyaa aanichaafi qoormaata kutaa 6ffaa fi 8ffaa bara 2018 irratti eguumsan wal qabaatte cimiina fi hanqiina jiru irratti Miseensoota Poolisii waliin bali'naan mariyatame jira.

Itti dabaluunis ijaarsa mana TPH gandoota baadiyaa Mal irra akka jiru fi qophii ebbaa isaaf wantoota barbaachisan hundaa guutuu irratti mariyatame jira.

Dhumaaratis ajajaan Poolisii aanaa Madda walaabuu Insp. Geetuu Badhoo namuusa mana hojii namuusa oogummaa iddoo hojii namuusa kenna tajaajila waliigalaa irratti yaada bal'aa kenuun poolisiin keenya hojii isaa bifa namuusa qabun hojeechuu akka qaban dhamani jiru.

Photos from Kominikeeshinii Waajjira Poolisii Aanaa Madda Walaabuu's post 06/04/2026

Ergaa galateeffannaa
Caamsaa 27/208

Ergaa galateeffannaa ajaaja waajjira Poolisii Aanaa Madda Walaabuu Insp/Geetuu Badhoo.

Godina Boorana Bahaa aanaa Madda walaabuutti Adeemsi fillannoo marsaa 7ffaa biyyoolleesaa bara 2018
Buufatale filannoo 34 hundeefaman
Hundaa keessatti bifaa nagaa ,tasgaabi fi Rakkoo nageenya tokko malee milkaa'inan xumuraameera.

Hawaasa bal'aa aanaa Madda walaabuu fi Uummani keenyaa qamoolee nageenyaa cinaa dhabbachuu fi nageenya keessan dhimaa dhunfaa godhaatani Waan egdaanif akkasumas gocha seeran allaa kammiyuu saxiluun Poolisii waliin ta'un gummacha guddaa wan gotaanif galaani keessan guddaadha jedhaniiru.

Sagaanta kana irratti Bulchaa aanaa Madda walaabuu obbo Abdulkariim Aadaam ,Itti gafaatamtu paartii badhadhinaa aanaa Madda walaabuu addee Ganaat Toleeraa fi bakka koree Qindeesittun aanaa hundii argamaanitti sagaantan galateeffaannaa rawwatame Jira.
Sagaanta kana irratti afeeran gara garaa tasifaame Jira.

Kana malees qamooleen nageenyaa hundii utubaa fi gachaana biyyaa keenyaa ta'un warooni nu Deegara turtan Poolisii idilee,milishaa gachaana sirna dargaggoota fi hojeetoota mootummaa sadarka sadarkaan jiran hundaa fi abbooti amaanta abbooti gadaa fi hadhooli sinqee,jarsooli biyyaa hundii keessan kan haftanire aduu fi rooba osoo hin jedhiin arsaa nageenya keessanif nu waliin kafaaltanif galatooma jedhaaniru .

Photos from Kominikeeshinii Waajjira Poolisii Aanaa Madda Walaabuu's post 06/03/2026

mariin Gaggeeffame

Caamsaa 26/2018

Aanaa Madda walaabuutti Koree manaajimentii Waliin Mariin Gaggeeffame.


Godina Boorana Bahaa Waajjira Poolisii Aanaa Madda walaabuutti haala nageenyaa aanaa keenyaa fi sochii dinaa, seelii dinaa hordafanii addaa baasuu maata duree jedhuun Koree manaajimentii waliin mariin gaggeeffame Jira.

Itti dabaluunis Marii kana irratti ijaarsi mana TPH gandoota baadiyaa Mal irra akka jiru gamaaggamani Qindoomina koree fi Miseensoota giduu jiru irrati mariiyatame jira.

Dhumaa irratti hoogana Waajjira Poolisii Aanaa Madda walaabuu Insp.Geetuu Badhoo haala nageenyaa aanaa keenya beekaa deemuu fi nageenya hawaasa keenyaa eeguuf qamoolen nageenyaa aanaa keenyaa seelii dinaa hordafanii adda baasuu, daldala seeran allaa hordofun to'achuu, Ijaarsa maneenTPH gandoota irratti ciminan hojeechu akka qabnu fi Qindoomini koree fi Miseensoota giduu jiru cimee deemuu qaba jechuun kallaatti hojii gara fulduura ka'aani jiru.

Photos from Kominikeeshinii Waajjira Poolisii Aanaa Madda Walaabuu's post 05/26/2026

Ergaa Baga Ayyaana Iid Al Adahaa {Arafaa} 1447ffaa nagaan geessan

Caamsaa 18/2018

Ajajaan Poolisii aanaa Madda walaabuu Insp. Geetuu Badhoo Ayyaana Id Al Adahaa {Arafaa }waggaa 1447 Hordoftoota Amantaa Islaamaa Biyya keenyaa aanaa Keenyaa hundaan ergaa baga nagaan geessanii Dabarsanii Jiru.

Ayyaanni kun Ayyaana nagaa fi jaalalaa sinif haa ta'u jechuudhan Ajajaan Poolisii aanaa Madda walaabuu Insp. Geetuu Badhoo gammachuu fi jaalalaa Amantaa Islaamaaf qaban ibsatan.

Ayyaanna Gaarii.

Photos from Kominikeeshinii Waajjira Poolisii Aanaa Madda Walaabuu's post 05/21/2026

Aanaa Madda walaabuutti Haala Qophii filaanoo Biyyaaleessaa marsaa 7ffaa bara 2018 Irratti mariin Gaggeeffame

Caamsaa 13/2018

Godina Boorana Bahaa Waajjira Poolisii Aanaa Madda walaabuutti haala qophii filaanoo biyyaalessaa marsaa 7ffaa bara 2018 irratti Miseensoota Poolisii aanichaa waliin mariin gaggeeffame.

Marii kana irratti akkaata bakka buufata filaanoo irratti nageenya Uummaata keenya eguu danda'amu irratti Miseensoota Poolisii waliin bali'naan mariyatame jira.

Itti dabaluunis qaamni nageenya aanaa keenyaa Rakkoo nageenya hawaasa keenya maqsuuf qophii barbaachiisuu mara xumuruun hojiitti galuu akka qaban ajajaan waajjira Poolisii aanaa Madda walaabuu Insp. Geetuu Badhoo himanii jiru.

Photos from Kominikeeshinii Waajjira Poolisii Aanaa Madda Walaabuu's post 05/18/2026

Aanaa Madda walaabuutti mariin koree manaajimentii Waliin Gaggeeffame.
Caamsaa 10/2018

Godina Boorana Bahaa Waajjira Poolisii Aanaa Madda walaabuutti xiinxala haala yeroo maata duree jedhuun Koree manaajimentii waliin mariin gaggeeffame Jira.
Marii kana irratti xiinxala haala yeroo nageenya aanaa keenyaa fi galmee Poolisii, Qophii filaanoo, Ijaarsa mana TPH gandoota baadiyaa to,annoo daldala seeraan alaa fi namuusa hojii irratti mariiyatame.

Waltajjii kana kan gaggeesan hoogana Waajjira Poolisii Aanaa Madda walaabuu Insp.Geetuu Badhoo yoo ta,an isaanis poolisiin keenya haala yeroo biyyaa keenya aanaa keenya beekaa deemuufi Ijaarsa maneenTPH gandoota irratti cimaani hojeechu akka qabani fi qophii filaanoof nageenya Uummaata keenya eguu fi daldala seeraan alaa hordofani to'achuu akka qaban jechuun kallaatti hojii gara fulduura ka'aani jiru.

Photos from Kominikeeshinii Waajjira Poolisii Aanaa Madda Walaabuu's post 04/30/2026

Godina Boorana Bahaa Aanaa Madda Walaabuutti Dhaabilee Eguumsaa mootummaa Fi mitti mootummaa Waliin Mariin Gaggeeffame.

Ebla 22/2018

Waajjira Poolisii Aanaa Madda Walaabuutti Dhaabiileen eeguumsaa mootummaa Fi mitti mootummaa seektara 25f haala yeroo irratti hubbannoo ittisa yakkaa fi akkaata Eguumsa naannoo dabbalatte waajjiralee mootummaa Fi nageenya Magaalaa keenyaa itti egaan irratti baliinan mari'atame jira.

Mariicha irratti kan argaaman itti gafaatamaan kutaa ittisa yakkaa waajjira Poolisii aanaa Madda walaabuu Insp. Isheetuu Magaarsaa Fi itti gafaatamaan Bulchiinsa fi nageenyaa aanaa madda walaabuu obbo Awaal Aliiyee argaamani jiru.

Photos from Kominikeeshinii Waajjira Poolisii Aanaa Madda Walaabuu's post 04/28/2026

mariin gaggeeffame
Ebla 20/2018
Godina Boorana Bahaa Waajjira Poolisii Aanaa Madda Walaabuutti Mariin Gaggeeffame.

Aanaa Madda Walaabuutti Miseensoota Poolisii aanichaa waliin haala yeroo, nageenya aanaa keenya Fi qophii fillannoo wal qabaatu irratti mariin gaggeeffame.

Mariin kuniis bakka itti gafaatamaan Ku/ittisa yakka waajjira Poolisii aanaa Madda walaabuu Insp.Isheetuu Magaarsaa argamaanitti gaggeeffame.

Itti dabaluunis qaamni nageenya aanaa keenyaa sodaa fi yaaddoo Nageenya hawaasa aanaa keenya eguuf qophii barbaachiisuu xumuruun hojiitti galuu akka qaban itti gafaatamaan kutaa ittisa yakkaa waajjira Poolisii aanaa Madda walaabuu Insp. Isheetuu magaarsaa himanii jiru.

Want your business to be the top-listed Gym/sports Facility in Oregon City?

Click here to claim your Sponsored Listing.

Location

Website

Address


Oromiyaa
Oregon City, OR